LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Lakkoofsaa

      • Miiriyaamii fi Aaron Musee morman (1-3)

        • Museen namoota hundumaa caalaa garraamii ture (3)

      • Yihowaan Museedhaaf falme (4-8)

      • Miiriyaam dhukkuba nadaayiitiin rukutamte (9-16)

Lakkoofsa 12:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 2:16, 21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 4:14-16, 30; 15:20; 28:30; Mik 6:4
  • +Lak 11:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Museen nama lafa irra jiru kam iyyuu caalaa baayʼee kan gad of qabu ture.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 11:29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    2/2019, ful. 8

Lakkoofsa 12:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 34:5; Lak 11:25

Lakkoofsa 12:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 15:1; 46:2; Bau 24:9-11
  • +Uma 31:10, 11

Lakkoofsa 12:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guutummaa mana kootii keessatti inni amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 3:2, 5

Lakkoofsa 12:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “afaanii afaanitti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 33:11; Kes 34:10

Lakkoofsa 12:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 24:9
  • +2Se 26:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 32:11; Yaq 5:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 13:45, 46; Lak 5:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 24:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 7

Lakkoofsa 12:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 11:35; 33:18
  • +Lak 10:12

Yaada Wal Simu

Lak. 12:1Bau 2:16, 21
Lak. 12:2Bau 4:14-16, 30; 15:20; 28:30; Mik 6:4
Lak. 12:2Lak 11:1
Lak. 12:3Mat 11:29
Lak. 12:5Bau 34:5; Lak 11:25
Lak. 12:6Uma 15:1; 46:2; Bau 24:9-11
Lak. 12:6Uma 31:10, 11
Lak. 12:7Ibr 3:2, 5
Lak. 12:8Bau 33:11; Kes 34:10
Lak. 12:10Kes 24:9
Lak. 12:102Se 26:19
Lak. 12:13Bau 32:11; Yaq 5:16
Lak. 12:14Lew 13:45, 46; Lak 5:2
Lak. 12:15Kes 24:9
Lak. 12:16Lak 11:35; 33:18
Lak. 12:16Lak 10:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lakkoofsa 12:1-16

Lakkoofsa

12 Yeroo kanatti inni dubartii biyya Kuush fuudhee waan tureef, dubartii biyya Kuush fuudhe sanaan kan kaʼe+ Miiriyaamii fi Aaron Musee mormanii dubbatan. 2 Isaan, “Yihowaan kan dubbate karaa Musee qofa dhaa? Karaa keenya hoo hin dubbannee?”+ jedhu turan. Yihowaanis kana dhagaʼaa ture.+ 3 Museen namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii ture.*+

4 Yihowaanis akkuma tasaa Musee, Aaronii fi Miiriyaamiin, “Sadan keessan iyyuu gara dunkaana walgaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Kanaafuu, sadan isaanii iyyuu gad ni baʼan. 5 Yihowaanis utubaa duumessaa keessaan gad ni buʼe;+ achiis balbala dunkaanichaa dura dhaabbatee Aaronii fi Miiriyaamiin ni waame. Lamaan isaaniis gara fuulduraatti ni baʼan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, dubbii koo dhagaʼaa. Raajiin Yihowaa tokko isin gidduu utuu jiraatee, ani mulʼataan+ eenyummaa koo isatti nan beeksisa, akkasumas abjuudhaan+ isatti nan dubbadhan ture. 7 Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi ani tajaajilaa koo Musee wajjin qabu akkana miti! Guutummaan mana kootii imaanaadhaan isatti kennameera.*+ 8 Ani fuulaa fuulatti,*+ karaa namaaf hin galleen utuu hin taʼin ifatti isatti nan dubbadha; inni fuula Yihowaa ni arga. Maarree isin tajaajilaa koo Musee mormitanii dubbachuu kan hin sodaanne maaliifi?”

9 Kanaafuu, aariin Yihowaa isaan irratti ni bobaʼe; innis isaan biraa deeme. 10 Duumessichis dunkaanicha irraa ni kaʼe; yeroo kanatti kunoo, Miiriyaam dhukkuba nadaayiitiin rukutamtee akkuma cabbii addaatte.+ Aaron yommuu gara Miiriyaamitti garagalu akka ishiin dhukkuba nadaayiitiin rukutamte arge.+ 11 Innis yeruma sana Museedhaan akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo, sin kadhadha! Maaloo, cubbuu kana nutti hin lakkaaʼin! Wanti raawwanne kun gocha gowwummaa ti. 12 Maaloo, ishiin akka daaʼima duʼee fi foon isaa walakkaan nyaatamee dhalate taatee akka itti fuftu hin godhin!” 13 Museenis, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishii fayyisi! Maaloo!” jedhee gara Yihowaatti iyyuu jalqabe.+

14 Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Abbaan ishii fuula ishii irratti utuu tufee, ishiin akkuma salphattetti guyyaa torbaaf ni turti mitii? Ammas ishiin guyyaa torbaaf namoota irraa adda baafamtee buufatichaa ala haa turtu;+ sana booda gara buufatichaatti deebifamuu dandeessi.” 15 Kanaafuu, Miiriyaam guyyaa torbaaf namoota irraa addaan baafamtee buufatichaa ala ni turte;+ sabichis hamma Miiriyaam deebifamtutti dunkaana isaa buqqisee hin deemne. 16 Sana booda sabichi Hazeroot+ keessaa baʼee lafa onaa Phaaraan keessa buufate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi