LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 115
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Ulfinni Waaqaaf qofa kennamuu qaba

        • Waaqolii tolfamoo lubbuu hin qabne (4-8)

        • Lafti namootaaf kennamte (16)

        • “Warri duʼan Yaahiin hin jajatan” (17)

Faarfannaa 115:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Yaa Yihowaa, nuti homaa hin qabnu, eeyyee nuti homaa hin qabnu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 138:2
  • +Isa 48:11; Yoh 12:28

Faarfannaa 115:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 32:12; Lak 14:15, 16; Kes 32:26, 27; Fr 79:10

Faarfannaa 115:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 135:15-18; Isa 40:19; 46:6; Er 10:3, 4, 8, 9; HoE 19:26; 1Qo 10:19

Faarfannaa 115:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +An 2:19

Faarfannaa 115:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 5:3; Isa 46:7
  • +An 2:18

Faarfannaa 115:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 97:7; Isa 44:9

Faarfannaa 115:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 3:5
  • +Kes 33:29; Fr 33:20

Faarfannaa 115:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 28:1

Faarfannaa 115:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 16:20
  • +Fr 84:11

Faarfannaa 115:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 12:2

Faarfannaa 115:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ilmaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 13:16

Faarfannaa 115:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 96:5
  • +Fr 3:8

Faarfannaa 115:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 66:1
  • +Uma 1:28; Fr 37:29; Isa 45:18; HoE 17:26

Faarfannaa 115:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “gara iddoo callisaa taʼetti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 6:5; Lal 9:5
  • +Fr 31:17

Faarfannaa 115:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.

Yaada Wal Simu

Far. 115:1Fr 138:2
Far. 115:1Isa 48:11; Yoh 12:28
Far. 115:2Bau 32:12; Lak 14:15, 16; Kes 32:26, 27; Fr 79:10
Far. 115:4Fr 135:15-18; Isa 40:19; 46:6; Er 10:3, 4, 8, 9; HoE 19:26; 1Qo 10:19
Far. 115:5An 2:19
Far. 115:71Sa 5:3; Isa 46:7
Far. 115:7An 2:18
Far. 115:8Fr 97:7; Isa 44:9
Far. 115:9Fak 3:5
Far. 115:9Kes 33:29; Fr 33:20
Far. 115:10Bau 28:1
Far. 115:11Fak 16:20
Far. 115:11Fr 84:11
Far. 115:12Uma 12:2
Far. 115:14Uma 13:16
Far. 115:15Fr 96:5
Far. 115:15Fr 3:8
Far. 115:16Isa 66:1
Far. 115:16Uma 1:28; Fr 37:29; Isa 45:18; HoE 17:26
Far. 115:17Fr 6:5; Lal 9:5
Far. 115:17Fr 31:17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 115:1-18

Faarfannaa

115 Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,+

Yaa Yihowaa, nuuf utuu hin taʼin, eeyyee, nuuf utuu hin taʼin,*

Maqaa keetiif ulfinni haa taʼu.+

 2 Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?”

Maaliif haa jedhan?+

 3 Waaqni keenya samii irra jira;

Inni wanta isatti tolu akkamii iyyuu ni raawwata.

 4 Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,

Warra hojii harka namaa taʼani dha.+

 5 Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+

Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;

 6 Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;

Funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan;

 7 Harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan;

Miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan;+

Qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan.+

 8 Namoonni isaan tolchan,

Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+

 9 Yaa Israaʼelotaa, Yihowaatti amanamaa,+

Inni gargaaraa fi gaachana keessani.+

10 Isin manni Aaron,+ Yihowaatti amanamaa,

Inni gargaaraa fi gaachana keessani.

11 Isin warri Yihowaa sodaattan, Yihowaatti amanamaa,+

Inni gargaaraa fi gaachana keessani.+

12 Yihowaan nu yaadata, nu eebbisas;

Inni mana Israaʼel ni eebbisa;+

Mana Aaronis ni eebbisa.

13 Xinnaas taʼe guddaa,

Inni warra Yihowaa sodaatan ni eebbisa.

14 Yihowaan isinis taatan ijoolleen* keessan

Akka baayʼattan ni godha.+

15 Yihowaan inni samii fi lafa tolche+

Isin haa eebbisu.+

16 Samiiwwan kan Yihowaa ti,+

Lafa garuu ilmaan namootaatiif kenne.+

17 Warri duʼan Yaahiin hin jajatan;+

Namni gara duʼaatti* gad buʼu hundis isa hin jajatu.+

18 Nuti garuu ammaa jalqabee bara baraaf

Yaahiin ni jajanna.

Yaahiin jajadhaa!*

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi