LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Qolosaayis 1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Qolosaayis

      • Nagaa dhaamuu (1, 2)

      • Amantii warra Qolosaayisiif galateeffachuu (3-8)

      • Kadhannaa guddina hafuuraa ilaalchisee dhihaate (9-12)

      • Gaʼee guddaa Kiristoos qabu (13-23)

      • Phaawulos gumichaaf jabaatee hojjeteera (24-29)

Qolosaayis 1:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 4:17

Qolosaayis 1:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Xi 4:8; 1Ph 1:3, 4

Qolosaayis 1:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Qol 1:23; 1Xi 3:16

Qolosaayis 1:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Qol 4:12, 13; Flm 23

Qolosaayis 1:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hafuuraan.”

Qolosaayis 1:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 1:9
  • +2Xi 2:7; 1Yo 5:20
  • +Efe 1:15, 16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 23

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2016, ful. 26

Qolosaayis 1:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 1:17; 2Ph 1:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 23

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2016, ful. 26

Qolosaayis 1:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 3:14, 16

Qolosaayis 1:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 8:17; Efe 1:13, 14

Qolosaayis 1:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 2:1, 2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2014, ful. 11

Qolosaayis 1:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 1:7

Qolosaayis 1:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 4:24; 10:30; 14:9; 1Xi 1:17
  • +Mul 3:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 65, 278

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 15

    Nu Barsiisa, ful. 45

    Barumsa Macaafa Qulqulluu, ful. 42

Qolosaayis 1:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:3
  • +Yoh 1:10; Ibr 1:2

Qolosaayis 1:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 17:5

Qolosaayis 1:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 1:22
  • +1Qo 15:23; Mul 1:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2007, ful. 19

Qolosaayis 1:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Qol 2:3, 9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 24

Qolosaayis 1:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 17:11
  • +2Qo 5:19; Efe 1:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 175-176

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 24

    1/15/2009, ful. 28-29

Qolosaayis 1:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 1:8

Qolosaayis 1:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Xi 3:16
  • +1Qo 3:11
  • +1Qo 15:58; Ibr 3:14
  • +Mul 2:10
  • +Efe 3:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 247

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    4/2020, ful. 7

Qolosaayis 1:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 3:1
  • +HoE 9:16; Flp 3:10
  • +Efe 1:22, 23

Qolosaayis 1:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 9:16, 17

Qolosaayis 1:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “baroota.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 3:5-7; 5:32
  • +Luq 8:10; 1Qo 2:7
  • +Rom 16:25, 26

Qolosaayis 1:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 3:8, 9
  • +Rom 8:18

Qolosaayis 1:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 4:13

Qolosaayis 1:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 4:13

Yaada Wal Simu

Qol. 1:11Qo 4:17
Qol. 1:52Xi 4:8; 1Ph 1:3, 4
Qol. 1:6Qol 1:23; 1Xi 3:16
Qol. 1:7Qol 4:12, 13; Flm 23
Qol. 1:9Flp 1:9
Qol. 1:92Xi 2:7; 1Yo 5:20
Qol. 1:9Efe 1:15, 16
Qol. 1:10Efe 1:17; 2Ph 1:2
Qol. 1:11Efe 3:14, 16
Qol. 1:12Rom 8:17; Efe 1:13, 14
Qol. 1:13Efe 2:1, 2
Qol. 1:14Efe 1:7
Qol. 1:15Yoh 4:24; 10:30; 14:9; 1Xi 1:17
Qol. 1:15Mul 3:14
Qol. 1:16Yoh 1:3
Qol. 1:16Yoh 1:10; Ibr 1:2
Qol. 1:17Yoh 17:5
Qol. 1:18Efe 1:22
Qol. 1:181Qo 15:23; Mul 1:5
Qol. 1:19Qol 2:3, 9
Qol. 1:20Lew 17:11
Qol. 1:202Qo 5:19; Efe 1:10
Qol. 1:221Qo 1:8
Qol. 1:231Xi 3:16
Qol. 1:231Qo 3:11
Qol. 1:231Qo 15:58; Ibr 3:14
Qol. 1:23Mul 2:10
Qol. 1:23Efe 3:8
Qol. 1:24Efe 3:1
Qol. 1:24HoE 9:16; Flp 3:10
Qol. 1:24Efe 1:22, 23
Qol. 1:251Qo 9:16, 17
Qol. 1:26Efe 3:5-7; 5:32
Qol. 1:26Luq 8:10; 1Qo 2:7
Qol. 1:26Rom 16:25, 26
Qol. 1:27Efe 3:8, 9
Qol. 1:27Rom 8:18
Qol. 1:28Efe 4:13
Qol. 1:29Flp 4:13
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Qolosaayis 1:1-29

Xalayaa Warra Qolosaayisiif Barreeffame

1 Phaawulos isa fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi Ximotewos+ obboleessa keenya irraa, 2 qulqullootaa fi obboloota amanamoo Kiristoosii wajjin tokkummaa qabanii fi Qolosaayis keessa jiraniif:

Waaqayyo Abbaa keenya biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.

3 Nuti yeroo isiniif kadhannu, Waaqayyo isa Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos taʼe yeroo hunda ni galateeffanna; 4 sababiin isaas, amantii isin Kiristoos Yesuus irratti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan dhageenyeerra; 5 kunis kan taʼe abdii samii keessatti isiniif kaaʼameen+ kan kaʼe dha. Kanaan dura waaʼee abdii kanaa karaa ergaa dhugaa misiraachichaa dhageessaniittu; 6 misiraachoon kun isin biras gaʼeera. Misiraachoon kun akkuma guutummaa addunyaatti firii godhachaa fi babalʼachaa jiru,+ dhugaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guyyaa itti dhageessanii fi sirriitti beektanii jalqabee isin gidduuttis firii godhachaa fi babalʼachaa jira. 7 Ephaafraa+ isa jaallatamaa fi amanamaa isa bakka keenya buʼee akka garbichaatti Kiristoosiin tajaajilaa jiru irraa wanti barattanis kanuma ture. 8 Inni jaalala isin karaa hafuuraa* qabdanis nutti himeera.

9 Nutis guyyaa waaʼee kanaa itti dhageenye irraa jalqabee, beekumsa sirrii+ waaʼee fedhii isaa ibsu, akkasumas ogummaa fi hubannaa hafuuraa+ hundumaan akka guutamtan isiniif kadhachuu matumaa kan hin dhiisne+ kanumaaf ture; 10 kunis hojii gaarii hundumaan firii godhachuu fi beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsuun+ guddachuudhaan guutummaatti isa gammachiisuuf akka Yihowaadhaaf* taʼutti akka deddeebitaniifi; 11 obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattanii akka dhaabbattaniif Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina isiniif haa kennu;+ 12 Abbaa isa dhaala qulqulloota+ warra ifa keessa jiranii irraa hirmaachuuf gaʼumsa akka qabaattan godhe sana galateeffadhaa.

13 Inni aangoo dukkanaa jalaa nu oolchee+ gara mootummaa Ilma isaa isa jaallatamaatti nu ceesise; 14 dhiifama cubbuu akka argannuuf karaa Ilma isaa furichaan bilisa baaneerra.+ 15 Inni fakkaattii Waaqayyo isa ijaan hin argamne+ sanaa fi angafa uumama hundumaa ti;+ 16 sababiin isaas, wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi, wantoonni mulʼatanii fi wantoonni hin mulʼanne,+ teessoowwanis taʼan gooftummaan, mootummoonnis taʼan aangoon hundi karaa isaa uumaman. Wantoonni kaan hundi karaa isaa+ fi isaaf uumaman. 17 Inni wantoota hundumaa dura dha;+ wantoonni kaan hundi karaa isaa uumaman; 18 inni mataa qaamichaa, jechuunis mataa gumichaa ti.+ Inni isa jalqabaa ti, warra duʼan keessaas angafa dha;+ kunis kan taʼe inni wanta hundumaatiin isa jalqabaa akka taʼuufi; 19 sababiin isaas, Waaqayyo wantoonni hundi isa keessatti guutuu akka taʼan+ gochuutti gammadeera; 20 inni dhiiga Kiristoos muka dhiphinaa* irratti dhangalaase sanaan nagaa uumee+ wantoota lafa irra jiranis taʼe, wantoota samii keessa jiran kaan hunda karaa isaa ofitti araarseera.+

21 Isin sammuun keessan hojii hamminaa irratti waan xiyyeeffatee tureef yeroo tokkotti Waaqayyo irraa kan fagaattanii fi diinota isaa turtan; 22 inni qulqulloota, hirʼina kan hin qabnee fi isa duratti himata irraa walaba akka taatan godhee isin dhiheessuuf,+ karaa duʼa qaama Ilma isaa sanaan amma ofitti isin araarseera; 23 kun taʼuu kan dandaʼu garuu, abdii misiraachichaa isa dhageessanii fi uumama samiidhaa gad jiru hundatti lallabame+ sana irraa utuu asii fi achi hin jedhin buʼuura sana irratti ciminaan ijaaramtanii+ fi jabaattanii dhaabbattanii+ amantiidhaan jiraachuu+ keessan yoo itti fuftani dha. Ani Phaawulos misiraachoo kanaaf tajaajilaa taʼeera.+

24 Ani amma isiniif jedhee rakkachaa kanan jiru taʼus+ gammadaan jira. Kutaa qaama Kiristoos waanan taʼeef rakkinni ana irra gaʼu akka itti fufu natti dhagaʼama. Rakkinni kunis qaama Kiristoosiif,+ jechuunis gumichaaf+ faayidaa argamsiisa. 25 Ani dubbii Waaqayyoo guutummaatti akkan lallabu isiniif jecha itti gaafatamummaa naaf kennamee wajjin haala wal simuun gumii kanaaf tajaajilaa taʼeera;+ 26 eeyyee, iccitii qulqulluun+ kun sirnoota* darbanii fi dhaloota darban jalaa dhokatee ture.+ Amma garuu warra qulqulloota isaa taʼaniif ifa taʼeera;+ 27 Waaqayyo iccitii qulqulluu isa qabeenya ulfina qabeessa taʼe kana saboota gidduutti isaanitti beeksise. Iccitii qulqulluun+ kun Kiristoos isa isinii wajjin tokkummaa qabuu fi isin ulfina isaa irraa hirmaachuuf+ abdii qabdani dha. 28 Nama hunda tokkummaa Kiristoosii wajjin qabuun guutuu goonee akka dhiheessinuuf,+ inni isa nuti ogummaa hundumaatiin nama hunda gorsinuu fi nama hunda barsiisnu, akkasumas balʼinaan akka beekamu gochaa jirru dha. 29 Anis jabina isaa isa humna guddaadhaan na keessatti hojjechaa jiruun, kana fiixaan baasuuf carraaqqii cimaa gochuudhaan jabaadhee hojjechaan jira.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi