Muuxannoo
◼ Awustiraaliyaa: Joon nama barate yommuu taʼu, ijoollummaasaatti gara waldaa deemaa kan ture taʼus, amma garuu nama Waaqayyo hin jiru jedhee amanu taʼeera. Qajeelchaan tokko jalqabarratti birooshura Wooz Laayif Kiriʼeetid? (Ingiliffa) jedhamu, yeroo deebiʼee isa gaafatummoo birooshura Oriijin oov Laayif (Ingiliffa) jedhamu kenneef. Qajeelchaan kun barruulee haaraa baʼan akkasumas barreeffamoota mataduree waaʼee uumamaa ykn waaʼee raajii Macaafa Qulqulluu ibsan isaaf geessuudhaan fedhiinsaa akka guddatu isa gargaaruusaa itti fufe. Joon fedhii qabaachuusaa yeroo hubatummoo, kitaaba Za Baayibil—Goodsi Woordi or Maansi? (Ingiliffa) jedhamu kenneef. Joon kitaaba kana erga dubbisee booda yaadasaa jijjiiruudhaan, Waaqayyo jiraachuusaa sirritti beekuun hin dandaʼamu jedhee amanuutti kaʼe. Kana booda qajeelchaan kun kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu erga itti argisiisee booda, fuula 20rraa keeyyata 8ffaa akkasumas fuula 23-24rraammoo keeyyata 13-16 isatti argisiise. Caqasoonni kitaaba kanarratti caqasaman baayʼee waan isa dinqisiisaniif, Joon “Ammas Macaafa Qulqulluu barachuun waan narra jiru natti fakkaata” jedheera.
◼ Meeksikoo: Namichi tokko Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame jedhee akka hin amane babalʼisaa tokkotti hime. Babalʼisaan kunis ragaa Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffame ibsu isatti argisiisuu akka barbaadu itti hime. Yeroo muraasaaf erga mariʼatanii booda, namni kun wanta Macaafa Qulqulluurraa barateen garaansaa tuqamuu jalqabe. Keessumaammoo waaʼee seera Waaqayyoo yeroo baratu garaansaa baayʼee tuqame. Babalʼisichaanis: “Jalqabarratti yeroo Macaafa Qulqulluu waliin dubbisnu, gorsi achirra jiru gorsa kitaabota kan biraarratti argamurraa adda waan natti hin taaneef garaankoo hin tuqamne ture. Amma garuu keessumaa waaʼee gorsa naamusaa wajjin walqabatu yommuu Macaafa Qulqulluurraa dubbisnu garaankoo baayʼee tuqama” jedheen.
◼ Yunaayitid Isteetis: Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tajaajila addaa magaalaa gurguddaa keessatti raawwatamurratti utuu hirmaachaa jiranii dubartii biyya Taayiwaanii dhufte tokko argatan. Dubartiin kun Waaqayyo akka jiru kan amantu taʼus, Macaafni Qulqulluun namoota Ameerikaafi Awurooppaatiif qofa akka qophaaʼe isheetti dhagaʼama ture. Jireenya gaarii taʼe kan jiraattu taʼus wantoonni hedduun bitaa waan itti galaniif, Macaafni Qulqulluun kaayyoo jireenyaa hubachuuf akka ishee gargaaru abdachuudhaan, gara iddoo isaan barreeffamootasaanii namootatti itti argisiisan dhaqxe. Hiriyoonni gaaʼelaa kunis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhuufi birooshura Laasting Piis eendi Haappines—Haawu tuu Faayindi Zem (Ingiliffa) jedhamutti fayyadamanii qayyabannaa ishee jalqabsiisan. Boqonnaa 2ffaa kitaaba kanaa ishee qayyabsiisuu manaa, birooshuricha keessaa mataduree “Ee Gaayid Buuk Foor Za Bileesiingi oov Ool Maankaayindi” jedhurratti mariʼatan. Kutaa kana keessaa keeyyata jaʼan jalqabaarratti erga mariʼatanii booda, dubartiin kun Macaafni Qulqulluun kitaabota amantii kaan hundarra baayʼee adda akka taʼe dubbachuudhaan dinqisiifannaashee ibsite. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwiisaanii argatanirratti erga mariʼatanii booda, “Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu sirrii taʼe kan biraan jira jedhee hin yaadu!” jetteetti.
◼ Jaappaan: Babalʼisaan tokko namni inni haasofsiise Waaqayyotti akka hin amane kan isatti hime taʼus, deddeebiʼee namicha kana gaafachuufi yaadawwan mataduree barruu Dammaqaa! “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu jalatti baʼan isatti himuusaa itti fufe. Yeroo booda namichi kun ilaalchasaa jijjiiruudhaan Uumaan tokko jiraachuu hin oolu jedhee amanuu jalqabe. Yeroo ammaa Waaqayyo akka jiru kan amanu siʼa taʼu, babalʼisaa kanaa wajjin birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu qayyabachaa jira.
◼ Kaanaadaa: Obboleettiin tokko, dubartii manaa baatee gara konkolaataashee deemtu tokkoof barruu haaraa baʼe tokko kenniteef. Obboleettiin barruu sana kenniteef deebitee dubartii sana yeroo gaafattu, fedha akka hin qabneefi Waaqayyotti akka hin amane cimsitee itti himte. Obboleettiin kun abdii kutachuu manaa birooshura Ee Saatisfaayiing Laayif—Haaw tuu Atteeyin Iit (Ingiliffa) jedhamu geessiteef. Obboleettiin kun dubartii kana manatti yeroo argattu, Waaqayyotti akka hin amane kanan beeku taʼus, ijoolleekee kan guddistu kophaakee akka taʼe waanan beekuuf waaʼeekee yaadaan ture jettee itti himte. Achiis birooshuricha fuula 4 keeyyata 6ffaarraa yaada gorsa gaarii eessaa argachuun akka dandaʼamu ibsu itti argisiiste. Ijoollee guddisuu ilaalchisee yaada barumsa 2ffaarra jiru akka dubbistu ishee jajjabeessite. Dubartiin kunis birooshuricha gammachuudhaan fudhate.