42 Ilaa, tajaajilaa koo+ isan deggeru!
Isan filadhe,+ isan itti gammadu!+
Ani hafuura koo isa keessa kaaʼeera;+
Innis sabootaaf haqa ni fida.+
2 Inni hin iyyu yookiin sagalee isaa ol hin kaasu,
Sagaleen isaa daandii irratti akka dhagaʼamus hin godhu.+
3 Inni shomboqqoo buruqfame hin cabsu,
Foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu.+
Inni amanamummaadhaan haqa ni fida.+
4 Hamma lafa irratti haqa fidutti ifni isaa hin hirʼatu yookiin inni hin cabu;+
Odolawwanis seera isaa ni eeggatu.