LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Gaarri Yihowaa ol ni kaafama (1-5)

        • Goraadee gara maarashaatti (4)

      • Guyyaan Yihowaa warra of tuulan ni salphisa (6-22)

Isaayyaas 2:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:1

Isaayyaas 2:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Zak 8:3
  • +Fr 72:1, 8; 86:9; Mik 4:1-3; Hag 2:7; HoE 10:34, 35

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 142, 154

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    12/2016, ful. 3

    Masaraa Eegumsaa,

    11/1/2007, ful. 15-16

Isaayyaas 2:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barumsi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Zak 8:23
  • +Isa 54:13
  • +Isa 51:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2016, ful. 17

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 2 2016, ful. 13

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    12/2016, ful. 3

Isaayyaas 2:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 46:9
  • +Fr 72:7; Isa 60:18; Mat 26:52

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    12/2016, ful. 3

Isaayyaas 2:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:19, 20

Isaayyaas 2:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:16, 17
  • +Kes 18:10

Isaayyaas 2:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 17:15, 16

Isaayyaas 2:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 28:1, 2; 33:1, 7

Isaayyaas 2:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:18

Isaayyaas 2:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Sef 1:4, 7
  • +Isa 66:16

Isaayyaas 2:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 10:22; His 27:25

Isaayyaas 2:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 27:9

Isaayyaas 2:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 2:10; 2Ta 1:9
  • +Mul 6:15

Isaayyaas 2:20

Miiljaleewwan

  • *

    Gosa hantuutaa nyaatee hin quufne.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 30:22; 31:7

Isaayyaas 2:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hafuurri isaa funyaan isaa keessa jirutti.”

Yaada Wal Simu

Isa. 2:1Isa 1:1
Isa. 2:2Zak 8:3
Isa. 2:2Fr 72:1, 8; 86:9; Mik 4:1-3; Hag 2:7; HoE 10:34, 35
Isa. 2:3Zak 8:23
Isa. 2:3Isa 54:13
Isa. 2:3Isa 51:4
Isa. 2:4Fr 46:9
Isa. 2:4Fr 72:7; Isa 60:18; Mat 26:52
Isa. 2:5Isa 60:19, 20
Isa. 2:6Kes 31:16, 17
Isa. 2:6Kes 18:10
Isa. 2:7Kes 17:15, 16
Isa. 2:82Se 28:1, 2; 33:1, 7
Isa. 2:10Bau 20:18
Isa. 2:12Sef 1:4, 7
Isa. 2:12Isa 66:16
Isa. 2:161Mo 10:22; His 27:25
Isa. 2:18Isa 27:9
Isa. 2:19Isa 2:10; 2Ta 1:9
Isa. 2:19Mul 6:15
Isa. 2:20Isa 30:22; 31:7
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 2:1-22

Isaayyaas

2 Wanti Isaayyaas ilmi Amooz Yihudaa fi Yerusaalemiin ilaalchisee arge kana dha:+

 2 Guyyoota dhumaatti,

Gaarri mana Yihowaa

Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+

Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,

Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+

 3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

“Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+

Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+

 4 Inni saboota gidduutti murtii ni kenna,

Dhimmoota namoota hedduutiifis furmaata ni argamsiisa.

Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,

Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+

Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,

Isaan kana booda waraana hin baratan.+

 5 Yaa mana Yaaqoob, kottaa,

Ifa Yihowaatiin haa deddeebinu.+

 6 Ati saba kee, mana Yaaqoob dhiisteetta,+

Sababiin isaas, isaan wantoota Baha irraa dhufaniin guutamaniiru;

Isaan akkuma Filisxeemotaatti mora raawwatu,+

Ijoollee namoota biyya ormaatiinis guutamaniiru.

 7 Biyyi isaanii meetii fi warqiidhaan kan guutame dha,

Qabeenyi isaaniis hammana kan jedhamu miti.

Biyyi isaanii fardeeniin kan guutame dha,

Gaariiwwan fardaa isaaniis hammana kan jedhaman miti.+

 8 Biyyi isaanii waaqolii gatii hin qabneen guutameera.+

Isaan hojii harka isaaniitiif,

Wantuma qubni isaanii tolcheef ni sagadu.

 9 Kanaafuu, namni gad ni qabama, ni salphatas,

Atis matumaa dhiifama isaaniif hin gootu.

10 Fuula Yihowaa isa sodaachisaa,

Simboo isaa isa ulfina qabeessa taʼeenis kan kaʼe,+

Isin qarsaa keessa seenaa, biyyoo keessas dhokadhaa.

11 Ijji namaa inni of tuulu ni salphifama,

Namoonni of guguddisanis gad ni qabamu.

Guyyaa sanatti Yihowaa qofatu ol qabama.

12 Sababiin isaas, guyyichi guyyaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+

Guyyichi nama of tuuluu fi ol of qabu hundumaa irratti,

Isa ol qabames taʼe isa gad qabame hundumaa irratti,+

13 Mukeetii gaattiraa Libaanon warra dhedheeroo fi ol kaʼoo taʼan hundumaa irratti,

Mukeetii qilxuu Baashaan hundumaa irrattis,

14 Gaarota ol kaʼoo hundumaa irratti

Tulluuwwan dhedheeroo hundumaa irrattis,

15 Masaraa ol kaʼaa hundumaa fi dallaa dhagaa hundumaa irratti,

16 Dooniiwwan Tarshiish+ hundumaa irratti,

Akkasumas bidiruuwwan babbareedoo hundumaa irratti ni dhufa.

17 Namni of tuulu ni salphifama,

Namoonni of guguddisanis gad ni qabamu.

Guyyaa sanatti Yihowaa qofatu ol qabama.

18 Waaqoliin gatii hin qabne guutummaatti ni badu.+

19 Yeroo inni lafti sodaadhaan akka hollattu gochuuf kaʼutti,

Fuula Yihowaa isa sodaachisaa taʼeen,

Simboo isaa isa ulfina qabeessa taʼeenis kan kaʼe,+

Namoonni gara holqa qarsaa keessa jiruutti,

Gara boolla lafa keessa jiruuttis ni seenu.+

20 Guyyaa sanatti namoonni waaqolii isaanii warra gatii hin qabne, warra meetii fi warqii irraa tolfaman,

Warra isaaniif sagaduuf tolfatanii turan sana fuudhanii,

Hantuutaa* fi simbira halkaniitiif ni darbatu;+

21 Isaan kana kan godhan, yeroo inni lafti sodaadhaan akka hollattu gochuuf kaʼutti,

Fuula Yihowaa isa sodaachisaa taʼeen,

Simboo isaa isa ulfina qabeessa taʼeenis kan kaʼe,

Gara boolla qarsaa keessa jiruutti,

Gara baqaqaa kattaa keessa jiruuttis seenuuf jedhanii ti.

22 Ofuma keessaniif jedhaatii

Nama isa akkuma hafuura funyaan isaa keessaa baʼuu taʼetti* amanamuu dhiisaa.

Bakki guddaan maaliif isaaf kennama?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi