“Barreeffamakoo Yoo Fudhatte Anis Kankee Nan Fudhadha”
Yaanni kun yaada namoonni haasofsiisnu tokko tokko dhiheessanidha. Barreeffamoota keenya Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an, barreeffamoota amantii, barumsa dogoggoraa babal’isaniin waan hin jijjiirreef, malaan deebii kennuu kan dandeenyu akkamitti? (Rom. 1:25) Akkas jechuu dandeenya: “Afeerraa keetiif sin galateeffadha. Barreeffamni ati naa kennuuf jettu kun rakkina namootarra ga’aa jiruuf furmaannisaa maalidha jedha? [Hanga deebii kennutti eegi. Deebiisaa barreeffamicha dubbistee akka argattu yoo si afeere, ati qabiyyee barreeffama si harka jiruu utuu isaaf hin ibsin akka hin kennineef isa yaadachiisi. Achiis Maatewos 6:9, 10 dubbisi ykn akkasumatti caqasi.] Yesus, Mootummaan Waaqayyoo lafarratti fedhiin Waaqayyoo akka raawwatamu akka godhu ibseera. Kanaaf, ani kanan dubbisu barreeffama amantii, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ibsu qofadha. Wantoota Mootummaan Waaqayyoo raawwatu keessaa muraasasaanii Macaafa Qulqulluurraa siif dubbisuu?”