Hisqiʼel
13 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel irratti raajii dubbadhu;+ warra ofiin raajii uumanii dubbataniinis*+ akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Raajota gowwaa warra utuu homaa hin argin yaada* ofii isaanii duukaa buʼaniif wayyoo!+ 4 Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma jeedaloota tuullaa diiggaa gidduu jiranii taʼaniiru. 5 Israaʼel waraana guyyaa Yihowaatti godhamutti cimtee dhaabbachuu akka dandeessuuf,+ isin deebistanii mana Israaʼeliif isaan ijaaruuf gara iddoowwan diigamoo dallaawwan dhagaa keessa jiran sanaa hin deemtan.”+ 6 “Warri utuu Yihowaan isaan hin ergin, ‘Dubbiin Yihowaa akkana jedha’ jedhan, mulʼanni isaan arganii fi raajiin isaan dubbatan soba dha; taʼus isaan dubbiin isaanii akka raawwatamu eeganiiru.+ 7 Utuu ani homaa hin dubbatin, ‘Dubbiin Yihowaa akkana jedha’ jechuun keessan, mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?”’
8 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “‘Isin wanta soba taʼe waan dubbattaniif, mulʼanni keessanis soba waan taʼeef, ani isin irratti kaʼeera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”+ 9 Harki koo raajota mulʼanni isaanii soba taʼee fi raajii sobaa dubbatan irratti kaʼeera.+ Isaan saba ani akka michuu kootti ilaalu keessaa tokko hin taʼan; galmee mana Israaʼel keessatti hin galmeeffaman; gara biyya Israaʼelittis hin deebiʼan; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 10 Kun hundi kan taʼu, utuu nagaan hin jiraatin, “Nagaa dha!” jedhanii saba koo karaa irraa waan jalʼisaniifi.+ Yommuu girgiddaan humna hin qabne ijaaramutti, isaan immoo nooraa ni dibu.’*+
11 “Girgiddaan sun akka jigu warra nooraa diban sanatti himaa. Bokkaa yandoon ni dhufa, cabbii guguddaan ni buʼa,* obomboleettii cimaanis isa ni jigsa.+ 12 Yommuu girgiddaan sun jiguttis namoonni, ‘Nooraan isin dibdan sun buʼaa maalii argamsiise?’ jedhanii isin gaafatu.+
13 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Dheekkamsa kootiin obomboleettii cimaan akka dhufu, aarii kootiin bokkaa yandoon akka roobu, dheekkamsa koo isa badiisa geessisuunis cabbii guguddaan akka buʼu nan godha. 14 Girgiddaa isin nooraa dibdan sana nan diiga; lafatti nan kuffisa; buʼuurri isaas ni saaxilama. Yommuu magaalattiin kuftutti, isin ishii keessatti ni dhumtu; ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubattu.’
15 “‘Ani girgiddaa sanaa fi warra nooraa isa diban irratti guutummaatti dheekkamsa koo yommuun dhangalaasu, isiniin akkana nan jedha: “Kana booda girgiddaan sunis taʼe namoonni nooraa isa diban sun hin jiran.+ 16 Raajonni Israaʼel warri Yerusaalemiif raajii dubbatan, warri utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa ishiidhaaf argan+ badaniiru”’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
17 “Ati garuu yaa ilma namaa, ijoollee durbaa saba keetii warra ofiin raajii uumanii dubbatanitti fuula kee naannessi; isaan irrattis raajii dubbadhu. 18 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Dubartoota lubbuu namootaa adamsanii qabuuf harka nama hundumaatiif wanta harka irratti hidhamu* hodhanii fi mataa nama hundumaatiif shaashii tolchaniif wayyoo! Isin lubbuu saba kootii utuma adamsitanii lubbuu ofii keessanii oolfachuuf yaalaa jirtuu? 19 Isin saba koo warra soba keessan dhagaʼanitti soba dubbattanii+ garbuu hammaarraa muraasaa fi daabboo caccabaadhaaf jettanii warra* duʼuu hin qabne ajjeesuudhaan, warra* jiraachuu hin qabne immoo lubbuudhaan tursuudhaan saba koo gidduutti na xureessituu?”’+
20 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yaa dubartoota nana, ani wanta harkatti hidhamu isa isin akka waan isaan simbirroo taʼaniitti namoota* adamsitanii qabuuf itti fayyadamtan sana irratti kaʼeera; hidhaa kana harka keessan irraa kukkutee warra akka simbirrootti adamsitanii qabdan sana nan gadhiisa. 21 Ani shaashii keessan tarsaasee saba koo harka keessan jalaa nan oolcha; isaanis kana booda wanta adamsitanii qabdan isiniif hin taʼan; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 22 Sababiin isaas, utuu ani akka dhiphatu* isa gochuu hin barbaadin, soba keessaniin+ nama qajeelaa abdii kutachiistaniittu; inni daandii isaa isa hamaa irraa deebiʼee lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti hin fufneef immoo harka nama hamaa jabeessitaniittu.+ 23 Kanaafuu, isin dubartoonni kana booda mulʼata sobaa hin argitan, falfalas hin raawwattan;+ ani saba koo harka keessan jalaa nan oolcha; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”