Macaafa Qulqulluutti Akka Gaariitti Fayyadamaa
1. Macaafni Qulqulluun baay’ee barbaachisaadha kan jennu maaliifi?
1 Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffametti akka gaariitti fayyadamuun, dhugaa karaa ifa ta’een labsuufi barsiisuuf, akkasumas barumsawwan sobaafi barsiifata sirrii hin taane saaxiluuf nu gargaara.—2 Xim. 2:15; 1 Phe. 3:15.
2. Caqasoota salphaatti yaadachuuf maaltu nu gargaara?
2 Macaafa Qulqulluu Caalaatti Baruuf Carraaqaa: Akkuma meeshaawwan kaanii, Macaafa Qulqulluuttis akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu, beekumsa gama kanaan qabnu caalaatti guddifachaa yoo adeemnedha. Macaafa Qulqulluu guutummaatti dubbisuun yaada ijoo Macaafa Qulqulluu hubachuuf isin gargaara. Akkasumas caqasoota yaadachuufi salphaatti argachuuf isin gargaara. Beekumsa Caaffata Qulqullaa’oo qabdan guddachaa yommuu adeemu, tajaajilarrattis ta’e karaa alidilee ta’een warra kaaniif hinaaffaa guddaafi amantii guutuudhaan dhugaa ba’uuf isin gargaara.—1 Tas. 1:5.
3, 4. (a) Karaawwan beekumsa Macaafa Qulqulluu qabnu itti guddifachuu dandeenyu tokko tokko maalfa’i? (b) Macaafa Qulqulluutti caalaatti fayyadamuuf malawwan itti fayyadamtan garabiraan jiruu?
3 Walga’ii gumiirratti Macaafa Qulqulluu bantanii caqasoota dubbifaman hordofuudhaan shaakaluu dandeessu. Yeroo qayyabannaa dhuunfaa gootaniifi walga’ii gumiitiif qophooftan, caqasoota lakkoofsiifi boqonnaansaanii qofti kennaman baasaa ilaalaa; akkasumas akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessan irratti yaadaa. Babal’istoonni hedduun Macaafa Qulqulluu kompiitararraa ykn waraqaarraa dubbisuurra, kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisuunsaanii, tajaajilarratti yommuu hirmaatan caqasoota salphaatti yaadachuuf akka isaan gargaare hubataniiru.—Yoh. 14:26.
4 Maatiiwwan tokko tokko caqasoota Macaafa Qulqulluu sammuutti qabachuuf yeroo itti shaakalan ramadaniiru. Boqonnaafi lakkoofsa caqasichaa gar tokkoon, yaada caqasichaammoo karaa kaaniin barreeffachuudhaan akkas godhu ta’a. Bakka caqasichi itti argamuufi yaada caqasichaa wal gaafatu. Yaadawwan seensaa tajaajilaaf nu gargaaran shaakaluun keenya, mormii ka’uuf ykn gaaffii gaafatamnuuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamnee deebii kennuun keenya dandeettii caqasoota yaadachuu keenya nuu guddisa.
5. Dandeettii Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuu guddifachuu kan barbaannu maaliifi?
5 Macaafni Macaafa Qulqulluu wajjin wal gitu hin jiru. Namoonni ‘ogummaa fayyina’ argamsiisu akka argatan gargaaruu kan danda’amu Macaafa Qulqulluu qofadha. (2 Xim. 3:15) Namoonni hedduun naannoowwan tajaajilaa keenya keessatti argaman wantoota gati jabeessa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman waan hin beekneef, Macaafni Qulqulluun dhugumaan maal akka jedhu isaanitti argisiisuuf dandeettii keenya guddifachuun keenya barbaachisaadha.—Fak. 2:1-5.