Saanduqa Gaaffii
◼ Babalʼistoonni nama biyya kan biraa jiraatuuf dhugaa baʼuuf ykn isa qayyabsiisuuf baayʼinaan Intarneetiitti fayyadamuu qabuu?
Babalʼistoonni tokko tokko, namoota biyyoota hojiin keenya itti dhorkametti ykn lakkoofsi babalʼistootaa muraasa taʼetti argaman Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf Intarneetiitti ni fayyadamu. Gama kanaan buʼaa gaariin argameera. Haa taʼu malee, babalʼistoonni namoota hin beeknee wajjin Intarneetiitti fayyadamanii ergaa walii barreessuun isaanii rakkina fiduu dandaʼa. (Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2007, ful. 3 ilaali.) Obboleessi ykn obboleettiin tokko kaayyoon isaanii namoonni garaa qajeelaa qaban ergaa Mootummichaa akka argatan gargaaruuf taʼus, mareen akkanaa gantoota dabalatee hiriyoota gadhee akka qabaatan gochuu dandaʼa. (1 Qor. 1:19-25; Qol. 2:8) Hunda caalaa immoo, biyyoota hojiin keenya itti dhorkametti, ergaawwan namoonni walii dabarsan bulchitootaan ilaalamuu dandaʼa. Walitti dhufeenyi akkanaa, obboloota naannoo sanaa rakkina irra buusuu dandaʼa. Kanaafuu, babalʼistoonni nama misiraachicha itti himan biyya alaatii barbaaduuf jecha Intarneetiitti fayyadamuu hin qaban.
Nama biyya alaatii dhufe tokkoof karaa al idilee taʼeen yoo dhugaa baane, qajeelfama waajjira damee keenyaatiin yoo taʼe malee erga biyya isaatti deebiʼee booda fedhii isaa guddisuuf yaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, ragaa dabalataa argachuuf jw.org akkamitti fayyadamuu akka dandaʼu ykn waajjira damee biyya isaa wajjin wal qunnamuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe itti argisiisuu dandeenya. Akkasumas Galma Mootummaa naannoo isaa jiru akka dhaqu isa jajjabeessuu dandeenya. Dhugaa dha, biyyoota tokko tokkotti Galmawwan Mootummaa hin argaman. Dhugaa Baatonni naannoo isaa jiran akka isa haasofsiisan kan barbaadu yoo taʼe, foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu guunnee barreessaa gumii keenyaatti kennuu qabna; inni immoo jw.org fayyadamee teessoo isaa erga. Waajjirri damee hojii biyya namni fedhii qabu sun jiraatu keessatti hojjetamu toʼatu haalawwan addaa biyyattii kan beeku siʼa taʼu, mala gaarii gargaarsa hafuuraa gochuufii itti dandaʼu beeka.—Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 2014, ful. 7, akkasumas Sadaasa 2011, ful. 2 ilaali.
Namni yeroo ammaatti wajjin mariʼachaa jirru gara biyya alaa yoo deeme ykn yeroo ammaatti nama biyya alaa jiraatuu fi Intarneetiidhaan qofa beeknu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirra taanaan qajeelfama olitti ibsame hordofuu qabna. Haa taʼu malee, hanga babalʼisaan naannoo sanaa tokko isa argatutti fedhii isaa akka guddisu isa gargaaruu keenya itti fufuu dandeenya. Kana malees, namni sun kan jiraatu biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa yoo taʼe, xalayaadhaan, bilbilaan ykn mala elektirooniikiitti fayyadamnee yaadawwan Macaafa Qulqulluu irratti ennaa isa mariisisnu of eeggannoo guddaa gochuu qabna.—Mat. 10:16.