LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miikiyaas 7
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Miikiyaas

      • Amala hamaa Israaʼel qabu (1-6)

        • Maatiin ofii diina namatti taʼa (6)

      • “Obsaan nan eeggadha” (7)

      • Sabni Waaqaa ni qulqullaaʼe (8-13)

      • Kadhannaa fi jajannaa Miikiyaas dhiheesse (14-20)

        • Deebii Yihowaan kenne (15-17)

        • ‘Waaqni akka Yihowaa eenyu?’ (18)

Miikiyaas 7:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun koo kan.”

Miikiyaas 7:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 57:1
  • +Isa 59:7

Miikiyaas 7:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “wanta lubbuun isaa dharraʼe.”

  • *

    Kal., “walitti foʼu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 3:5; 4:22; His 22:6
  • +Isa 1:23; Mik 3:11
  • +1Mo 21:5, 6

Miikiyaas 7:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 10:3; His 12:23; Hos 9:7
  • +Isa 22:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2013, ful. 10-11

Miikiyaas 7:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 9:4

Miikiyaas 7:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 22:7
  • +Luq 12:53
  • +Er 12:6; Mat 10:35, 36

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2013, ful. 11

Miikiyaas 7:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ilaalcha sirrii qabaadhee.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 123:2; Isa 8:17
  • +Fr 25:5; 62:1; Fru 3:26
  • +Fr 40:1; Isa 12:2; 25:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2013, ful. 10-11

Miikiyaas 7:8

Miiljaleewwan

  • *

    Afaan Ibrootaatiin jechi “diina” jedhamee hiikame dubartii argisiisa.

Miikiyaas 7:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 1:18

Miikiyaas 7:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 79:10; 115:2; Yoe 2:17

Miikiyaas 7:12

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Efraaxis.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 11:16; 27:13; Hos 11:11

Miikiyaas 7:13

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Firii gocha isaaniitiin.”

Miikiyaas 7:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 40:11
  • +Er 50:19; His 34:23

Miikiyaas 7:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 78:12; Isa 63:11; Er 23:7, 8

Miikiyaas 7:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 126:2; Isa 26:11; 66:18

Miikiyaas 7:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 49:23
  • +Er 33:9

Miikiyaas 7:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 23:3; Yoe 2:32
  • +Bau 34:6, 7; Isa 1:18; 44:22; Er 50:20; Dan 9:9
  • +Fr 103:9; Isa 57:16; Fru 3:22

Miikiyaas 7:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ni dhidhiita; ni injifata.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 30:3; Fr 103:8, 13; Hos 2:19
  • +Fr 103:12; Isa 55:7; Er 31:34

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 316-317

Miikiyaas 7:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 22:17; Fr 105:8-11; Luq 1:72, 73; HoE 3:25, 26

Yaada Wal Simu

Mik. 7:2Isa 57:1
Mik. 7:2Isa 59:7
Mik. 7:3Er 3:5; 4:22; His 22:6
Mik. 7:3Isa 1:23; Mik 3:11
Mik. 7:31Mo 21:5, 6
Mik. 7:4Isa 10:3; His 12:23; Hos 9:7
Mik. 7:4Isa 22:5
Mik. 7:5Er 9:4
Mik. 7:6His 22:7
Mik. 7:6Luq 12:53
Mik. 7:6Er 12:6; Mat 10:35, 36
Mik. 7:7Fr 123:2; Isa 8:17
Mik. 7:7Fr 25:5; 62:1; Fru 3:26
Mik. 7:7Fr 40:1; Isa 12:2; 25:9
Mik. 7:9Fru 1:18
Mik. 7:10Fr 79:10; 115:2; Yoe 2:17
Mik. 7:12Isa 11:16; 27:13; Hos 11:11
Mik. 7:14Isa 40:11
Mik. 7:14Er 50:19; His 34:23
Mik. 7:15Fr 78:12; Isa 63:11; Er 23:7, 8
Mik. 7:16Fr 126:2; Isa 26:11; 66:18
Mik. 7:17Isa 49:23
Mik. 7:17Er 33:9
Mik. 7:18Er 23:3; Yoe 2:32
Mik. 7:18Bau 34:6, 7; Isa 1:18; 44:22; Er 50:20; Dan 9:9
Mik. 7:18Fr 103:9; Isa 57:16; Fru 3:22
Mik. 7:19Kes 30:3; Fr 103:8, 13; Hos 2:19
Mik. 7:19Fr 103:12; Isa 55:7; Er 31:34
Mik. 7:20Uma 22:17; Fr 105:8-11; Luq 1:72, 73; HoE 3:25, 26
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Miikiyaas 7:1-20

Miikiyaas

7 Anaaf wayyoo! Ani akka nama

Firiin bonaa erga walitti qabamee fi

Yeroon firiin wayinii walitti qabamu darbee qaarmiin erga funaanamee booda

Firii wayinii walitti tuutaʼe nyaataaf hin argannee taʼeera,

Harbuu jalqaba gaʼu kanan* dharraʼe taʼus hin arganne.

 2 Namni amanamaan lafa irraa badeera;

Namoota gidduu namni qajeelaan hin jiru.+

Hundi isaanii iyyuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu.+

Tokkoon tokkoon namaa obboleessuma isaa saaphana qurxummiitiin ni adamsa.

 3 Harki isaanii wanta hamaa hojjechuu irratti dandeettii guddaa qaba;+

Bulchaan waa gaafata,+

Abbaan murtii gatii gaafata,

Namni beekamaan fedhii isaa* ibsata,+

Isaan waliin taʼanii hammina qopheessu.*

 4 Isaan keessaa inni hundumaa irra wayyu akka qoree ti,

Inni hundumaa caalaa qajeelaa taʼes dallaa qoree caalaa hammaata.

Guyyaan eegdonni kee waaʼee isaa dubbatan, guyyaan ati itti qoratamtu ni dhufa.+

Amma isaan ni sodaatu.+

 5 Hiriyaa keessan hin amaninaa,

Yookiin michuu dhihoo keessanitti hin amanaminaa.+

Ishii hammattee ciistu sanatti wanta dubbattu ilaalchisee of eeggadhu.

 6 Sababiin isaas, ilmi abbaa isaa ni tuffata,

Intalli haadha ishii irratti ni kaati,+

Haati manaa ilmaas amaatii ishii irratti ni kaati;+

Diinonni namaa miseensota maatii isaa ti.+

 7 Ani garuu dammaqinaan Yihowaa eeggachuu koo ittan fufa.+

Waaqa fayyinaa koo obsaan* nan eeggadha.+

Waaqni koo na dhagaʼa.+

 8 Yaa diina* koo, rakkina kootti hin gammadin.

Kanan kufe taʼus, nan kaʼa;

Dukkana keessa kanan jiraadhu taʼus, Yihowaan ifa koo ni taʼa.

 9 Ani cubbuu waanan isa irratti hojjedheef,+

Hamma inni dhimma koo irratti naaf falmuttii fi haqa naaf argamsiisutti

Dheekkamsa Yihowaa nan baadha.

Inni gara ifaatti na baasa;

Anis qajeelummaa isaa nan ilaala.

10 Diinni koos ni argiti,

Ishii, “Waaqni kee Yihowaan eessa jira?”+

Naan jette qaaniin ni haguuga.

Ijji koo ishii ni ilaala.

Amma ishiin akkuma dhoqqee daandii irra jiruutti ni dhidhiitamti.

11 Guyyaa sanatti dallaawwan dhagaa kee ni ijaaramu;

Guyyaa sanatti daangaan biyya keetii ni balʼata.

12 Guyyaa sanatti namoonni Asoorii fi magaalota Gibxii keessa jiran,

Akkasumas Gibxiidhaa hamma Lagichaatti,*

Galaanaa hamma galaanaattii fi gaaraa hamma gaaraatti jiran

Gara kee ni dhufu.+

13 Biyyattiinis jiraattota ishiitiin kan kaʼe,

Wanta isaan raawwataniin* kan kaʼe ona ni taati.

14 Saba kee, bushaayee dhaala keetii,

Isa bosona keessa, maasii fuduraa gidduu kophaa isaa jiraachaa ture sana ulee keetiin tiksi.+

Isaan akkuma bara durii Baashaanii fi Giiliyaad keessa haa dheedan.+

15 “Akkuman yeroo biyya Gibxii keessaa baatanitti godhe,

Wantoota dinqisiisoo isinitti nan argisiisa.+

16 Saboonni kana ni ilaalu, isaan ciccimoo taʼanis ni salphatu.+

Harka isaaniitiin afaan isaanii ni qabatu;

Gurri isaaniis ni duuda.

17 Isaan akkuma bofaa biyyoo arraabu;+

Akkuma uumamawwan lafa irra loʼaniis hollachaa dahoo isaanii keessaa ni baʼu.

Isaan sodaadhaan romʼaa gara Waaqa keenya Yihowaa ni dhufu,

Siinis ni sodaatu.”+

18 Waaqni akka keetti

Warra dhaala isaa keessaa hafaniif+ balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?+

Inni jaalala amanamaatti waan gammaduuf,

Bara baraaf akkuma dheekkametti itti hin fufu.+

19 Inni ammas gara laafina nutti argisiisa;+ balleessaa keenyas toʼannaa jala ni galcha.*

Ati cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta.+

20 Ati akkuma bara duriitti abbootii keenyaaf kakattetti,+

Yaaqoobitti amanamummaa,

Abrahaamittis jaalala amanamaa ni argisiista.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi