Dafnee Deemuu Kan Qabnu Maaliifi?
Walgaʼii tajaajila dirree irratti yeroo argamnutti obboloota keenyaa wajjin waan taanuuf, isaanii wajjin haasaʼuuf barbaaduun keenya nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, erga walgaʼichi dhumee booda gara naannoo tajaajilaa keenyaa dafnee deemuuf yaaluu qabna. Hojiin lallabaa keenya ariifachiisaa dha. (2 Xim. 4:2) Turree baana taanaan, tajaajila irratti yeroon dabarsinu ni hirʼata. Obboloota keenyaa wajjin yeroo tajaajillutti, isaanii wajjin yaada nama jajjabeessu wal jijjiiruuf carraa hedduu ni arganna. Dafnee gara tajaajilaa deemuun keenya, yeroo Yihowaa fi Ilma isaatiif hojjennutti ciminaan akka hojjennu argisiisa.—Rom. 12:11.