LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 8:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kunoo, namni dhukkuba nadaayiitiin* qabame tokko gara isaa dhufee erga isaaf sagadee booda, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu* dandeessa” isaan jedhe.+

  • Maarqos 1:40-45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 Achittis namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu* dandeessa”+ jedhee isa kadhate. 41 Yesuusis baayʼee isaaf gaddee, harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe. 42 Yeruma sana dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade, namichis ni fayye.* 43 Achiis Yesuus cimsee isa akeekkachiisuudhaan yeruma sana isa geggeesse: 44 “Eenyutti iyyuu homaa akka hin dubbanne of eeggadhu; garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi; isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe. 45 Namichi garuu erga achii deemee booda wanta kana balʼinaan labsuu fi odeessuu jalqabe; kanaan kan kaʼes, sana booda Yesuus ifatti gara magaalaatti seenuu hin dandeenye; kanaa mannaa, magaalaadhaa ala bakka namni hin jirre jiraachuu jalqabe. Taʼus, namoonni kallattii hundumaa irraa gara isaa dhufu turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi