LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 1:40-44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 Achittis namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu* dandeessa”+ jedhee isa kadhate. 41 Yesuusis baayʼee isaaf gaddee, harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe. 42 Yeruma sana dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade, namichis ni fayye.* 43 Achiis Yesuus cimsee isa akeekkachiisuudhaan yeruma sana isa geggeesse: 44 “Eenyutti iyyuu homaa akka hin dubbanne of eeggadhu; garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi; isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe.

  • Luqaas 5:12-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yeroo kan biraa immoo, Yesuus magaalota sana keessaa isa tokko keessa yommuu turetti, namni guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko isa argee lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu* dandeessa”+ jedhee isa kadhate. 13 Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”* isaan jedhe. Yeruma sanas dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.+ 14 Yesuusis eenyutti iyyuu akka hin himne namicha ajaje. Achiis, “Garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi. Isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi