-
Faarfannaa 2:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Na gaafadhu, anis saboota dhaala kee,
Andaara lafaas qabeenya kee godhee siif nan kenna.+
-
-
Luqaas 22:28-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Haa taʼu malee, isin qorumsa koo+ keessatti ana irraa adda hin baane;+ 29 akkuma Abbaan koo anaa wajjin kakuu gale, anis isinii wajjin kakuu mootummaa nan gala;+ 30 kunis Mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa akka nyaattanii fi akka dhugdan,+ akkasumas teessoowwan irra teessanii+ gosoota Israaʼel 12n irratti akka murteessitaniifi.+
-
-
Mulʼata 20:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis teessoowwan nan arge, warri isaan irra taaʼanis akka murteessaniif aangoon isaaniif ni kenname. Eeyyee, lubbuu* warra Yesuusiif waan dhugaa baʼaniif, akkasumas waaʼee Waaqayyoo waan dubbataniif ajjeefamanii,* lubbuu warra bineensicha yookiin bifa fakkeenyaa isaa hin waaqeffannee, akkasumas mallattoo bineensichaa adda isaanii fi harka isaanii irratti hin fudhannee nan arge.+ Isaan gara jireenyaatti deebiʼanii mootota taʼanii Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan.+
-