Keessa Deebii
8 “Lubbuudhaan jiraachuu keessan akka itti fuftaniif,+ akka baayʼattanii fi biyya Yihowaan abbootii keessaniif kennuuf kakatetti seentanii dhaalaan akka fudhattaniif,+ ajaja ani harʼa isiniif kennu hundumaa of eeggannoodhaan eegaa. 2 Daandii dheeraa Waaqni kee Yihowaan waggaa 40n kanaaf lafa onaa keessa akka irra deemtu si godhe sana yaadadhu;+ kana kan godhes, wanta garaa kee keessa jiru beekuuf,+ jechuunis ajajawwan isaa eeguu fi dhiisuu kee beekuuf, gad si qabuu fi si qoruuf jedhee ti.+ 3 Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu akka hin dandeenye akka beektu gochuuf,+ gad si qabee akka beeloftu ni godhe;+ akkasumas mannaa atis taate abbootiin kee hin beekne si soore.+ 4 Waggaa 40n kanaaf uffanni uffatte hin dhumne, miilli kees hin dhiitofne.+ 5 Akkuma namni tokko ilma isaa sirreessutti Waaqni kee Yihowaan si sirreessaa akka ture+ garaa keetti akka gaariitti ni beekta.
6 “Ammas daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, akkasumas isa sodaachuudhaan ajajawwan Waaqa kee Yihowaa eegi. 7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii,+ biyya lageen* qabdu, biyya burqaawwanii fi fincaaʼaawwan* dirree keessa, akkasumas naannoo gaarotaa keessa yaaʼan qabdutti si galcha; 8 biyya qamadii fi garbuutti, biyya mukeetii wayiniitti, biyya mukeetii harbuutti, biyya romaaniitti,+ biyya zayitii ejersaattii fi biyya dammaatti,+ 9 biyya hanqinni midhaanii hin jirrettii fi ati homaa keessaa hin dhabnetti, biyya dhagoonni ishii sibiila qabanitti, biyya gaarota ishii irraa sibiila diimaa baafattuttis si galcha.
10 “Ati nyaattee yommuu quuftutti biyya gaarii inni sii kenneef Waaqa kee Yihowaa jajadhu.+ 11 Ajajawwan isaa, heerawwan isaa fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana eeguu dhiisuudhaan, Waaqa kee Yihowaa akka hin irraanfanne of eeggadhu. 12 Ati nyaattee yommuu quuftuu fi manneen gaggaarii ijaarrattee yommuu keessa jiraattu,+ 13 horiin kee fi bushaayeewwan kee yommuu horan, meetiin kee fi warqiin kee yommuu baayʼatu, akkasumas wanta hundumaa baayʼinaan yommuu argattu, 14 garaan kee boonee+ Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase,+ 15 isa lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe keessa,+ bakka bofti summii qabuu fi torbaanqabaan* jirutti, lafa gogaa bishaan hin qabne keessas akka deemtu godhe sana akka si irraanfachiisu hin heyyamin. Inni qarsaa cimaa keessaa bishaan akka yaaʼu godheera;+ 16 inni gara fuulduraatti akka si fayyaduuf jedhee+ gad si qabuu+ fi si qoruuf lafa onaa keessatti mannaa abbootiin kee hin beekne si sooreera.+ 17 Ati garaa keetti, ‘Humni koo fi jabinni harka kootii badhaadhina kana naaf argamsiiseera’ jettee yoo yaadde,+ 18 akkuma harʼa taʼe kana, inni kakuu abbootii keetiif gale raawwachuuf+ badhaadhina akka qabaattuuf humna kan sii kennu Waaqa kee Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu.+
19 “Ati garuu Waaqa kee Yihowaa yoo irraanfatte, waaqolii kan biroo duukaa yoo buute, yoo isaan tajaajiltee fi isaaniif yoo sagadde, dhugumaan akka balleeffamtan ani harʼa isin irratti ragaa nan baʼa.+ 20 Isin sagalee Waaqa keessan Yihowaa waan hin dhageenyeef, akkuma saboota Yihowaan isin duratti balleesse sanaatti ni balleeffamtu.+