BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 39-40
Museen Qajeelfama Isaaf Kenname Of Eeggannoodhaan Hordofeera
Museen qajeelfama balʼaa Yihowaan godoo qulqullaaʼaa ijaaruu fi dhaabuu ilaalchisee isaaf kenne of eeggannoodhaan hordofeera. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa irraa argannu kam iyyuu dhaggeeffachuu fi dafnee garaa guutuudhaan ajajamuu qabna. Qajeelfamawwan kana hordofuun barbaachisaa yoo fakkaachuu baate ykn sababni itti kenname yoo nuu galuu baate illee, akkas gochuu qabna.—Luq 16:10.
Qajeelfama kennamu dhaggeeffachuu fi of eeggannoodhaan hordofuu kan qabnu maaliifi?
Walgaʼii tajaajila dirree irratti
Dhibee fayyaa akka tasaa uumamuuf qophaaʼuu wajjin haala wal qabateen
Yeroo balaatiif qophaaʼuu ilaalchisee