LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Raajii Ahiyaan Yeroboʼaam irratti dubbate (1-20)

      • Rooboʼaam Yihudaa irratti mootii taʼe (21-31)

        • Weerara Shishaaq raawwate (25, 26)

1 Mootota 14:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 11:30, 31

1 Mootota 14:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “okkotee.”

1 Mootota 14:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 18:1; 1Sa 4:3

1 Mootota 14:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Akkana akkana jedhii ishiitti himi.”

1 Mootota 14:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 11:30, 31; 12:20

1 Mootota 14:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:16
  • +1Mo 15:5; HoE 13:22

1 Mootota 14:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 27:15; 2Se 11:15
  • +Nah 9:26; Fr 50:17

1 Mootota 14:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu hunda.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.

  • *

    Kal., “nan kuta.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:25-29

1 Mootota 14:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 293

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2010, ful. 9

1 Mootota 14:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “kutu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:25-29

1 Mootota 14:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Jechuunis, Efraaxis.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:3
  • +Kes 8:7-9; 29:28; Iya 23:15; 2Mo 17:6
  • +Kes 28:64; 2Mo 15:29; 18:11

1 Mootota 14:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:28-30; 13:33, 34

1 Mootota 14:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 12:15; 13:3

1 Mootota 14:20

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guyyoonni.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 13:20
  • +1Mo 15:25

1 Mootota 14:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:24; Kes 12:5, 6; 1Mo 8:16, 17
  • +Fr 78:68; 132:13
  • +1Mo 11:1; 2Se 12:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2011, ful. 10

1 Mootota 14:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 11:7; 2Se 12:1
  • +Isa 65:2

1 Mootota 14:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:2, 3; Isa 57:5; Er 2:20; Hos 4:13
  • +Isa 65:7
  • +Lew 26:1

1 Mootota 14:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 23:17, 18; 1Mo 15:11, 12; 22:46; 2Mo 23:7; Hos 4:14

1 Mootota 14:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 11:40
  • +2Se 12:2-4

1 Mootota 14:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:51; 15:18; 2Mo 18:14, 15; 24:12, 13
  • +1Mo 10:16, 17; 2Se 12:9-11

1 Mootota 14:27

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “fiigdotaa.”

1 Mootota 14:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 27:24; 2Se 12:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2009, ful. 32

1 Mootota 14:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:6

1 Mootota 14:31

Miiljaleewwan

  • *

    Abiyaas ni jedhama.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 11:43
  • +1Mo 11:1; 2Se 12:13
  • +1Se 3:10; Mat 1:7

Yaada Wal Simu

1Mot. 14:21Mo 11:30, 31
1Mot. 14:4Iya 18:1; 1Sa 4:3
1Mot. 14:71Mo 11:30, 31; 12:20
1Mot. 14:81Mo 12:16
1Mot. 14:81Mo 15:5; HoE 13:22
1Mot. 14:9Kes 27:15; 2Se 11:15
1Mot. 14:9Nah 9:26; Fr 50:17
1Mot. 14:101Mo 15:25-29
1Mot. 14:141Mo 15:25-29
1Mot. 14:15Kes 12:3
1Mot. 14:15Kes 8:7-9; 29:28; Iya 23:15; 2Mo 17:6
1Mot. 14:15Kes 28:64; 2Mo 15:29; 18:11
1Mot. 14:161Mo 12:28-30; 13:33, 34
1Mot. 14:192Se 12:15; 13:3
1Mot. 14:202Se 13:20
1Mot. 14:201Mo 15:25
1Mot. 14:21Bau 20:24; Kes 12:5, 6; 1Mo 8:16, 17
1Mot. 14:21Fr 78:68; 132:13
1Mot. 14:211Mo 11:1; 2Se 12:13
1Mot. 14:221Mo 11:7; 2Se 12:1
1Mot. 14:22Isa 65:2
1Mot. 14:23Kes 12:2, 3; Isa 57:5; Er 2:20; Hos 4:13
1Mot. 14:23Isa 65:7
1Mot. 14:23Lew 26:1
1Mot. 14:24Kes 23:17, 18; 1Mo 15:11, 12; 22:46; 2Mo 23:7; Hos 4:14
1Mot. 14:251Mo 11:40
1Mot. 14:252Se 12:2-4
1Mot. 14:261Mo 7:51; 15:18; 2Mo 18:14, 15; 24:12, 13
1Mot. 14:261Mo 10:16, 17; 2Se 12:9-11
1Mot. 14:291Se 27:24; 2Se 12:15
1Mot. 14:301Mo 15:6
1Mot. 14:311Mo 11:43
1Mot. 14:311Mo 11:1; 2Se 12:13
1Mot. 14:311Se 3:10; Mat 1:7
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 14:1-31

Mootota Tokkoffaa

14 Yeroo sanatti Abiyaan ilmi Yeroboʼaam ni dhukkubsate. 2 Kanaafuu, Yeroboʼaam haadha manaa isaatiin akkana jedhe: “Maaloo, kaʼiitii eenyu iyyuu haadha manaa Yeroboʼaam taʼuu kee akka hin beeknetti of jijjiiriitii gara Shiiloo dhaqi. Kunoo, Ahiyaan raajichi achi jira. Ani saba kana irratti mootii akkan taʼu kan dubbate isa dha.+ 3 Daabboo kudhan, maxinoo, akkasumas damma hubboo* tokko qabadhuutii gara isaa dhaqi. Innis mucichi maal akka taʼu sitti hima.”

4 Haati manaa Yeroboʼaamis wanta inni jedhe ni goote. Ishiin kaatee gara Shiiloo+ dhaquudhaan gara mana Ahiyaa dhufte. Ahiyaan ijji isaa fuulleetti kan ilaalu taʼus, dulloomuu isaatiin kan kaʼe arguu hin dandaʼu ture.

5 Yihowaan garuu Ahiyaadhaan, “Kunoo, haati manaa Yeroboʼaam ilmi ishii waan dhukkubsateef, waaʼee isaa si gaafachuuf dhufaa jirti. Wanta ishiidhaan jettu ani sittan hima.* Ishiin yommuu as geessu eenyummaa ishii ni dhoksiti” jedhe.

6 Ahiyaanis utuu ishiin gara balbalaa dhufaa jirtuu, akkuma sagalee kottee ishii dhagaʼeen akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa haadha manaa Yeroboʼaam, ol seeni. Eenyummaa kee kan dhoksite maaliifi? Ani ergaa cimaa akkan sitti himu ajajameera. 7 Dhaqi, akkana jedhiitii Yeroboʼaamitti himi: ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani saba koo Israaʼel irratti geggeessaa si gochuuf, saba kee gidduudhaa sin kaase.+ 8 Achiis mootummicha mana Daawit irraa tarsaaseen siif kenne.+ Ati garuu akka tajaajilaa koo Daawit isa na duratti wanta sirrii taʼe qofa gochuudhaan ajajawwan koo eegee fi garaa isaa guutuudhaan ana duukaa buʼe sanaa hin taane.+ 9 Kanaa mannaa, wanta warri si dura turan hundi raawwatan irra hammaatu ni raawwatte; na dheekkamsiisuufis waaqa kan biraa fi fakkiiwwan sibiila irraa tolfaman* ofii keetiif ni tolfatte;+ dugda kees natti garagalchite.+ 10 Sababii kanaatiif, ani mana Yeroboʼaam irratti badiisa nan fida; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Yeroboʼaam taʼe hunda nan balleessa;* akkuma namni tokko faandoo haxaaʼee balleessuttis mana Yeroboʼaam+ haxaaʼee nan balleessa! 11 Yihowaan kana waan dubbateef, nama kan Yeroboʼaam taʼee fi magaalaa keessatti duʼu sareetu nyaata; isa dirree keessatti duʼu kam iyyuu immoo allaattiiwwan samiitu nyaata.”’

12 “Amma kaʼiitii gara mana kee dhaqi. Miilli kee akkuma magaalattiitti seeneen mucichi ni duʼa. 13 Maatii Yeroboʼaam keessaa bakka awwaalaatti kan awwaalamu isa qofa waan taʼeef, guutummaan Israaʼel booʼee isa ni awwaala; sababiin isaas, mana Yeroboʼaam keessaa Yihowaan Waaqni Israaʼel wanta gaarii kan keessatti argate isa qofa dha. 14 Yihowaan Israaʼel irratti mootii mana Yeroboʼaam+ balleessu* guyyaa sanaa jalqabee ofii isaatiif ni kaasa; yoo barbaade immoo ammuma iyyuu kana gochuu ni dandaʼa. 15 Yihowaan akka shomboqqoo bishaan keessaa raafamuutti Israaʼeliin ni rukuta; isaan utubaawwan waaqeffannaa*+ isaanii hojjetanii Yihowaa waan dheekkamsiisaniif, inni biyya gaarii abbootii isaaniitiif kenne kana irraa Israaʼeliin ni buqqisa;+ Lagicha* gamattis isaan ni bittinneessa.+ 16 Kana malees, cubbuu Yeroboʼaam hojjetee fi Israaʼelonnis akka hojjetan godheen kan kaʼe inni Israaʼeliin ni dhiisa.”+

17 Yeroo kanatti haati manaa Yeroboʼaam kaatee karaa ishii qabattee gara Tirzaa dhufte. Yeroo ishiin balbala manichaa bira geessus mucichi ni duʼe. 18 Kanaafuu, akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa raajichaa dubbatetti isaan isa ni awwaalan; guutummaan Israaʼelis isaaf ni booʼe.

19 Seenaan Yeroboʼaam inni hafe, akkamitti waraana irratti akka bobbaʼee+ fi akkamitti akka bulche kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 20 Barri* Yeroboʼaam itti bulche waggaa 22 ture; sana booda inni abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Naadaabis bakka isaa mootii taʼe.+

21 Yeroo kanatti Rooboʼaam ilmi Solomoon Yihudaa keessatti mootii taʼee ture. Rooboʼaam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 41 ture; innis magaalaa Yerusaalem, jechuunis magaalaa Yihowaan maqaan isaa achi akka taʼuuf+ gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filate+ keessa taaʼee waggaa 17f ni bulche. Maqaan haadha Rooboʼaam Naʼaamaa yommuu taʼu, ishiin nama biyya Amoon+ turte. 22 Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni hojjete;+ cubbuu hojjetaniinis isa abbootiin isaanii godhan caalaa isa ni dheekkamsiisan.+ 23 Isaanis tabbawwan dhedheeroo hunda irrattii fi muka lalisaa+ hunda jalatti iddoowwan ol kaʼoo,+ siidaawwan waaqeffannaa fi utubaawwan waaqeffannaa*+ ofii isaaniitiif ni hojjetan. 24 Kana malees, biyyattii keessa dhiironni mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan jiru turan.+ Isaan wantoota jibbisiisoo saboonni Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan hunda ni raawwatan.

25 Rooboʼaam Mootichi mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti Shishaaq+ mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe.+ 26 Innis qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate.+ Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete hunda dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+ 27 Kanaafuu, Rooboʼaam Mootichi bakka isaanii gaachanoota sibiila diimaa hojjetee ajajjoota eegduu* warra karra mana mootichaa eeganitti kenne. 28 Eegdonni yeroo mootichi gara mana Yihowaatti dhufu hundumaatti gaachanoota kana ni qabatu turan; sana booda immoo gara kutaa eegduutti ni deebisu turan.

29 Seenaan Rooboʼaam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 30 Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+ 31 Achiis Rooboʼaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼaamaa yommuu taʼu, ishiin nama biyya Amoon+ turte. Ilmi isaa Abiyaamis*+ bakka isaa mootii taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi