-
Lakkoofsa 14:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Haa taʼu malee, namoota ulfina koo fi mallattoowwan koo+ warra ani biyya Gibxii keessattii fi lafa onaa keessatti raawwadhe kan argan taʼus warra yeroo kudhan na qoranii+ fi sagalee koo hin dhageenye+ kana keessaa tokko illee 23 matumaa biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe hin argan. Namoota na tuffatan kana keessaa tokkoon isaanii illee ishii hin argan.+
-
-
Lakkoofsa 14:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, wantuma ani yeroo isin dubbattan dhagaʼe sana isin irratti nan raawwadha!+ 29 Warri umuriin keessan waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffamtan hundi, jechuunis warri ana irratti gungumtan hundi+ reeffi keessan lafa onaa kana keessatti ni kukkufa.+ 30 Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti+ tokkoon keessan illee biyya akka keessa jiraattan isiniif kakadhetti* hin galtan.+
-