-
Maatewos 9:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Boodas, Yesuus mana Maatewositti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachuu* jalqaban.+ 11 Fariisonni garuu yommuu kana argan, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?”+ jedhan.
-
-
Maarqos 2:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Boodas utuu inni mana Leewwiitti maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun Yesuusii fi barattoota isaa wajjin maaddiitti dhihaatan; sababiin isaas, isaan keessaa hedduun isaanii isa duukaa buʼaa turan.+ 16 Haa taʼu malee, barsiisonni seeraa Fariisota taʼan yeroo inni cubbamootaa fi warra qaraxa sassaabanii wajjin nyaatu arganii barattoota isaatiin, “Inni akkamitti warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?” jechuu jalqaban.
-
-
Luqaas 5:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis Leewwiin mana isaatti affeerraa guddaa Yesuusiif qopheesse; namoonni qaraxa sassaabanii fi namoonni kan biroon hedduunis isaanii wajjin nyaachaa* turan.+ 30 Yeroo kanatti Fariisonnii fi barsiisonni seeraa,* “Isin warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin kan nyaattanii fi kan dhugdan maaliifi?” jedhanii barattoota isaatti gungumuu jalqaban.+
-