LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miilkiyaas 1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Miilkiyaas

      • Jaalala Yihowaan saba isaatiif qabu (1-5)

      • Luboonni aarsaawwan gad aanoo dhiheessan (6-14)

        • Maqaan Waaqaa saboota gidduutti guddaa taʼa (11)

Miilkiyaas 1:1

Miiljaleewwan

  • *

    “Ergamaa Koo” jechuu dha.

Miilkiyaas 1:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 10:15
  • +Uma 25:25, 26

Miilkiyaas 1:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 9:13
  • +Er 49:20; Yoe 3:19
  • +Isa 34:10, 13

Miilkiyaas 1:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 34:5; Oba 18

Miilkiyaas 1:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Gooftaa guddicha.”

  • *

    Ykn., “ulfinni.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:12
  • +Bau 4:22
  • +Isa 1:2
  • +His 22:26

Miilkiyaas 1:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “daabboo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 41:21, 22; 1Qo 10:21

Miilkiyaas 1:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 22:20, 22; Kes 15:21

Miilkiyaas 1:10

Miiljaleewwan

  • *

    Hojii balbala mana qulqullummaa cufuu kan argisiisu fakkaata.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 23:4
  • +Er 6:13; Mik 3:11
  • +Isa 1:11; Er 6:20

Miilkiyaas 1:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bahaa hamma dhihaatti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 113:3; Isa 45:6; 59:19
  • +Fr 22:27; Sef 3:9; Mat 28:19; Mul 15:4

Miilkiyaas 1:12

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “na.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 1:7
  • +His 22:26

Miilkiyaas 1:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 22:20, 22; Kes 15:21; 17:1

Miilkiyaas 1:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 47:2; Er 10:10
  • +Mul 15:4

Yaada Wal Simu

Mil. 1:2Kes 10:15
Mil. 1:2Uma 25:25, 26
Mil. 1:3Rom 9:13
Mil. 1:3Er 49:20; Yoe 3:19
Mil. 1:3Isa 34:10, 13
Mil. 1:4Isa 34:5; Oba 18
Mil. 1:6Bau 20:12
Mil. 1:6Bau 4:22
Mil. 1:6Isa 1:2
Mil. 1:6His 22:26
Mil. 1:7His 41:21, 22; 1Qo 10:21
Mil. 1:8Lew 22:20, 22; Kes 15:21
Mil. 1:102Se 23:4
Mil. 1:10Er 6:13; Mik 3:11
Mil. 1:10Isa 1:11; Er 6:20
Mil. 1:11Fr 113:3; Isa 45:6; 59:19
Mil. 1:11Fr 22:27; Sef 3:9; Mat 28:19; Mul 15:4
Mil. 1:12Mil 1:7
Mil. 1:12His 22:26
Mil. 1:13Lew 22:20, 22; Kes 15:21; 17:1
Mil. 1:14Fr 47:2; Er 10:10
Mil. 1:14Mul 15:4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Miilkiyaas 1:1-14

Miilkiyaas

1 Murtii Waaqayyo dabarse:

Dubbii Yihowaan karaa Miilkiyaas* Israaʼelitti dubbate:

2 “Ani jaalala isinitti argisiiseera”+ jedha Yihowaan.

Isin garuu, “Ati akkamitti jaalala nutti argisiiste?” jettu.

Yihowaan akkana jedha: “Esaawu obboleessa Yaaqoob mitii?+ Haa taʼu malee, ani Yaaqoobiin nan jaalladhe, 3 Esaawuun immoo nan jibbe;+ gaarota isaa ona nan godhe;+ dhaala isaas sardiidota lafa onaatiif nan kenne.”+

4 “Edoom, ‘Nuti caccabneerra; taʼus, ni deebina, isa diigames ni ijaarra’ yoo jedhe illee, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan ni ijaaru, taʼus ani nan diiga; isaanis “naannoo hamminni itti raawwatamuu” fi “saba Yihowaan bara baraaf balaaleffatu” jedhamanii ni waamamu.+ 5 Ijji keessan kana ni arga; isin, “Yihowaan naannoo Israaʼel irratti guddaa haa taʼu” jettu.’”

6 “Isin luboonni warri maqaa koo tuffattan nana, ‘Ilmi abbaa isaa,+ tajaajilaanis gooftaa isaa ni kabaja. Maarree, ani abbaa keessan yoon taʼe,+ kabajni naaf malu meerre?+ Gooftaa keessan* yoon taʼes sodaan* naaf malu meerre?’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

“‘Isin garuu, “Nuti akkamitti maqaa kee tuffanne?” jettu.’

7 “‘Iddoo aarsaa koo irratti nyaata* faalame dhiheessuudhaani.’

“‘Akkasumas isin, “Akkamitti si faalle?” jettu.’

“‘“Maaddiin Yihowaa+ tuffatamaa dha” jechuudhaani. 8 Horii jaamaa taʼe aarsaa gootanii yeroo dhiheessitan, “Rakkina tokko iyyuu hin qabu” jettu. Horii naafa yookiin dhukkubsataa taʼe yeroo dhiheessitanis, “Rakkina tokko iyyuu hin qabu” jettu.’”+

“Mee bulchaa keessaniif isaan dhiheessuuf yaalaa. Inni isinitti ni gammadaa? Yookiin gammachuudhaan isin ni simataa?” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

9 “Ammas maaloo, gaarummaa akka argisiisuuf Waaqa kadhadhaa. Aarsaawwan akkanaa qabattanii utuu jirtanii, inni gammachuudhaan isin ni simataa?” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

10 “Isin keessaa balbaloota sana cufuuf fedhii kan qabu eenyu?*+ Isin iddoo aarsaa koo irratti ibidda qabsiisuuf illee gatii gaafattu.+ Ani isinitti hin gammadu, aarsaan naaf dhiheessitan kam iyyuus na hin gammachiisu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+

11 “Sababiin isaas, baha biiftuu irraa kaasee hamma lixa biiftuutti* maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼa.+ Maqaan koo saboota gidduutti guddaa waan taʼuuf, iddoo hundumaatti aarsaawwan ni aarfamu, kennaawwanis kennaa qulqulluu taʼanii ulfina maqaa kootiif ni dhihaatu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

12 “Isin garuu, ‘Maaddiin Yihowaa faalameera, firiin isaa, nyaanni isaas tuffatamaa dha’+ jechuudhaan isa* xureessaa jirtu.+ 13 Akkasumas, tuffiidhaan ‘Ilaa, akkam nama nuffisiisa!’ jettu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Isin horii hatame, naafaa fi dhukkubsataa fiddu. Eeyyee, wantoota akkanaa akka kennaatti fiddu! Maarree, ani isin harkaa fudhachuun qabaa?”+ jedha Yihowaan.

14 “Namni bushaayee isaa keessaa horii mudaa hin qabne utuma qabuu wareega wareegee horii mudaa qabu aarsaa godhee Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan gowwoomsaa raawwatu abaaramaa haa taʼu. Sababiin isaas, ani Mootii isa guddaa dha;+ maqaan koos saboota gidduutti sodaachisaa ni taʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi