-
Uumama 39:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Wantoota kana booda, haati manaa gooftaa isaa ija ishii Yoseef irra buufachuu jalqabde; achiis, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. 8 Inni garuu tole hin jenne; haadha manaa gooftaa isaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, gooftaan koo mana kana keessatti wanta na harka jiru tokko illee hin beeku; wanta qabu hundumaa imaanaadhaan anatti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni ana irra caalu hin jiru; wanta hundumaa naaf kenneera; inni anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”+
-
-
1 Qorontos 6:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+
-