LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 2:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Mootonni lafaa iddoo iddoo isaanii qabatanii,

      Abbootiin taayitaa ol aanoonis tokko taʼanii walitti qabamanii,*+

      Yihowaa irrattii fi isa inni dibe*+ irratti kaʼaniiru.

  • Maatewos 27:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yommuu bariʼus, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa hundi Yesuusiin ajjeesuuf isa irratti mariʼatan.+ 2 Erga isa hidhanii boodas, geessanii Philaaxos isa bulchaa taʼetti dabarsanii isa kennan.+

  • Luqaas 22:66
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 66 Yommuu bariʼus, yaaʼiin maanguddoota sabichaa, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa walitti qabamanii+ gara galma yaaʼii Saanhedriinitti isa geessanii,

  • Yohaannis 18:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Achiis Yesuusiin Qayyaafaa biraa gara mana jireenyaa bulchaa sanaatti geessan.+ Yeroon isaas ganama barii ture. Isaan garuu utuu hin xuraaʼin Faasikaa nyaachuu akka dandaʼaniif, ofii isaaniitii mana bulchaa sanaa hin seenne.+

  • Hojii Ergamootaa 3:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Waaqni abbootii keenyaa, inni Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe,+ Tajaajilaan isaa Yesuus+ inni Philaaxos gadhiisuuf murteessee utuu jiruu, isin immoo dabarsitanii kennitanii+ fi Philaaxos duratti gantan sun ulfina akka argatu godhe.+

  • Hojii Ergamootaa 4:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Mootonni lafaa iddoo iddoo isaanii qabataniiru; bulchitoonnis tokko taʼanii walitti qabamanii Yihowaa* irrattii fi isa inni dibe* irratti kaʼaniiru.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi