LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 33:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Xiyoon ishii magaalaa ayyaanota keenyaa taate ilaali!+

      Ijji kee Yerusaalem ishii bakka jireenyaa tasgabbii qabdu,

      Ishii dunkaana hin sochoone taate sana ni ilaala.+

      Qofoowwan dunkaanaa ishii matumaa hin buqqifaman,

      Wadaroo ishii keessaa tokko illees hin citu.

  • Isaayyaas 44:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Ani dubbiin tajaajiltoota kootii akka raawwatamu nan godha,

      Raajii ergamoonni koo dubbatanis guutummaatti nan raawwadha;+

      Ani waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin bakka jireenyaa ni taati’+

      Waaʼee magaalota Yihudaas, ‘Isaan deebiʼanii ni ijaaramu,+

      Diiggaawwan ishiis deebisee nan ijaara’+ nan jedha;

  • Ermiyaas 30:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yihowaan akkana jedha:

      “Kunoo, ani warra dunkaanota Yaaqoob keessaa boojiʼaman walitti nan qaba,+

      Godoowwan qulqulluu isaatiifis nan gadda.

      Magaalattiin tabba ishii irratti deebitee ni ijaaramti,+

      Masaraan cimaan sunis iddoo isaa isa sirrii taʼe irra ni dhaabbata.

  • Ermiyaas 31:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yihudaanii fi magaalonni ishii hundi, akkasumas qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee tiksan ishii keessa waliin ni jiraatu.+

  • Ermiyaas 33:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Yihowaan akkana jedha: ‘Bakka ona namnis taʼe horiin keessa hin jiraanne jettan kana, magaalota Yihudaa fi daandiiwwan Yerusaalem warra ona taʼan warra namnis taʼe jiraattonni yookiin horiin keessa hin jiraanne keessatti ammas 11 sagaleen gammachuu fi sagaleen ililchuu,+ sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii, akkasumas sagaleen warra, “Yihowaan gaarii waan taʼeef,+ Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif galata galchaa; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata!”+ jedhanii ni dhagaʼama.’

      “‘Akkuma jalqabaatti warra biyyattii keessaa boojiʼaman deebisee waanan fiduuf, isaan kennaawwan galataa gara mana Yihowaatti ni fidu’+ jedha Yihowaan.”

  • Hisqiʼel 36:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Saba keessan, jechuunis guutummaa mana Israaʼel, eeyyee, hunda isaanii nan baayʼisa; magaalonni kan namni keessa jiraatu ni taʼu;+ diiggaawwanis deebiʼanii ni ijaaramu.+

  • Zakkaariyaas 8:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Jaarsoliinii fi jaartiiwwan umurii dheeraa jiraachuu isaaniitiin* kan kaʼe ammas ulee qabatanii addabaabayiiwwan Yerusaalem keessa ni taaʼu.+ 5 Addabaabayiiwwan magaalattii ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa achi taphataniin ni guutamu.’”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi