LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 22
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Murtii Sulula Mulʼataa ilaalchisee dabarfame (1-14)

      • Shebnaan inni bulchaa taʼe Eliyaaqiimiin bakka buufame (15-25)

        • Fannoo fakkeenya taʼe (23-25)

Isaayyaas 22:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kun Yerusaalemiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 6:6

Isaayyaas 22:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 3:1; Er 38:2; Fru 4:9

Isaayyaas 22:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 25:4, 5
  • +2Mo 25:11

Isaayyaas 22:4

Miiljaleewwan

  • *

    As irratti Yerusaalem nameeffamtee kan ibsamte yeroo taʼu, yaanni bifa walalootiin barreeffame kun gaddaa fi gara laafina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 4:19; 8:18, 19; 9:1
  • +Mik 1:8, 9

Isaayyaas 22:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 7:4
  • +2Mo 25:10; Nah 1:3

Isaayyaas 22:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “abbootii fardeenii.”

  • *

    Ykn., “ni qopheessiti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:22
  • +2Mo 16:9

Isaayyaas 22:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Dirreewwan gad buʼoon.”

  • *

    Ykn., “Abbootiin fardeeniis.”

Isaayyaas 22:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Eegumsi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:1, 2

Isaayyaas 22:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 25:9, 10; Er 52:7
  • +Nah 3:15

Isaayyaas 22:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoe 2:17

Isaayyaas 22:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 5:12; 56:12; Amo 6:1, 4; Luq 17:27; Yaq 5:5
  • +1Qo 15:32

Isaayyaas 22:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:31; Isa 1:11; Er 15:1; His 24:13

Isaayyaas 22:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:37; 19:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2018, ful. 25

Isaayyaas 22:16

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “iddoo jireenyaa.”

Isaayyaas 22:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:26, 37

Isaayyaas 22:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bulchiinsa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 41:41, 42; As 8:15

Isaayyaas 22:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 3:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2009, ful. 31

Isaayyaas 22:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ulfaatina.”

  • *

    Ykn., “latiiwwan.”

  • *

    Ykn., “okkoteewwan.”

Isaayyaas 22:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 22:15, 17

Yaada Wal Simu

Isa. 22:1Er 6:6
Isa. 22:2Isa 3:1; Er 38:2; Fru 4:9
Isa. 22:32Mo 25:4, 5
Isa. 22:32Mo 25:11
Isa. 22:4Er 4:19; 8:18, 19; 9:1
Isa. 22:4Mik 1:8, 9
Isa. 22:5Mik 7:4
Isa. 22:52Mo 25:10; Nah 1:3
Isa. 22:6Uma 10:22
Isa. 22:62Mo 16:9
Isa. 22:81Mo 7:1, 2
Isa. 22:92Mo 25:9, 10; Er 52:7
Isa. 22:9Nah 3:15
Isa. 22:12Yoe 2:17
Isa. 22:13Isa 5:12; 56:12; Amo 6:1, 4; Luq 17:27; Yaq 5:5
Isa. 22:131Qo 15:32
Isa. 22:14Lew 26:31; Isa 1:11; Er 15:1; His 24:13
Isa. 22:152Mo 18:37; 19:2
Isa. 22:202Mo 18:26, 37
Isa. 22:21Uma 41:41, 42; As 8:15
Isa. 22:22Mul 3:7
Isa. 22:25Isa 22:15, 17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 22:1-25

Isaayyaas

22 Murtii Sulula Mulʼataa* ilaalchisee dabarfame:+

Ati gara baaxiiwwaniitti kan ol baate maaliifi?

 2 Yaa magaalaa ishii wacaa fi gammachuu guddaadhaan guutamte nana,

Ati jeequmsaan guutamteetta.

Namoonni kee warri ajjeefaman kan ajjeefaman goraadeedhaan miti,

Kan duʼanis waraana irratti miti.+

 3 Namoonni kee warri abbootii irree taʼan hundi walumaan baqataniiru.+

Isaan iddaa tokko malee mana hidhaatti galfamaniiru.

Gara biyya fagootti baqatanii kan turan yoo taʼe iyyuu,

Warri argaman hundi mana hidhaatti galfamaniiru.+

 4 Anis akkana kanan jedhe kanaafi: “Ija kee na irraa kaasi,

Ani hirqinfadheen booʼa.+

Badiisa intala* saba kootii irra gaʼeef

Na jajjabeessuuf hin yaalinaa.+

 5 Sababiin isaas, guyyichi guyyaa burjaajaʼuu, guyyaa moʼamuu fi guyyaa naasuu,+

Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa biraa

Sulula Mulʼataatti dhufe dha.

Dallichi ni diigama,+

Iyyis gara gaarichaatti ol ni baʼa.

 6 Eelaam+ korojoo xiyyaa walitti qabdee,

Gaariiwwan fardaa namoonni irra jiranii fi fardeenii* wajjin ni dhufti,

Qiiris+ gaachana ni baasti.*

 7 Sululawwan* kee warri hunda caalaa filatamoo taʼan,

Gaariiwwan fardaa waraanaatiin ni guutamu,

Fardeenis* karricha biratti iddoo isaanii ni qabatu,

 8 Golgaan* Yihudaas irraa ni kaafama.

“Guyyaa sanatti ati gara mana kuusaa meeshaa waraanaa Mana Bosonaa sanaa ni ilaalta;+ 9 baqaqaawwan hedduu dallaa Magaalaa Daawitis ni argitu.+ Bishaanota bishaan kuufamaa isa gadiis walitti ni qabdu.+ 10 Manneen Yerusaalem ni lakkooftu, dallicha cimsuufis manneen ni jigsitu. 11 Bishaan kuufamaa isa bara durii sanaaf, dallaawwan lamaan gidduutti meeshaa bishaan itti kuusan ni tolchitu; taʼus, Uumaa ishii isa Guddaa hin ilaaltan, isa bara dheeraa dura ishii tolche sana hin argitan.

12 Guyyaa sanatti Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

Booʼichaa fi gadda,+

Mataa haadamee fi uffata gaddaa uffachuu ni waama.

13 Garuu, ayyaana kabajuu fi gammachuu,

Loonii fi hoolaa qaluu,

Foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu taʼaa jira.+

‘Boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnu.’”+

14 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee gurra kootti natti hime: “‘Hamma isin duutanitti balleessaan kun isiniif hin dhiifamu’+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”

15 Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Gara bulchaa kanaa, gara Shebnaa+ isa manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe sanaa dhaqiitii akkana isaan jedhi: 16 ‘Bakka kanatti ofii keetiif iddoo awwaalchaa qopheeffachuuf mirga maalii qabda? Akkana akka gootu hoo eenyutu siif heyyame?’ Inni iddoo ol kaʼaa tokko irratti iddoo awwaalchaa qopheeffachaa jira; qarsaa tokko keessatti ofii isaatiif iddoo boqonnaa* qopheeffachaa jira. 17 ‘Yaa namicha nana, kunoo, Yihowaan humnaan gad si darbata; jabeessees si qaba. 18 Inni dhugumaan cimsee si maree akkuma kubbaatti gara lafa balʼaatti si darbata. Achitti ni duuta, gaariiwwan fardaa kee warri ulfina qabeeyyiin achitti ni hafu; kunis mana gooftaa keetiitiif salphina dha. 19 Ani iddoo kee irraa sin kaasa, aangoo kee irraas sin ariʼa.

20 “‘Guyyaa sanatti Eliyaaqiim+ ilma Hilqiyaa isa tajaajilaa koo taʼe nan waama; 21 uffata kee isatti nan uwwisa, sabbata kee mudhii isaatti cimsee nan hidha,+ aangoo* kees harka isaatti dabarsee nan kenna. Innis jiraattota Yerusaalemii fi mana Yihudaatiif abbaa ni taʼa. 22 Furtuu mana Daawitis+ gateettii isaa irra nan kaaʼa. Balbala inni banu namni tokko illee hin cufu; balbala inni cufus namni tokko illee hin banu. 23 Ani akka fannootti iddoo dhaabbataa irratti isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. 24 Isaanis ulfina* mana abbaa isaa hundumaa, sanyiiwwanii fi ijoollee,* miʼawwan xixinnoo hundumaa, saaniiwwan golboo, akkasumas hubboowwan* guguddoo hundumaa isa irratti ni fannisu.

25 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti fannoon iddoo dhaabbataa irra dhaabame sun ni buqqifama,+ muramees ni kufa; baʼaan isa irratti fannifames kufee ni caccaba; sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi