LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Amajjii ful. 5
  • Amantii Dubbii Waaqayyoo Irratti Qabdan Cimsadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantii Dubbii Waaqayyoo Irratti Qabdan Cimsadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Guyyaa Guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Ogummaa Barbaaduu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • “Dubbicha Hojii Irra kan Oolchitan Taʼaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Amajjii ful. 5
Suuraawwan garaa garaa: Obboleettiin shamarree taate takka Kitaaba Qulqulluu dubbisaa fi qoʼachaa jirti. 1. Gabatee adii irratti yeroo namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman itti jiraatan qopheessaa jirti. 2. Jw.org irraa Kitaaba Qulqulluu “Hiika Addunyaa Haaraa” maxxansa qoʼannaa dubbisaa jirti. 3. Iddoowwan Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman ilaaluuf kaartaatti fayyadamaa jirti. 4. Luba ol aanaa fi uffannaa isaa fakkii kaasaa jirti.

AMANTII DUBBII WAAQAYYOO IRRATTI QABDAN CIMSADHAA

Amantii Dubbii Waaqayyoo Irratti Qabdan Cimsadhaa

Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenya ni jijjiira. (Ibr 4:12) Haa taʼu malee geggeessaa, qajeelfamaa fi gorsa isaa irraa fayyadamuuf, dhugumaan “dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa amannee fudhachuu qabna. (1Ta 2:13) Amantii Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

Guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu murtaaʼe dubbisi. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu ragaa Yihowaan Abbaa Kitaabichaa taʼuu isaa argisiisu argachuuf carraaqi. Fakkeenyaaf, gorsa Kitaaba Fakkeenyaa keessa jiru yommuu dubbistu ogummaan isaa yeroon kan itti hin darbine akka taʼe hubachuuf yaali.—Fak 13:20; 14:30.

Piroojektii qoʼannaa qabaadhu. Ragaawwan Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuu isaa argisiisan akka gaariitti hubadhu. Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe keessaa mataduree guddaa “Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalatti “Hafuura Waaqayyootiin Barreeffame” isa jedhu ilaali. Odeeffannoo Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Kutaa Dabalataa A3 jalatti argamu qoruudhaan, ergaan Kitaaba Qulqulluu akka hin jijjiiramne amantii qabdu cimsachuu dandeessa.

VIIDIYOO AMANTII KAN QABAANNE MAALIIFI? DUBBII WAAQAYYOO IRRATTI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA

  • Qorannaan girgiddaa mana qulqullummaa Kaarnaak isa Gibxii keessatti argamu irratti godhame, Dubbiin Waaqayyoo dhugaa taʼuu isaa kan nuuf mirkaneessu akkamitti?

  • Ergaan Kitaaba Qulqulluu akka hin jijjiiramne akkamitti beekna?

  • Kitaabni Qulqulluun hanga yoonaatti jiraachuun isaa Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?—Isaayyaas 40:8 dubbisi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi