Lakkoofsa
34 Yihowaan ammas itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelotaaf qajeelfama kana kenni: ‘Yommuu gara biyya Kanaʼaanitti seentan,+ biyyi Kanaʼaan inni daangaawwan isaa wajjin akka dhaalaatti isiniif kennamu kana dha.+
3 “‘Daangaan keessan inni gara kibbaa qarqara Edoom qabatee lafa onaa Ziin irraa jalqabee kan jiru taʼa; daangaan keessan inni gara kibbaa karaa bahaatiin qarqara Galaana Soogiddaa* irraa jalqabee kan jiru taʼa.+ 4 Daangaan keessan karaa kibba tabba Aqraabiim+ darbuuf kallattii isaa jijjiiree hamma Ziinitti itti fufa; dhumni isaas Qaadesh Barneʼaa+ irraa gara kibbaa ni taʼa. Achiis gara Hazaar Adaaritti+ qajeelee hamma Azmoonitti itti fufa. 5 Daangaan sun Azmoonitti kallattii isaa jijjiiree gara Laga Gogaa* Gibxiitti qajeela; dhumni isaas Galaanicha* bira ni taʼa.+
6 “‘Daangaan keessan inni gara dhihaa Galaana Guddaa* fi qarqara isaa ni taʼa. Kun daangaa keessan isa gara dhihaa ni taʼa.+
7 “‘Daangaan keessan inni gara kaabaa kana dha: Isin Galaana Guddaa irraa jalqabee hamma Gaara Hooritti+ daangaa keessan ni kaaʼattu. 8 Gaara Hoor irraa jalqabee hamma Lebo Hamaatittis*+ daangaa ni kaaʼattu; dhumni daangaa sanaas Zedaad+ taʼa. 9 Daangaan sun hamma Zifroonitti itti fufa; dhumni isaas Hazaar Enaan+ taʼa. Kun daangaa keessan isa gara kaabaa ni taʼa.
10 “‘Achiis gara bahaatiin Hazaar Enaan irraa jalqabee hamma Shefaamitti daangaa keessan kaaʼadhaa. 11 Daangaan sun Shefaam irraa jalqabee hamma Riblaatti, achiis hamma baha Aayinitti ni dheerata; gad buʼees karaa bahaatiin irraangadee Galaana Kinereet* ni qaxxaamura.+ 12 Daangaan sun hamma Yordaanositti ni dheerata; dhumni isaas Galaana Soogiddaa taʼa. Biyyi keessanii fi daangaawwan isatti marsanii jiran kana dha.’”
13 Kanaafuu, Museen akkana jedhee Israaʼelotaaf qajeelfama kenne: “Akkuma Yihowaan gosoota salganii fi walakkaa gosaatiif akka kennamu ajajetti, lafti isin carraadhaan dhaala keessan gootanii hirattan kana dha. 14 Gosti Ruubenotaa akka mana abbootii isaaniitti, gosti Gaadotaa akka mana abbootii isaaniittii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala isaanii dursanii fudhataniiru. 15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosaa sun baha naannoo Yordaanositti Yerikoo bira, gara baha biiftuutiin dhaala isaanii fudhataniiru.”
16 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: 17 “Namoonni biyyattii akka dhaaltan isiniif hiran Eleʼazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuuni. 18 Akkasumas lafattii dhaalaan akka isiniif hiraniif tokkoon tokkoon gosaa keessaa ajajaa tokko tokko ni fudhattu. 19 Maqaan namoota kanaa kana dha: gosa Yihudaa keessaa Kaaleb ilma Yofunee, 20 gosa ilmaan Simiʼoon keessaa Shemuʼel ilma Amihuud, 21 gosa Biiniyaam keessaa Elidaad ilma Kisloon, 22 gosa ilmaan Daan keessaa Buqqii ilma Yooglii isa ajajaa taʼe, 23 ilmaan Yoseef keessaa, gosa ilmaan Minaasee keessaa Haniʼeel ilma Efood isa ajajaa taʼe, 24 gosa ilmaan Efreem keessaa Qemuʼel ilma Shiftaan isa ajajaa taʼe, 25 gosa ilmaan Zaabiloon keessaa Elizaafaan ilma Paarnaak isa ajajaa taʼe, 26 gosa ilmaan Yisaakor keessaa Paaltiʼel ilma Azaan isa ajajaa taʼe, 27 gosa ilmaan Asheer keessaa Ahihud ilma Shelomii isa ajajaa taʼe, 28 gosa ilmaan Niftaalem keessaa immoo Pedaahel ilma Amihuud isa ajajaa taʼe.” 29 Namoonni biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelotaaf biyyattii akka hihiran Yihowaan ajaje kanneen kana turan.