Ayyaana Yaadannootiif Akka Gaariitti Qophaa’aa
Duuka buutonni Kiristos waggaa waggaadhaan galgala guyyaa Ayyaana Yaadannoo itti kabajaniif akka gaariitti qophaa’uun mirga guddaa akka ta’e isaanitti dhaga’ama. (Luq. 22:19) Ayyaana Yaadannootiif qophii akkamii gochuu qabna?
◼ Yeroofi Bakka: Namoonni hundi sa’aatiifi iddoo Ayyaanichi itti kabajamu akka beekan itti himamuu qaba. Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan tokkoo ol kan fayyadaman taanaan, yeroodhaan dhufuu, akkasumas sa’aatiin jiru xinnoo waan ta’eef warra ittaansanii geggeessaniif jecha, akkuma sirni Ayyaanichaa raawwatameen naamusaan dafanii deemuun gaariidha. Balbala duratti, karaa namoonni irra adeemaniifi bakka konkolaataan dhaabatutti wal dhiphisuun akka hin uumamneef gumiiwwan qindoomina gaarii uumuu qabu.
◼ Waraqaa Afeerraa: Babal’istoonni hundi waraqaa afeerrii hamma isaan ga’u fudhachuudhaan qabiyyeesaa wajjin wal baraniiruu? Waraqaan afeerraa kun akkamitti akka raabsamu ilaalchisee shaakala gootaniittuu? Eenyufaa afeeruuf karoorfatteetta? Waraqaa afeerrii hunda raabsuuf carraaqqiin taasifamuu qaba.
◼ Geejjiba: Namoota fedhii qaban, akkasumas obboloota tokko tokkoof geejjiba ykn gargaarsa dhuunfaa kan biraa gochuun ni barbaachisa ta’a. Namoota akkasii gargaaruuf qophii akkamii gootaniittu?
◼ Maxinoofi Wayinii: Biiftuun utuu hin lixin maxinoofi wayiniin naanneffamuu hin qabu. Obboloota dibamoo dhibee fayyaatiin kan ka’e ayyaanicharratti argamuu hin dandeenyeef, maxinoofi wayinicha isaaniin ga’uuf qophiin godhamuu qaba. Maxinoofi wayiniin ayyaanichaaf ta’u, walga’ichi jalqabamuusaa dura qopheeffamee kaa’amuu qaba.—Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2003, ful. 14, key. 14 ilaali.
◼ Galma Mootummaa: Galmichi dursee akka gaariitti qulqulleeffamuu qaba. Saaniin, birciqqoon, minjaalliifi uffanni minjaalaa mijaa’aa ta’e, dursee gara Galma Mootummaatti fidamee iddoosaa kaa’amuu qaba. Bakka walga’ii kan biraatti fayyadamtu taanaan, dhaggeeffattoonni obboleessa haasawaa dhiheessu akka gaariitti dhaggeeffachuu akka danda’aniif, toorri sagalee dabarsuuf tajaajilu guutummaatti jiraachuusaa mirkaneessaa. Keessumsiistonni, obboloonni maxinoofi wayinii naanneessan, dursanii filatamuu, akkasumas ga’een hojiisaanii maal akka ta’e itti himamuu qaba. Qajeelfama kennameen akka hojjetan, uffannaafi filannaa seera qabeessa ta’e qabaachuu akka qabanis itti himuun barbaachisaadha.
Ayyaana Yaadannoo du’a Yesus Kiristos isa bakki guddaan kennamuuf kanaaf, dhuunfaanis ta’e gumiidhaan akka gaariitti qophaa’uu barbaanna. Warri qophii Yihowaan ilmaan namootaatiif karaa Ilmasaa isa jaallatamaa Yesus Kiristos argisiise garaadhaa dinqisiifatan hundi, eebba Yihowaa akka argatan hin shakkisiisu.