2 Saamuʼel 12:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Yeroo kanatti Daawit Naataaniin, “Ani Yihowaa irratti cubbuu hojjedheera” jedhe.+ Naataanis deebisee Daawitiin akkana jedhe: “Yihowaanis cubbuu kee siif dhiisa.*+ Ati hin duutu.+ Faarfannaa 32:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe;Dogoggora koo hin dhoksine.+ Ani, “Balleessaa koo Yihowaatti nan himadha” nan jedhe.+ Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.+ (Seelaa) Fakkeenya 28:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu,+Namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.+ 1 Yohaannis 1:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuuf dhiisa, akkasumas jalʼina hundumaa irraa nu qulqulleessa.+
13 Yeroo kanatti Daawit Naataaniin, “Ani Yihowaa irratti cubbuu hojjedheera” jedhe.+ Naataanis deebisee Daawitiin akkana jedhe: “Yihowaanis cubbuu kee siif dhiisa.*+ Ati hin duutu.+
5 Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe;Dogoggora koo hin dhoksine.+ Ani, “Balleessaa koo Yihowaatti nan himadha” nan jedhe.+ Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.+ (Seelaa)
13 Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu,+Namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.+
9 Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuuf dhiisa, akkasumas jalʼina hundumaa irraa nu qulqulleessa.+