Filannoowwan Qabdu Beektaa?
Yaaliin fayyaa dhagna baqaqsanii hodhuu dhiiga malee godhamu manneen yaalaa addunyaa mara jiraniifi lakkoofsisaanii dabalaa dhufe heduu keessatti godhamaa jira. Filannoowwan gama yaalii fayyaa dhiiga malee godhamuun jiran guutummaatti beektaa? Yaalii fayyaafi dhaqna baqaqsanii hodhuu wajjin haala wal qabateen murtoo sirrii ta’e gochuuf, gama kanaan beekumsa ga’aa argachuun si barbaachisa. Viidiyoo Noo Bilad—Mediisin Miitis za Chaaleenji jedhamu ilaali. Sana booda, wanta gaaffiiwwan kanaa gadi jiranitti fayyadamuudhaan baratterratti kadhannaadhaan yaadi.—Yaadachiisa: Viidiyoon kun yommuu yaaliin dhaqna baqaqsanii hodhuu godhamu hamma tokko waan argisiisuuf, warri ijoolleensaanii xixinnoon ilaaluu akka qabaniifi akka hin qabne itti yaadanii murteessuu qabu.
(1) Sababii guddaan Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga hin fudhanneef maalidha? (2) Yaalii fayyaa ilaalchisee fedhiin Dhugaa Baatota Yihowaa maalidha? (3) Mirgi bu’uuraa dhukkubsattoonni qaban maalidha? (4) Wantoota bakka dhiigaa kennamaniifi mala yaalii fayyaa utuu dhiiga hin fayyadamin godhamu filachuun sirriifi itti gaafatamummaan akka namatti dhaga’amu kan argisiisu kan ta’e maaliifi? (5) Yommuu dhiigni baay’een dhangala’u tarkaanfiin lama doktooronni hatattamaan fudhachuu qaban maalidha? (6) Yaalii bakka dhiigaa godhamu ilaalchisee seerawwan bu’uuraa arfan kamfa’i? (7) Doktooronni (a) dhiigni baay’een akka hin dhagalaane, (b) seeliin dhiiga diimaa akka eegamu, (c) dhiigni akka oomishamuufi (d) dhiigni dhangala’e sassaabamee akka hojiirra oolu gochuu kan danda’an akkamitti? (8) Yaaliiwwan fayyaa (a) heemoodaayiluushiniifi (b) seel saalveejii jedhaman akkamitti akka raawwataman ibsi. (9) Yaalii bakka dhiigaa kennamu kamiyyuu ilaalchisee beekumsa akkamii argachuu si barbaachisa? (10) Yaalii fayyaa dhagna baqaqsanii hodhuu walxaxaafi cimaa ta’e dhiiga malee gochuun ni danda’amaa? (11) Gama namoota yaalii fayyaa godhaniin jijjiirama gaarii akkamiitu jira?
Yaaliiwwan fayyaa viidiyoo kana keessatti dhihaatan tokko tokko fudhachuufi dhiisuun murtoo namni tokko yaada garaasaa isa Macaafa Qulqulluutiin leenji’etti fayyadamee godhudha. Ofii keetiifis ta’e ijoollee keetiif yaalii fayyaa akkamiifi haala akkamiitiin fudhachuu akka barbaaddan murtoo ifa ta’e gochuudhaan Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa guuttaniittuu? Dhimma kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004fi Onkoloolessa 15, 2000rratti argaman of eggannoodhaan qori. Achiis filannoowwan qabdu ilaalchise kam akka fudhatuufi akka hin fudhanne murtoo dhunfaa keetii gochuudhaaf, gaaffiiwwan miiltoo Tajaajila Mootummaa Sadaasaa 2006 “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhiigakootti Fayyadamuudhaan Naa Godhamuuf Ilaalcha Akkamiin Qaba?” jedhun fayyadami. Dhumarrattis, filannoowwan kee Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaarratti sirritti guutuukee mirkaneessi. Bakka bu’aan fayyaakeef miseensi maatiikee Dhugaa Baatuu hin taanee kamiyyuu murtoo ati gootee sirritti beekuu qabu.