LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Fulbaana ful. 11
  • Gargaarsa Obbolootaa Fudhadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gargaarsa Obbolootaa Fudhadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gammachuu Tajaajila Irraa Argattan Guddifadhaa—Gaaffii Gaafadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Garaa Namootaa Tuqaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Barattoonni Keessan Barsiifata Xuraaʼaa Akka Injifatan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Kadhannaadhaan Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Fulbaana ful. 11

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRAA ARGATTAN GUDDIFADHAA

Gargaarsa Obbolootaa Fudhadhaa

Yihowaan nu gargaaruuf ‘guutummaa waldaa’ obbolootaa fi obboleettota keenyaa nuuf kenneera. (1Ph 5:9) Isaan rakkina tajaajila keenya irratti nu mudatu akka gaariitti akka moonu nu gargaaru. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan gargaarsa Aqiilaa fi Phirisqillaa, Silaas, Ximotewosii fi warri kaan isaaf godhan irraa fayyadameera.—HoE 18:1-5.

Obboloonni tajaajila irratti si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Mormii akkamitti akka mootu, deddeebii gaaffii akkamitti akka gootu ykn qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka jalqabsiistuu fi geggeessitu irratti yaada gaarii siif kennuu dandaʼu. Gumii keessan keessatti nama gargaarsa akkasii siif kennuu dandaʼu yaadi, achiis gargaarsa isa gaafadhu. Kun lamaan keessaniif iyyuu faayidaa fi gammachuu akka isiniif argamsiisu homaa hin shakkisiisu.—Flp 1:25.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—GARGAARSA YIHOWAA FUDHADHAA—OBBOLOOTA KEENYA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo “Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa—Obboloota Keenya” jedhamu irraa fudhatame. Maartaa obboleettii kan biraa wajjin Saaraa Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirti.

    Maartaan, Saaraan gumii irratti akka argamtu kan ishii jajjabeessite akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo “Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa—Obboloota Keenya” jedhamu irraa fudhatame. Abiigaay maartaa wajjin yeroo qoʼachiisuuf dhufteetti hawwisoo keessa akka turte Saaraatti himaa jirti.

    Babalʼistoonni kan biroon qoʼannaa geggeessinu irratti akka argaman affeeruu kan qabnu maaliifi?

  • Suuraa, viidiyoo “Gammachuu Barattoota Gochuun Argamsiisu Argadhaa—Gargaarsa Yihowaa Fudhadhaa—Obboloota Keenya” jedhamu irraa fudhatame. Yeroo Maartaan hin jirreetti Abiigaay Saaraa qoʼachiisaa jirti.

    Namni tokko barataa akka taʼuuf guutummaan gumichaa ni barbaachisa

    Saaraa fi Abiigaay fedhii wal fakkaatu akkamii qabu?

  • Obboloonni si wajjin tajaajilan dandeettii tajaajilaaf si fayyadu akkamii si barsiisuu dandaʼu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi