LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Waxabajjii ful. 2-7
  • “Namni Kam Iyyuu, . . . Boojiʼee Akka Isin hin Fudhanne Of Eeggadhaa”!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Namni Kam Iyyuu, . . . Boojiʼee Akka Isin hin Fudhanne Of Eeggadhaa”!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQOLII TOLFAMOO WAAQEFFACHUUF QORAMANIIRU
  • TOOFTAAWWAN SADAN SEEXANNI ISRAAʼELOOTA BOOJIʼUUF ITTI FAYYADAME
  • TOOFTAA SEEXANNI YEROO HARʼAA ITTI FAYYADAMU
  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Diina Keessan Beekaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Namoota Akkamii Ta’uu Akka Qabdan Itti Yaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Seexanni Eenyuu?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Waxabajjii ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 23

“Namni Kam Iyyuu, . . . Boojiʼee Akka Isin hin Fudhanne Of Eeggadhaa”!

“Namni kam iyyuu, . . . akka aadaa namootaatti, akka wantoota buʼuuraa addunyaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa.”—QOL. 2:8.

FAARFANNAA 96 Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha

QABIYYEEa

1. Akka Qolosaayis 2:4, 8 ibsutti Seexanni sammuu keenya toʼachuuf kan yaalu akkamitti?

SEEXANNI Yihowaa irraa nu garagalchuu barbaada. Kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuuf, yaada keenya irratti dhiibbaa gochuudhaan, sammuu keenya boojiʼee akka isaaf ajajamu gochuuf carraaqa. Wantoota miira keenya hawwatan nuuf dhiheessuudhaan akka isa duukaa buunu nu amansiisuu ykn nu gowwoomsuuf yaala.—Qolosaayis 2:4, 8 dubbisi.

2-3. (a) Akeekkachiisa Qolosaayis 2:8 irratti argamuuf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?

2 Nuti hoo dhugumaan Seexanaan gowwoomfamuuf haala sodaachisaa keessa jirraa? Eeyyee! Phaawulos akeekkachiisa Qolosaayis 2:8 irra jiru kan barreesse, namoota hin amanneef akka hin turre yaadadhaa. Inni kan barreesse Kiristiyaanota hafuura qulqulluudhaan dibamaniif ture. (Qol. 1:2, 5) Kiristiyaanonni yeroo sana turan haala sodaachisaa keessa kan turan siʼa taʼu, nuti immoo yeroo ammaa haala caalaatti sodaachisaa taʼe keessa jirra. (1 Qor. 10:12) Maaliif? Seexanni lafaa fi naannoo ishiitti kan daangeffame siʼa taʼu, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan gowwoomsuu irratti xiyyeeffateera. (Mul. 12:9, 12, 17) Kana malees kan jiraannu, yeroo namoonni hamoonii fi fakkeessitoonni “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti” deemaa jiran keessa dha.—2 Xim. 3:1, 13.

3 Mata duree kana keessatti, Seexanni yaada keenya irratti dhiibbaa gochuuf, “gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen” kan fayyadamu akkamitti akka taʼe ilaalla. “Mala haxxummaa” isaa keessaa sadii addaan baafnee ilaalla. (Efe. 6:11) Mata duree itti aanu irratti immoo, wantoota hamaa tooftaan isaa yaada keenya irraan gaʼee taʼuu dandaʼu kam iyyuu akkamitti mormuu akka dandeenyu qoranna. Jalqaba garuu, Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, akkaataa Seexanni itti isaan dogoggorse irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

WAAQOLII TOLFAMOO WAAQEFFACHUUF QORAMANIIRU

4-6. Akkuma Keessa Deebii 11:10-15 irratti ibsame, Israaʼeloonni yeroo Biyyattii Abdachiifamtetti galan, qonnaa ilaalchisee jijjiirama akkamii gochuu qabu turan?

4 Israaʼeloonni waaqolii tolfamoo akka waaqeffatan Seexanni haxxummaadhaan isaan qoreera. Kana kan godhe akkamitti? Fedhii isaan nyaata argachuuf qabanitti fayyadamuudhaani. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galan mala ittiin nyaata oomishatan jijjiiruun isaan barbaachisa ture. Israaʼeloonni yeroo Gibxii keessa turanitti, bishaan laga Abbayyaatti fayyadamanii lafa qonnaa isaanii obaasu turan. Malli qonnaa Biyyattii Abdachiifamtee garuu bishaan lagaa argamuun kan obaafamu utuu hin taʼin, rooba waqtii eeggatee dhufuu fi fixeensa biqiltoota irratti buʼuun kan obaafamu ture. (Keessa Deebii 11:10-15 dubbisi; Isa. 18:4, 5) Kanaafuu, Israaʼeloonni mala qonnaa haaraa taʼe barachuu qabu turan. Namoonni muuxannoo qonnaa qaban garri caalaan isaanii lafa onaa keessatti waan duʼaniif kun isaaniif salphaa hin turre.

Israaʼeloonni Kanaʼaanotatti michoomuudhaan, waaqeffannaa Baʼaal irratti hirmaachuuf qoraman

Seexanni yaada Israaʼeloota qonnaan bultoota taʼanii jijjiiruu kan dandaʼe akkamitti ture? (Keeyyata 4-6 ilaali)b

5 Yihowaan sabni isaa haalli isaanii akka jijjiiramu isaanitti himee ture. Yeroo kanatti akeekkachiisa, “Garaan kee akka hin gowwoomne, garagaltees waaqayyolii biraatiif akka hin hojjenne, akka hin sagadneefittis of eeggadhu!” jedhuu fi dhimma qonnaa wajjin walitti dhufeenya kan hin qabne fakkaatu isaaniif kennee ture. (Kes. 11:16, 17) Yihowaan waaʼee mala qonnaa haaraa utuu dubbachaa jiruu, waaqolii sobaa akka hin waaqeffanne kan isaan akeekkachiise maaliifi?

6 Yihowaan, Israaʼeloonni namoota naannoo isaanii warra Yihowaa hin waaqeffanne irraa malawwan qonnaa tokko tokko barachuuf qoramuu akka dandaʼan beekee ture. Dhugaa dha, ollaawwan isaanii isaan caalaa muuxannoo waan qabaniif, sabni Waaqayyoo ogummaa gaggaarii tokko tokko isaan irraa barachuu kan dandaʼan taʼus, balaan irraa of eeggachuu qaban jira ture. Yaadni Kanaʼaanota qonnaan bultoota sanaa, amantii Baʼaal irratti qabaniin kan faalame ture. Baʼaal abbaa qabeenyaa samii akka taʼee fi bokkaa kan roobsisus isa akka taʼetti ilaalu turan. Yihowaan sabni isaa amantii sobaa akkasiitiin akka gowwoomfaman hin barbaanne. Haa taʼu malee, Israaʼeloonni irra deddeebiʼanii Baʼaaliin waaqeffachuu filataniiru. (Lak. 25:3, 5; Abo. 2:13; 1 Mot. 18:18) Mee amma Seexanni akkamitti Israaʼeloota kiyyoo isaa keessa galchuu akka dandaʼe hubadhaa.

TOOFTAAWWAN SADAN SEEXANNI ISRAAʼELOOTA BOOJIʼUUF ITTI FAYYADAME

7. Israaʼeloonni yeroo Biyyattii Abdachiifamtetti galan qorumsa amantii akkamiitu isaan mudate?

7 Malli Seexanni itti fayyadame inni tokkoffaan, lafti isaanii rooba akka argatu hawwii isaan uumamaan qaban kakaasuu ture. Biyyattii Abdachiifamte keessatti waggaa waggaadhaan dhuma Eblaatii kaasee hanga Fulbaanaatti bokkaa baayʼee xinnoo qofatu jira ture. Jireenyii fi badhaadhinni rooba yeroo hedduu gara Onkoloolessaatti jalqabu irratti kan hundaaʼe ture. Seexanni, Israaʼeloonni sooromuu yoo barbaadan aadaa ollaawwan isaanii warra Yihowaa hin waaqeffannee raawwachuu akka qaban isaan amansiisuudhaan isaan gowwoomse. Ollaawwan isaanii kun, waaqoliin isaanii tarkaanfii akka fudhatanii fi bokkaa akka roobsaniif sirna amantii tokko tokko raawwachuun akka barbaachisu amanu turan. Namoonni Yihowaa irratti amantii hin qabne hongee yeroo dheeraaf turu hambisuun kan dandaʼamu karaa kana qofa akka taʼe waan amananiif, waaqa sobaa Baʼaal kabajuuf sirna amantii kana raawwatan.

8. Tooftaa lammaffaan Seexanni itti fayyadame isa kamidha? Ibsi.

8 Seexanni Israaʼeloota irratti tooftaa isaa isa lammaffaa fayyadame. Gocha naamusaan ala taʼe akka raawwatan hawwii isaanii kakaase. Saboonni Yihowaa hin waaqeffanne, waaqolii isaanii kan waaqeffatan gocha naamusaan ala taʼe irratti hirmaachuudhaan ture. Waaqeffannaan naamusaan ala taʼe kun, ejja dubartoonnii fi dhiironni mana qulqullummaatti raawwatan dabalata. Saalqunnamtiin saalaa wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi saalqunnamtiin naamusaan ala taʼe kan biraan callisamee ilaalamuu malees fudhatama kan qabu ture. (Kes. 23:17, 18; 1 Mot. 14:24) Namoonni waaqolii sobaa waaqeffatan kun, sirni amantii isaanii waaqoliin lafichi oomisha hedduu akka kennu akka godhan isaan kakaasa jedhanii amanu. Israaʼeloonni hedduun saalqunnamtii sirna waaqeffannaa irratti raawwatamu kanaan harkifamuudhaan waaqolii sobaa tajaajiluu filataniiru. Dhugaa dubbachuuf garuu Seexanaan boojiʼamanii turan.

9. Akkuma Hoseʼaa 2:18, 19 irratti ibsame, Seexanni ilaalchi Israaʼeloonni Yihowaadhaaf qaban akka dimimmisu kan godhe akkamitti?

9 Seexanni tooftaa isaa isa sadaffaatti fayyadame. Seexanni ilaalchi Israaʼeloonni Yihowaadhaaf qaban akka dimimmisu godheera. Bara Ermiyaas raajichaatti Yihowaan raajonni sobaa sababii ‘Baʼaaliin’ kan kaʼe sabni isaa maqaa Isaa akka irraanfatan godhanii akka turan dubbateera. (Er. 23:27) Sabni Waaqayyoo maqaa Yihowaa waamuu kan dhiisanii fi maqaa Baʼaal isa hiikni isaa “Abbaa Qabeenyaa” ykn “Gooftaa” jedhuun kan bakka buusan taʼuu hin oolu. Gochi kun garaa garummaan Yihowaa fi Baʼaal gidduu jiru sammuu Israaʼelootaa keessatti akka dimimmisu gochuudhaan, sirni waaqeffannaa Baʼaal salphaatti waaqeffannaa Yihowaa wajjin akka wal maku godheera.—Hose’aa 2:18, 19 dubbisi.

TOOFTAA SEEXANNI YEROO HARʼAA ITTI FAYYADAMU

10. Seexanni yeroo harʼaa tooftaa akkamiitti fayyadama?

10 Seexanni yeroo harʼaas maluma kana fakkaatutti fayyadama. Wanta fedhii uumamaa isaanii kakaasu gochuudhaan, saalqunnamtii naamusaan ala taʼe babalʼisuu fi ilaalchi namoonni Yihowaadhaaf qaban akka dimimmisu gochuudhaan namoota kiyyeessa. Mee mala isaa isa dhumaa kana jalqaba haa qorannu.

11. Seexanni ilaalchi namoonni Yihowaaf qaban akka dimimmisu kan godhu akkamitti?

11 Seexanni ilaalchi namoonni Yihowaadhaaf qaban akka dimimmisu godha. Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda, namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko barumsa sobaa babalʼisuu jalqaban. (HoE. 20:29, 30; 2 Tas. 2:3) Gantoonni kun eenyummaan Waaqa dhugaa isa tokkichaa akka dimimmisu gochuu jalqaban. Fakkeenyaaf Kitaaba Qulqulluu isaanii keessatti maqaa Waaqayyootti fayyadamuu dhiisuudhaan maqaawwan ulfinaa akka “Gooftaa” jedhu fayyadamuu filataniiru. Maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu keessaa baasanii maqaa “Gooftaa” jedhuun bakka buusuudhaan, namoonni dubbisan Yihowaan “gooftolii” Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kaan irraa akkamitti adda akka taʼe hubachuun akka isaanitti ulfaatu godhaniiru. (1 Qor. 8:5) Yihowaadhaafis taʼe Yesuusiif jechuma, “Gooftaa,” jedhu fayyadamuudhaan, Yihowaa fi Ilmi isaa garaa gara akka taʼanii fi gaʼee adda addaa akka qaban hubachuun akka ulfaatu godhaniiru. (Yoh. 17:3) Burjaajaʼiinsi kun barumsi Sillaasee inni Dubbii Waaqayyoo keessatti hin argamne akka babalʼatu gumaacha godheera. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Waaqayyo iccitii akka taʼee fi isa beekuun akka hin dandaʼamne amananiiru. Kun soba guddaa akkamiiti!—HoE. 17:27.

Beeksisa mana sagadaa namoonni saalaa wal fakkaataa qaban gaaʼela akka godhatan jajjabeessu

Seexanni namoonni fedhii naamusaan ala taʼe akka qabaatan gochuuf amantii sobaatti kan fayyadamu akkamitti? (Keeyyata 12 ilaali)c

12. Amantiin sobaa maal jajjabeessa? Akkuma Roomaa 1:28-31 irratti ibsame kunoo maal geessise?

12 Seexanni fedhiiwwan naamusaa ala taʼan babalʼisa. Bara Israaʼeloota duriitti, Seexanni gocha naamusaa ala taʼe babalʼisuuf amantii sobaatti fayyadama ture. Yeroo harʼaas akkasuma godha. Amantiin sobaa gocha naamusaa ala taʼe callisee ilaala, darbees ni jajjabeessa. Kanaan kan kaʼes, namoonni Waaqayyoon akka tajaajilan dubbatan hedduun ulaagaa naamusaa ifa taʼe eeguu dhiisaniiru. Phaawulos ergamaan xalayaa warra Roomaatiif barreesse irratti kun maal akka geessise ibseera. (Roomaa 1:28-31 dubbisi.) “Wantoota sirrii hin taane” kan jedhaman saalqunnamtii gosa hundumaa fi saalqunnamtii saalaa wal fakkaataa gidduutti godhamu dabalatu. (Rom. 1:24-27, 32; Mul. 2:20) Barumsa Kitaaba Qulqulluu isa ifa taʼe jabeessinee qabachuun keenya baayʼee barbaachisaa mitii!

13. Tooftaa kan biraan Seexanni itti fayyadamu isa kami dha?

13 Seexanni wanta fedhii uumamaa keenya hawwatu nuuf dhiheessa. Ogummaa wanta ofii keenyaa fi maatii keenyaaf nu barbaachisu guuttachuuf nu gargaaru barachuuf fedhii uumamaa qabna. (1 Xim. 5:8) Ogummaa akkasii yeroo baayʼee mana barumsaa dhaquu fi jabaannee barachuudhaan arganna. Haa taʼu malee, of eeggannoo gochuu qabna. Sirni barumsaa biyyoota hedduu ogummaa qofa utuu hin taʼin, falaasama namootaas ni barsiisa. Barattoonni, Waaqayyo jiraachuu isaa akka shakkanii fi Kitaaba Qulqulluu akka tuffatan jajjabeeffamu. Jireenyi eessaa akka dhufe sirriitti kan ibsu barumsa jijjiirama tirannaa qofa akka taʼe isaanitti himama. (Rom. 1:21-23) Barumsawwan akkasii ‘ogummaa Waaqayyootiin,’ mormu.—1 Qor. 1:19-21; 3:18-20, hiika bara 1899.

14. Falaasamni namootaa maal jajjabeessa?

14 Falaasamni namootaa ulaagaa qajeelummaa Yihowaa ni tuffata ykn ni faallessa. Namoonni firii hafuura Waaqayyo akka horatan utuu hin taʼin, “hojiiwwan foonii” akka hojjetan jajjabeessa. (Gal. 5:19-23) Barumsi akkasii kooraa fi of tuulummaa kan jajjabeessu siʼa taʼu, kunis namoonni, “kan of jaallatan” akka taʼan godheera. (2 Xim. 3:2-4) Amalawwan kun, amala garraamummaa fi gad of qabuu isa tajaajiltoonni Waaqayyoo akka horatan jajjabeeffamanii wajjin wal faallessu. (2 Sam. 22:28) Kiristiyaanonni barumsa yunivarsiitii hordofan tokko tokko yaada Waaqayyoo utuu hin taʼin, yaadni namootaa sammuu isaanii irratti dhiibbaa akka godhu heyyamaniiru. Mee balaa kana salphisnee yoo ilaalle maaltu gaʼuu akka dandaʼu haa qorru.

Shamarreen yunivarsiitii barattu takka yaada Piroofeesarri tokko dubbattetti kan dinqisiifamte siʼa taʼu, walgaʼii gumii irratti fedhii kan hin qabnee fi dogoggora kan funaantu fakkaatti

Yaadni keenya falaasama namootaatiin jalʼachuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 14-16 ilaali)d

15-16. Muuxannoo obboleettii tokkoo irraa maal baranna?

15 Obboleettiin waggaa 15 oliif tajaajila yeroo guutuu keessa turte tokko akkas jetteetti: “Dhugaa Baatuu cuuphamte waanan taʼeef, balaa barumsa yunivarsiitii hordofuun qabu dubbiseera akkasumas dhagaʼeera; taʼus akeekkachiisa akkasiitiif xiyyeefannaa hin kenninen ture. Gorsi kun anaaf hin hojjetu jedheen yaadan ture.” Rakkoowwan akkamiitu ishii mudate? Akkas jetteetti: “Barumsa koo qoʼachuun yeroo fi carraaqqii hedduu waan na gaafatuuf akka duraanii kadhannaa dhiheessuu hin dandaʼu, baayʼee waanan dadhabuuf warra kaanii wajjin maree Kitaaba Qulqulluu gochuu, akkasumas walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuu hin dandeenye. Kan nama gammachiisu, barumsa ol aanaa hordofuun koo hariiroo ani Yihowaa wajjin qabu akka balleesse waanan beekeef, dhaabuu akkan qabun hubadhe. Kanas godheera.”

16 Barumsa ol aanaa hordofuun ishii yaada obboleettii kanaa irratti dhiibbaa akkamii godhe? Akkas jetteetti: “Barumsi ani baradhe hirʼina warra kaanii, keessumaa immoo kan obbolootaa fi obboleettota koo irratti akkan xiyyeeffadhu, wanta humna isaaniitii ol taʼe akkan isaan irraa eeguu fi namoota irraa akkan adda of baasu akka na barsiise beekuun koo na qaanessa. Barumsa akkasii of keessaa baasuuf yeroo dheeraa natti fudhateera. Muuxannoon kun akeekkachiisa Abbaan keenya inni samii karaa jaarmiyaa isaa kennu salphisanii ilaaluun, balaa hangamii akka geessisu akkan hubadhu na gargaareera. Yihowaan hamma ani of beeku caalaa na beeka. Isa dhaggeeffachuun qaba.”

17. (a) Murtoon keenya maal taʼuu qaba? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii qoranna?

17 “Falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabne” isa addunyaan Seexanaa dhiheessuun matumaa akka hin boojiʼamne murteessaa. Yeroo hunda tooftaa Seexanaa irraa of eeggachuu keessan itti fufaa. (1 Qor. 3:18; 2 Qor. 2:11) Ilaalchi Yihowaadhaaf qabdan akka isin jalaa dimimmisu akka inni godhu isaaf hin heyyaminaa. Ulaagaawwan naamusaa Yihowaa warra sadarkaa ol aanaa qabaniin jiraadhaa. Akkasumas Seexanni gorsa Yihowaa salphistanii akka ilaaltan akka isin gowwoomsu hin heyyaminaa. Haa taʼu malee, yaadni addunyaa kanaa dhiibbaa akka isin irratti godhe yoo hubattan maal gochuu qabdu? Mata dureen itti aanu, Dubbiin Waaqayyoo yaadawwanii fi barsiifatawwan akka “daʼoo jajjabaa” taʼan garagalchuuf akkamitti akka nu gargaaru ibsa.—2 Qor. 10:4, 5.

SEEXANNI WANTOOTA ARMAAN GADII GOCHUUF TOOFTAWWAN AKKAMIITTI FAYYADAMA?

  • Ilaalcha namoonni Yihowaadhaaf qaban akka dimimmisu gochuuf.

  • Hawwii naamusaa ala taʼe kakaasuuf.

  • Hawwii namoonni uumamaan qaban kakaasuuf.

FAARFANNAA 49 Yihowaa Gammachiisuu

a Seexanni namoota gowwoomsuu irratti dandeettii guddaa qaba. Namoonni hedduun Seexanaan boojiʼamanii utuu jiranii bilisummaa akka qaban godhanii akka amanan isaan gowwoomseera. Mata dureen kun tooftaawwan Seexanni namoota gowwoomsuuf itti fayyadamu tokko tokko ibsa.

b IBSA FAKKII: Israaʼeloonni Kanaʼaanotatti michooman waaqeffannaa Baʼaalii fi gocha naamusaan ala taʼe irratti hirmaachuuf qoramaniiru.

c IBSA FAKKII: Beeksisa mana sagadaa saalqunnamtii saalaa wal fakkaataa gidduutti godhamu heyyamu.

d IBSA FAKKII: Obboleettiin shamarreen tokko yunivarsiitii galte. Ishii fi hiriyoonni daree ishii yaada piroofeesarri isaanii saayinsii fi teknooloojiin rakkina ilmaan namootaa hunda akka furu dubbatte jaallataniiru. Booda Galma Walgaʼii keessatti kan argamte taʼus, wanta taʼaa jirutti hin gammadne akkasumas dogoggora funaanuu jalqabde.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi