Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Cam. 1
“Duuti ijoollee warrasaanirra gadda guddaa yeroo dheeraadhaaf turu geessisa. Warri akkasii eessaa jajjabina argachuu danda’u jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Roomaa 15:5 dubbisiif.] Barruun kun karaawwan Waaqayyo warra gaddaniif jajjabina itti kennu tokko tokko ibsa.”
Dammaqaa! Cam. 2007
“Waaqayyo duraan dursee gocha keenyaafi hiree keenya murteesseera jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Akka caqasni Macaafa Qulqulluu kun jedhutti, Waaqayyo namoonni akkatti jireenyasaanii geggeessan ofiisaaniitii akka filatan heyyameera. [Keessa Deebii 30:19 dubbisiif.] Matadureen kun kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ibsa.” Mataduree ful. 12rraa jalqabu itti argisiisi.
MASARAA EEGUMSAA Cam. 15
“[Gaaffii qolasaarra jiru dubbisiif.] Gaaffii kanaaf deebii maalii kennita? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun sababii yeroo gara fuulduraa abdiidhaan itti eeggachuu dandeenyu nuu ibsa. [Maatewos 6:9, 10.] Barruun kun, Mootummaan Waaqayyoo jaalalli Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu kan godhu akkamitti akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Wax. 2007
“Dhimma kana ilaalchisee yaannikee maal akka ta’e baruun barbaada. [1 Ximotewos 6:10 dubbisiif.] Namoonni qarshiifi qabeenya hordofan miidhaarra bu’u jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun qabeenya hordofuun miidhaawwan akkamii akka fidu ibsa.”