Utuu Wal Hin Caalchisin Lallabuudhaan —Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa
1 Yohannis, ergamaan tokko wangeela isa bara baraa “saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis” labsuudhaaf bantii waaqaa walakkaa utuu balali’uu mul’ataan argeera. (Mul. 14:6) Nutoo utuu namoota wal hin caalchisin lallabuudhaan fakkeenya ergamaa kanaa ni hordofnaa? Utuu hin beekin wal caalchisuu ykn akkasumaan eenyummaasaa utuu hin beekin nama jibbuu dandeenya. Ilaalchi nuti namoota tajaajilarratti argannuuf qabnu, haala wangeela itti isaaniif lallabnurratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Kanaaf, namoota akkaataa guddinaa garagaraa qabaniif yommuu lallabnu akka isaan jaallannu argisiisuu nu barbaachisa.
2 Naannoo Tajaajilaa Keessan Sirriitti Hubadhaa: Naannoo tajaajilaakee keessa namoonni biyya alaatii dhufan ykn galaa ta’an jiruu? Fakkeenyaaf, naannoo tajaajilaa keenyatti lammiiwwan Chaayinaa piroojeektii garagaraa hojjechuuf dhufan baay’een jiru. Namoonni akkasii kun yeroo baay’ee namoota afaan biyya ormaa dubbataniifi naannoowwan akka barbaadanitti lixuun hin danda’amne keessa waan jiraataniif dagatamuu danda’u. Nagaa gaafachuufi isaanii wajjin wal baruuf dursa fudhachuudhaan caalaatti isaan beekuuf yaalii godhaa. Wantoonni isaan barbaachisaniifi isaan yaaddessan, wantonni isaan jaallataniifi jibban, akkasumas wantoonni isaan sodaatan maalfa’i? Misiraachoo Mootummichaa yommuu lallabdan akkaataa dhiheenyaa keessan haala isaaniif ta’uun dhiheessuuf carraaqqii godhaa. (1 Qor. 9:19-23) Nutis akkuma Phaawulos, namoota biyya alaa naannoo tajaajilaa keenyatti argaman akkasumas aadaa adda ta’e qabaniifi baay’ee sooreyyii ta’an dabalatee, namoota hundaafiyyuu wangeela lallabuuf itti gaafatamummaan akka nurra jiru hubachuu qabna.—Rom. 1:14.
3 Haata’u malee, nama afaan biyya alaa dubbatuuf akkamitti lallabuu dandeessa? Buukleetii Misiraachoo Saba Hundaaf Ta’u jedhamuun akka gaariitti fayyadamuu dandeessa. Kana malees, tiraaktota ykn brooshuuroota afaan biyya alaa naannoo tajaajilaa keetti baay’inaan dubbataman qabachuu dandeessa. (Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2003 ful. 4, key. 2-3 ilaali.) Akkasumas, babal’istoonni tokko tokko nagaa gaafachuufi akkaataawwan dhiheenyaa gaggabaaboo ta’an afaan garabiraadhaan barachuuf carraaqqii godhaniiru. Namoonni yeroo baay’ee namni tokko afaansaaniitiin isaan haasofsiisuuf yaalii gochuunsaa kan isaan gammachiisu yommuu ta’u, kunis misiraachicha akka dhaggeeffatan gochuu danda’a.
4 Yihowaa Fakkaadhaa: Namoota akkaataa guddinaa garagaraa qabaniif lallabuudhaan, Waaqa keenya Yihowaa isa namoota wal hin caalchisneefi “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u . . . fedh[u]” haa fakkaannu.—1 Xim. 2:3, 4.