Ittiin Baafata
Dhugaa Baatota Yihowaa
EENYUDHA?
Barumsa 1-4
Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota sanyiifi akkaataa guddinaa garaagaraa qaban keessaa kan dhufan siʼa taʼu, biyyoota 240 ol keessatti argamu. Haataʼu malee, garee namoota addaddaa kana tokko kan godhe maalidha? Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akkamiiti?
HOJII KEENYA
Barumsa 5-14
Hojiin lallabaa keenya akka gaariitti kan beekamedha. Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi waaqeffannaadhaaf Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaatti wal geenya. Walgaʼiin iddoo kanatti godhamu maal fakkaata? Eenyufaatu irratti argamuu dandaʼa?
JAARMIYAA KEENYA
Barumsa 15-28
Jaarmiyaan kun, jaarmiyaa amantii addunyaa maratti sochii godhu, buʼaa argachuurratti hin hundoofneefi namoota fedhaan Waaqayyoon tajaajilan qabatedha. Jaarmiyaan kun kan gurmaaʼe, kan geggeeffamuufi qarshii kan argatu akkamitti? Yeroo harʼaa dhugumaan fedha Yihowaa raawwachaa jiraa?