Dafaatii Gargaaraa
Weeb saayitiin keenya bifa haaraatiin erga qophaaʼee kaasee, namoonni Macaafa Qulqulluu akka isaan qayyabsiisnu intarneetiidhaan gaaffii dhiheessan lakkoofsisaanii dabalaa dhufeera. Malli tajaajilaa haaraan bakka namoonni baayʼinaan argamanitti dhugaa baʼuuf gargaaru erga jalqabamee boodas, gaaffiin akkasii dabalataan dhihaachaa jira. Waajjirri damee hanga dandaʼametti gaaffiiwwan kanaaf dafee deebii kenna. Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf Weeb saayitii keenya jw.org jedhamuun gaaffiin yoo dhihaate, jaarsoliin naannoo nama gaaffii kana gaafatee jiran guyyaa lama gidduutti akka beekan godhama. Haataʼu malee obboloonni, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gaafatan tokko tokko utuu hin gaafatin torban hedduun akka darbu gabaasni ni argisiisa. Namni tokko fedhiinsaa utuu hin badin gargaarsa akka argatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?—Mar. 4:14, 15.
Namni naannoo tajaajilaa keessan keessa hin jiraanne fedhii akka qabu yoo argisiise, foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu hatattamaan guutuudhaan walgaʼii gumii yeroo ittaanu qabdanitti barreessaa gumii keessaniitti kennaa. Barreessaan gumiis, guyyaa tokko ykn lama gidduutti gumii ilaallatuuf odeeffannoo kennuu ykn Weeb saayitii jw.org jedhamutti fayyadamuudhaan waajjira dameetti beeksisuu qaba. Jaarsoliin yeroo hundumaa Weeb saayiticha bananii ilaaluu qabu. Nama tokko akka gaafatan yoo itti himame yeruma sana hordofanii gargaaruu qabu. Babalʼisaan dhaqee akka gaafatu itti himame wanta dursi kennamuufii qabu akka taʼe hubachuu qaba. Yoo namni sun mana hin jiru taʼe, tarii yaadannoo teessoo keessan qabate keessaniifii deemuu dandeessu.