LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 26
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Seenaa Baraa

      • Gareewwan karra eegdotaa (1-19)

      • Ajajjoota mana kuusaa fi abbootii taayitaa kaan (20-32)

1 Seenaa Baraa 26:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 9:2, 22; 2Se 23:16, 19
  • +1Se 26:14, 19

1 Seenaa Baraa 26:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:14, 19

1 Seenaa Baraa 26:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 16:33

1 Seenaa Baraa 26:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:4, 5

1 Seenaa Baraa 26:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:10, 11

1 Seenaa Baraa 26:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:15

1 Seenaa Baraa 26:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:16

1 Seenaa Baraa 26:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “wantoota murteeffamanii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:51; 14:25, 26; 1Se 9:26; 18:10, 11

1 Seenaa Baraa 26:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 29:8

1 Seenaa Baraa 26:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:18

1 Seenaa Baraa 26:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 3:27

1 Seenaa Baraa 26:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 18:3, 4
  • +1Se 23:17

1 Seenaa Baraa 26:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 31:50; 1Se 18:10, 11
  • +1Se 29:3, 4
  • +1Se 29:6, 7

1 Seenaa Baraa 26:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 6:19
  • +Lak 31:28

1 Seenaa Baraa 26:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 9:9
  • +1Sa 14:50
  • +2Sa 20:23
  • +2Sa 2:18

1 Seenaa Baraa 26:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 23:12
  • +Kes 17:9; 2Se 19:8

1 Seenaa Baraa 26:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 23:12

1 Seenaa Baraa 26:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 23:19
  • +1Se 29:26, 27
  • +Iya 13:24, 25; 21:8, 39

Yaada Wal Simu

1Sen. 26:11Se 9:2, 22; 2Se 23:16, 19
1Sen. 26:11Se 26:14, 19
1Sen. 26:91Se 26:14, 19
1Sen. 26:13Fak 16:33
1Sen. 26:151Se 26:4, 5
1Sen. 26:161Se 26:10, 11
1Sen. 26:171Se 26:15
1Sen. 26:181Se 26:16
1Sen. 26:201Mo 7:51; 14:25, 26; 1Se 9:26; 18:10, 11
1Sen. 26:211Se 29:8
1Sen. 26:221Mo 15:18
1Sen. 26:23Lak 3:27
1Sen. 26:25Bau 18:3, 4
1Sen. 26:251Se 23:17
1Sen. 26:26Lak 31:50; 1Se 18:10, 11
1Sen. 26:261Se 29:3, 4
1Sen. 26:261Se 29:6, 7
1Sen. 26:27Iya 6:19
1Sen. 26:27Lak 31:28
1Sen. 26:281Sa 9:9
1Sen. 26:281Sa 14:50
1Sen. 26:282Sa 20:23
1Sen. 26:282Sa 2:18
1Sen. 26:291Se 23:12
1Sen. 26:29Kes 17:9; 2Se 19:8
1Sen. 26:301Se 23:12
1Sen. 26:311Se 23:19
1Sen. 26:311Se 29:26, 27
1Sen. 26:31Iya 13:24, 25; 21:8, 39
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Seenaa Baraa 26:1-32

Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa

26 Gareewwan karra eegdotaa+ kanneen kana turan: Qoroota keessaa, Mesheleemiyaa+ ilma Qoree isa ilmaan Asaaf keessaa tokko taʼe. 2 Mesheleemiyaan ilmaan qaba ture: ilmi isaa inni angafaa Zakkaariyaas, ilmi isaa inni lammaffaan Yediyaayel, ilmi isaa inni sadaffaan Zebaadiyaa, ilmi isaa inni arfaffaan Yaatniʼel, 3 ilmi isaa inni shanaffaan Eelaam, ilmi isaa inni jaʼaffaan Yehohaanaan, ilmi isaa inni torbaffaan Eliyahoʼenaay turan. 4 Obeed Edoom ilmaan qaba ture: ilmi isaa inni angafaa Shemaayaa, ilmi isaa inni lammaffaan Yehozaabaad, ilmi isaa inni sadaffaan Yoʼaa, ilmi isaa inni arfaffaan Saakaar, ilmi isaa inni shanaffaan Naataaniʼel, 5 ilmi isaa inni jaʼaffaan Amiʼel, ilmi isaa inni torbaffaan Yisaakor, ilmi isaa inni saddeettaffaan immoo Pewuletaay turan; kunis kan taʼe Waaqayyo waan isa eebbiseefi.

6 Ilmi isaa Shemaayaanis ilmaan ni dhalche; isaan namoota jajjaboo fi gaʼumsa qaban waan turaniif geggeessitoota mana abbootii isaanii taʼan. 7 Ilmaan Shemaayaa, Otnii, Refaaʼel, Yoobeedii fi Elzaabaad turan; obboloonni Elzaabaad Eliihuu fi Semaakiyaanis namoota gaʼumsa qaban turan. 8 Kanneen kun hundi ilmaan Obeed Edoom turan; isaan, ilmaan isaanii fi obboloonni isaanii namoota tajaajila sanaaf gaʼumsaa fi dandeettii qaban turan; namoonni 62 kan Obeed Edoom turan. 9 Mesheleemiyaan+ ilmaanii fi obboloota gaʼumsa qaban 18 qaba ture. 10 Ilmaan Meraarii keessaa tokko kan taʼe Hosaan ilmaan qaba ture. Shimriin dura buʼaa ture; inni ilma angafaa taʼuu baatus abbaan isaa dura buʼaa godhee isa muude; 11 ilmi isaa inni lammaffaan Hilqiyaa, ilmi isaa inni sadaffaan Tebaaliyaa, ilmi isaa inni arfaffaan Zakkaariyaas ture. Ilmaanii fi obboloonni Hosaa walumaa galatti 13 turan.

12 Gareewwan karra eegdotaa kana keessaa dura buutota kan taʼan, akkuma obboloota isaanii tajaajila mana Yihowaatti raawwatamu irratti hojii hojjetan qabu turan. 13 Kanaafuu, isaan tokkoon tokkoon karrawwan sanaa eenyu akka eegu murteessuuf, guddaa xinnaa utuu hin jedhin akka manneen abbootii isaaniitti carraa buufatan.+ 14 Achiis inni gara bahaa jiru Shelemiyaadhaaf baʼe. Isaanis ilma isaa Zakkaariyaas isa gorsituu hubataa taʼeef carraa ni buusan; inni gara kaabaa jirus isaaf ni baʼe. 15 Inni gara kibbaa jiru Obeed Edoomiif ni baʼe; ilmaan isaa+ immoo manneen kuusaa irratti ramadaman. 16 Shufiimii fi Hosaaniif+ inni gara dhihaa, inni Karra Shaaleket bira, jechuunis inni daandii guddaa isa ol baasu bira jiru ni baʼe; gareen eegdotaa tokko garee eegdotaa isa kan biraa fuullee dhaabbatee eega ture; 17 karaa bahaatiin Leewwonni jaʼa jiru turan; karaa kaabaatiin guyyaa guyyaadhaan eegdonni afur, karaa kibbaatiinis guyyaa guyyaadhaan eegdonni afur jiru turan; manneen kuusaa+ immoo lama lama taʼanii eegu turan; 18 barandaa isa gara dhihaa jiruuf arfan isaanii daandii isa guddaa bira,+ lamaan isaanii immoo barandaa sana bira taʼanii eegu turan. 19 Ilmaan Qorootaa fi Meraarotaa keessaa gareewwan karra eegdotaa kanneen kana turan.

20 Leewwota keessaa, Ahiyaan manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii* irratti itti gaafatamaa ture.+ 21 Ilmaan Laadaan: ilmaan Geershonichaa warra kan Laadaan taʼan, jechuunis dura buutota manneen abbootii warra kan Laadaan Geershonichaa taʼan keessaa Yehiʼelii,+ 22 akkasumas ilmaan Yehiʼelii Zetaamii fi obbooleessa isaa Yooʼel turan. Isaan manneen qabeenyaa mana Yihowaa+ irratti itti gaafatamummaa qabu turan. 23 Amraamota, Yizhaarota, Kebroonotaa fi Uuziʼelota+ keessaa, 24 Shebuʼel inni ilma Geershom ilma Musee taʼe manneen kuusaa irratti geggeessaa itti gaafatamummaa qabu ture. 25 Obboloonni isaa warri sanyii Eliiʼezar+ taʼan, Rehaabiyaa,+ Yeshaayaa, Yoraam, Zikrii fi Shelomoot turan. 26 Shelomootii fi obboloonni isaa manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii,+ warra Daawit Mootichi,+ dura buutonni manneen abbootii,+ ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa, akkasumas ajajjoonni raayyaa waraanaa qulqulleessan hunda irratti itti gaafatamummaa qabu turan. 27 Wantoota yeroo waraanaatti+ boojuudhaan+ argatan mana Yihowaa haaressuuf ni qulqulleessan; 28 kana malees, isaan wantoota Saamuʼel inni mulʼata argu,+ Saaʼol ilmi Qiish, Abneer+ ilmi Neerii fi Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa+ qulqulleessan hundumaa irratti itti gaafatamummaa qabu turan. Wanti namni kam iyyuu qulqulleesse harka Shelomiitii fi obboloota isaa jala akka taʼu godhama ture.

29 Yizhaarota+ keessaa, Kenaaniyaa fi obboloonni isaa hojiiwwan bulchiinsaa mana Waaqayyootiin alatti raawwataman irratti Israaʼel irratti geggeessitootaa fi abbootii murtii+ taʼanii muudamanii turan.

30 Kebroonota+ keessaa, Hashaabiyaa fi obboloonni isaa 1,700 taʼanii fi gaʼumsa qaban jiru turan; isaan naannoo Israaʼel isa gara dhiha Yordaanositti argamu keessatti hojii Yihowaa hundumaa irrattii fi tajaajila mootichaa wajjin wal qabate irratti bulchitoota turan. 31 Kebroonota keessaa, akka hidda dhalootaa mana abbootii isaaniitti Yeriyaan+ dura buutuu Kebroonotaa ture. Waggaa 40ffaa mootummaa Daawititti,+ namoonni Daawit tokko tokko Kebroonota gidduudhaa warra jajjaboo taʼanii fi gaʼumsa qaban ni barbaadan; namoonni akkanaas Yaazeer+ ishii Giiliyaad keessatti ni argaman. 32 Obboloonni isaa warri gaʼumsa qabanii fi dura buutota manneen abbootii taʼan 2,700 turan. Kanaafuu, Daawit Mootichi dhimmoota Waaqa dhugaa fi dhimmoota mootichaa wajjin wal qabatan hundumaatiif Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasotaa irratti isaan ni muude.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi