LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 5:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Badhaasni isin samii irratti argattan+ guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas;+ isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiru.+

  • Hojii Ergamootaa 16:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Gara halkan walakkaa garuu Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa fi faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachaa turan;+ hidhamtoonnis isaan dhaggeeffatu turan.

  • Roomaa 5:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kana qofa utuu hin taʼin, utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu;*+ sababiin isaas, rakkinni jabaatanii dhaabbachuu akka argamsiisu beekna;+

  • 2 Qorontos 12:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Kanaafuu, ani Kiristoosiif jedhee dadhabinatti, arrabsootti, dhabatti, ariʼatamattii fi rakkinatti guddaa nan gammada. Sababiin isaas, yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha.+

  • Filiphisiyus 1:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Sababiin isaas, isin Kiristoositti amanuuf qofa utuu hin taʼin, isaaf jettanii dhiphachuufis mirga argattaniittu.+

  • Ibroota 10:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Isin warra hidhamanitti gara laafina argisiistaniittu; akkasumas isinis qabeenya isa caaluu fi hin badne akka qabdan waan beektaniif,+ qabeenyi keessan yommuu saamamu gammachuu keessan hin dhabne.+

  • 1 Pheexiros 4:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kanaa mannaa, rakkina Kiristoos irraa waan hirmaattaniif+ hammuma sana gammaduu keessan itti fufaa;+ kunis yeroo inni ulfina isaatiin mulʼatutti akka gammaddanii fi akka ililchitan godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi