Saanduqa Gaaffii
◼ Foormii barreeffamoota keenyarra jiru guutuufi Intarneetiidhaan gargaarsa gaafachuu kan qabu eenyudha?
Yeroo baayʼee foormiin barreeffama gaafachuuf ykn gargaarsa Dhugaa Baatota Yihowaa argachuuf guutamee gara waajjira dameetti ergamu barreeffamoota keenyarratti ni argama. Kana malees, Weeb saayitii keenya www.watchtower.org jedhamuun fayyadamanii Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaarsa gaafachuun ni dandaʼama. Qophiiwwan kun namoonni hedduun dhugaa akka baratan gargaaraa jiru. Haataʼu malee, babalʼistoonni firootasaanii ykn namoota kan biraa karaa hafuuraa gargaaruuf qophiiwwan kanatti ennaa fayyadaman rakkinni ni uumama.
Namoonni utuu isaan hin barbaadin barreeffamni keenya waajjira dameerraa ergameef tokko tokko, jaarmiyaan keenya isaan rakkisaa akka jiruufi maamiltootasaa godhee akka isaan galmeesse waan isaanitti dhagaʼameef komii dhiheessaniiru. Babalʼistoonni nama tokko akka gargaaran itti himamee yommuu dhaqan, namni sun gargaarsa waan hin gaafanneef isaanitti aara; yeroo kanatti bitaa isaanitti gala. Kanaaf, nama fedhii qabu sanatu Weeb saayitii keenyaanis taʼe foormii guutuudhaan gargaarsa gaafachuu qaba malee, babalʼistoonni isaaf gaafachuu hin qaban. Gaaffiin akkasii kan dhufe nama sanarraa akka hin taane yoo beekne, yeroo baayʼee deebii hin kenninu.
Maarree, fira keenyas taʼe nama beeknu tokko karaa hafuuraa gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Barreeffama akka argatu yoo barbaadde, kallattiidhaan akka kennaatti erguufii dandeessa. Fedhii akka qabu, akkasumas Dhugaa Baatonni akka isa gargaaran akka barbaadu yoo sitti himeefi ati garuu jaarsolii gumii naannoosaatti argaman hin beektu yoo taʼe, foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu barreessaa gumiikeerraa fudhattee guutuu qabda; innis foormicha erga ilaalee booda gara waajjira dameetti erga. Taʼuyyuu, namni fedhii qabu sun mana hidhaa ykn hospitaala keessa kan jiru yoo taʼe, isa bakka buʼuudhaan waajjira dameetti barreessuu hin qabdu. Kanaa mannaa, obboloota achi dhaqanii tajaajilan akka haasofsiisu ykn innumti waajjira dameetti akka barreessu isa jajjabeessuu dandeessa.