MATA DUREE QOʼANNAA 45
FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu
Warra Kaan Yeroo Kunuunsitu Gammachuu Kee Eeggadhu
“Warri imimmaaniin sanyii facaasan ililchuudhaan ni haammatu.”—FAR. 126:5.
YAADA IJOO
Mata dureen kun namoonni warra kaan kunuunsan haala rakkisaa isaan mudatu dandamachuu fi gammachuu isaanii eeggachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa.
1-2. Yihowaan namoota warra kaan kunuunsan akkamitti ilaala? (Fakkeenya 19:17) (Fakkiiwwanis ilaali.)
OBBOLEESSI Kooriyaa keessa jiraatuu fi Jiiniyool jedhamu akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo gaaʼela erga dhaabbannee waggaa 32 ol taʼeera. Waggoottan shanan darbaniif ishii kunuunsaa tureera. Dhibee cimaa waan qabduuf qaama ishii sosochoosuun baayʼee ishiitti ulfaata. Haadha manaa koo baayʼeen jaalladha; ishii kunuunsuunis na gammachiisa. Yeroo hunda siree hospitaalaa mana keenya jirurra ciisti. Anis ishii biran rafa; yeroo rafnu harka wal qabannee rafna.”
2 Atoo warra kee, hiriyaa gaaʼelaa kee, mucaa kee ykn michuu kee kunuunsaa jirtaa? Taanaan, mirga addaa isaan gargaaruuf argatte kana akka dinqisiifattu hin shakkisiisu. Nama jaallattuuf kunuunsa gochuun kee Yihowaadhaaf akka bulte argisiisa. (1 Xim. 5:4, 8; Yaq. 1:27) Taʼus, haalli rakkisaan yeroo baayʼee warri kaan hin hubanne si mudachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko rakkachaa kan jiru si qofa akka taʼellee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Alaan namni yeroo si ilaalu gammadaa fakkaattee mulʼachuu dandeessa; kophaa kee yeroo taatu garuu imimmaan kee toʼachuu hin dandeessu. (Far. 6:6) Warri kaan haala ati keessa jirtu hubachuu dhiisuu dandaʼu; Yihowaan garuu yeroo hundumaa ni hubata. (Baʼuu 3:7 wajjin walbira qabii ilaali.) Imimmaan kee fi aarsaan kaffaltu isa biratti gatii guddaa qaba. (Far. 56:8; 126:5) Inni nama jaallattu gargaaruuf wanta gootu hundumaa ni hubata. Yihowaan akka waan isaaf liqeessiteetti ilaala; gatii kee sii deebisuufis waadaa galeera.—Fakkeenya 19:17 dubbisi.
Nama jaallattu tokkoof kunuunsa gochaa jirtaa? (Keeyyata 2 ilaali)
3. Abrahaamii fi Saaraan Taaraa yeroo kunuunsanitti haalli rakkisaan akkamii isaan mudatee taʼuu dandaʼa?
3 Kitaabni Qulqulluun seenaa waaʼee namoota warra kaan kunuunsanii ibsu hedduu qabateera. Mee fakkeenya Abrahaamii fi Saaraa haa ilaallu. Yeroo Uur keessaa baʼanitti abbaan isaanii Taaraan umuriinsaa gara waggaa 200 taʼee ture. Taʼus, isaan wajjin deemeera. Kaaraan gaʼuuf gara kiilomeetira 960 imalaniiru. (Uma. 11:31, 32) Abrahaamii fi Saaraan Taaraa akka jaallatan ifadha; haa taʼu malee, keessumaa yeroo imalaa turanitti isa kunuunsuun hammam isaanitti ulfaatee akka ture tilmaamuu dandeessa. Kan imalan gaala ykn harree yaabbatanii taʼuu hin oolu; kunimmoo Taaraa isa maanguddoo taʼeef baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Abrahaamii fi Saaraan yeroo tokko tokko baayʼee akka dadhaban beekamaadha. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, Yihowaan humna isaan barbaachisu akka isaaniif kenne ifadha. Yihowaan akkuma Abrahaamii fi Saaraa gargaare, siinis si gargaara, akkasumas humna siif kenna.—Far. 55:22.
4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
4 Gammachuu yoo qabaatte, nama jaallattu kunuunsuu kee itti fufuun siif salphata. (Fak. 15:13) Haalli keessa jirtu baayʼee ulfaataa yoo taʼellee gammachuu qabaattee itti fufuu akka dandeessu yaadadhu. (Yaq. 1:2, 3) Maarree, gammachuu akkasii qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Karaan inni tokko, Yihowaan ilaalcha gaarii qabaachuuf akka si gargaaru kadhachuudha. Mata duree kana keessatti, namoonni warra kaan kunuunsan gammachuusaanii eeggatanii itti fufuuf wantoota dabalataa akkamii gochuu akka dandaʼan ilaalla. Warri kaan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni mariʼanna. Jalqaba, namoonni warra kaan kunuunsan gammachuusaanii eeggachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi wantoonni gammachuu isaan dhabsiisan maalfaa akka taʼan haa ilaallu.
NAMA JAALATTU KUNUUNSUUN GAMMACHUU KEERRATTI DHIIBBAA KAN GODHU AKKAMITTI?
5. Namoonni warra kaan kunuunsan gammachuusaanii eeggachuun kan isaan barbaachisu maaliifi?
5 Namoonni warra kaan kunuunsan gammachuusaanii yoo dhaban salphaatti dadhabuu dandaʼu. (Fak. 24:10) Baayʼee yoo dadhabanimmoo, hamma barbaadan gaarummaa isaanitti argisiisuu fi isaan gargaaruu dhiisuu dandaʼu. Wantoonni namoonni warra kaan kunuunsan gammachuusaanii akka dhaban isaan taasisan maalfaʼi?
6. Namoonni warra kaan kunuunsan tokko tokko baayʼee kan dadhaban maaliifi?
6 Namoonni warra kaan kunuunsan baayʼee dadhabuu dandaʼu. Obboleettiin Liyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Warra kaaniif kunuunsa gochuun guyyaa gaarii taʼe tokkottillee miira namaa dadhabsiisa. Yeroo baayʼee galgala humni koo akka dhume natti dhagaʼama. Yeroo tokko tokko ergaa naa ergameef deebii kennuufillee humna hin qabaadhu.” Warri kaanimmoo hirriiba gaʼaa argachuuf ykn boqochuuf yeroo argachuun isaanitti ulfaata. Obboleettiin Inees jedhamtu akkana jetteetti: “Hirriiba gaʼaa hin argadhu. Amaatii koo kunuunsuuf yeroo baayʼee halkan saʼaatii lama lamaanan hirribaa dammaqa. Anii fi abbaan manaa koo waggoota hedduudhaaf boqonnaa fudhannee hin beeknu.” Kaanimmoo namoonni isaan kunuunsa gochaafii jiran yeroo hunda xiyyeeffannaasaanii waan barbaadaniif affeerraa tokko tokko ykn hojii tiʼookraasii tokko fudhachuu hin dandaʼan. Kanaan kan kaʼes, kophummaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa; akkasumas wanta gochuu barbaadan hunda gochuu waan hin dandeenyeef baayʼee gaddu.
7. Namoonni warra kaan kunuunsan tokko tokko miirri balleessaa ykn gaddi kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi?
7 Namoonni warra kaan kunuunsan miirri balleessaa cimaan ykn gaddi isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleettiin Jeesiikaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee naman kunuunsa gochaafii jiru gargaaruuf wanta dabalataa gochuu akkan qabu natti dhagaʼama. Kanaafuu, yeroon xinnoo boqodhu, ofittoo akkan taʼe natti dhagaʼama.” Namoonni warra kaan kunuunsan tokko tokko haala keessa jiranitti baayʼee waan aaraniif miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. Nama jaallataniif gargaarsi gochaa jiran gaʼaa akka hin taane waan isaanitti dhagaʼamuuf kan dhiphatanis jiru. Kaanimmoo yeroo dadhabanitti wanta nama gargaaraa jiran sana miidhu waan dubbataniif miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. (Yaq. 3:2) Tokko tokkommoo namni jaallatan dhukkubsachuu isaatiin kan kaʼe caalaatti dadhabaa yeroo deemu arguun baayʼee isaan gaddisiisa. Obboleettiin Baarbaaraa jedhamtu, “Wanti baayʼee natti ulfaate tokko, namnin jaalladhu guyyaadhaa gara guyyaatti dadhabaa yeroo deemu arguu kooti” jetteetti.
8. Namoonni tokko tokko wanta gochaa jiraniif warri kaan yeroo isaan galateeffatan miira akkamiitu isaanitti dhagaʼama?
8 Namoonni warra kaan kunuunsan tokko tokko wanta raawwataniif namni iddoo kennu akka hin jirre isaanitti dhagaʼama. Maaliif? Sababiin isaas, hojii hojjetanii fi aarsaa kaffalaniif yeroo baayʼee warri kaan isaan hin galateeffatan. Namni tokko wanta goote hundaaf yeroo si galateeffatu baayʼee jajjabaatta. (1 Tas. 5:18) Obboleettiin Meliisaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko baayʼee dadhabuu fi abdii kutachuu kootiin kan kaʼe nan booʼa. Haa taʼu malee, namoonni ani kunuunsu, ‘Wanta naa goote hundaaf galatoomi’ yeroo naan jedhan baayʼeen gammada. Kunimmoo isaan kunuunsuu koo itti fufuuf caalaatti humnaa fi kakaʼumsa akkan qabaadhu na gargaara.” Obboleessi Amaaduu jedhamuu fi haati manaasaa, intala obboleettii haadha manaasaa baayʼee dhukkubsattu kunuunsu. Amaaduun yeroo ishiin isaan galateeffattu miira isatti dhagaʼamu akkana jechuudhaan ibseera: “Aarsaa ishii kunuunsuuf kaffallu guutummaatti hubachuu baattus, dinqisiifannaa ishii yeroo ibsitu ykn akka nu jaallattu yeroo nutti himtu baayʼeen gammada.”
GAMMADAA TAATEE ITTI FUFUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
9. Namoonni warra kaan kunuunsan humnasaanii beekuu kan dandaʼan akkamitti?
9 Humna kee beeki. (Fak. 11:2) Hundi keenyayyuu yeroo fi humni qabnu daangeffamaadha. Kanaafuu, wanta gochuu dandeessu ykn gochuu hin dandeenye ilaalchisee daangaa tokko tokko kaaʼuun si barbaachisuu dandaʼa; akkasumas yeroo tokko tokko lakki jechuun si barbaachisuu dandaʼa. Akkas gochuun dogoggora miti. Humna kee akka beektu argisiisa. Warri kaan si gargaaruuf yoo of dhiheessan gargaarsa isaanii gammachuudhaan fudhadhu. Obboleessi Jeeyi jedhamu akkana jedheera: “Yeroo tokkotti wanti hojjechuu dandeenyu muraasa. Humni kee daangaa akka qabu hubachuunii fi sanarra darbuu dhiisuun gammachuu kee eeggachuuf si gargaara.”
10. Namoonni warra kaan kunuunsan hubatoo taʼuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkeenya 19:11)
10 Hubannaa qabaadhu. (Fakkeenya 19:11 dubbisi.) Hubannaa qabaachuun kee yeroo aartutti tasgabbaaʼuuf si gargaaruu dandaʼa. Namni hubannaa qabu namni tokko amala taʼe tokko kan argisiisu maaliif akka taʼe hubachuuf yaala. Dhibeen tokko tokko namni tokko amala kanaan dura hin qabne akka argisiisu isa taasisuu dandaʼa. (Lal. 7:7) Fakkeenyaaf, namni kanaan dura amala gaarii qabuu fi warra kaaniif yaadu tokko, nama warra kaan falmu ykn lolu taʼuu dandaʼa. Yookiin nama baayʼee gungumu, warra kaan qeequu fi salphaatti hin gammanne taʼuu dandaʼa. Nama dhibee cimaa qabu tokko gargaaraa jirta yoo taʼe waaʼee dhukkubasaa beekuun kee si fayyaduu dandaʼa. Waaʼee dhibeesaa caalaatti yoo beekte namni sun amala sana kan argisiisu, barbaadee utuu hin taʼin, sababa dhibee sanaatiin akka taʼe caalaatti hubatta.—Fak. 14:29.
11. Namoonni warra kaan kunuunsan guyyaa guyyaadhaan wantoota barbaachisoo akkamiitiif yeroo ramaduu qabu? (Faarfannaa 132:4, 5)
11 Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf yeroo ramadi. Yeroo tokko tokko ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif’ yeroo argachuuf sochiiwwan tokko tokko dhiisuun si barbaachisuu dandaʼa. (Filp. 1:10) Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan kana keessaa tokko, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu cimsachuudha. Daawit Mootichi waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kenneera. (Faarfannaa 132:4, 5 dubbisi.) Haaluma walfakkaatuun, atis guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi kadhachuuf yeroo ramaduun kee barbaachisaadha. Obboleettiin Eliishaa jedhamtu akkana jetteetti: “Kadhannaa dhiheessuu fi kitaaba Faarfannaa dubbisee irratti xiinxaluudhaan gammachuu koo eeggachuu dandaʼeera. Wanti hundumaa caalaa na gargaare kadhannaadha. Yihowaan akka na tasgabbeessuuf guyyaa keessatti yeroo baayʼeen kadhadha.”
12. Namoonni warra kaan kunuunsan fayyaasaanii kunuunsuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
12 Fayyaa kee kunuunsuuf yeroo ramadi. Nyaata madaalamaa bitachuu fi qopheessuuf yeroo gaʼaa argachuu dhiisuu dandeessa. Nyaata madaalamaa soorachuunii fi sochii qaamaa gochuun kee fayyummaa qaamaa fi sammuu keetiif barbaachisaadha. Kanaafuu, yeroon qabdu muraasa yoo taʼellee nyaata madaalamaa soorachuu fi sochii qaamaa gochuuf yeroo ramadi. (Efe. 5:15, 16) Hirriiba gaʼaa argachuufis carraaqqii godhi. (Lal. 4:6) Qorannoon akka argisiisutti hirriibni, sammuun keenya akka of haaressu gargaara. Mata dureen waaʼee yaalii fayyaa dubbatu tokko akka ibsetti, namni tokko hirriiba gaʼaa argachuunsaa dhiphinni isatti dhagaʼamu akka hirʼatuu fi haala ulfaataa keessatti akka tasgabbaaʼu isa gargaara. Bashannanaafis yeroo muraasa ramaduun si barbaachisa. (Lal. 8:15) Obboleettiin tokko wanta gammachuu ishii eeggachuuf ishii gargaare akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Yeroo haalli qilleensaa gaarii taʼutti ala baʼee aduu qaqqaammachuufan yaala. Yoo xinnaate jiʼatti al tokko michuu koo tokko wajjin bashannanuuf sagantaa nan baafadha.”
13. Kolfuun gaarii kan taʼe maaliifi? (Fakkeenya 17:22)
13 Wanta si kolfisiisu argachuuf yaali. (Fakkeenya 17:22 dubbisi; Lal. 3:1, 4) Kolfi fayyummaa qaamaa fi sammuu keenyaaf gaaridha. Nama tokkoof yeroo kunuunsa gootu yeroo baayʼee wanti hin eegne si mudachuu dandaʼa. Haalli nama dhiphisu tokko yeroo si mudatu qoostee bira darbuuf kan yaaltu yoo taʼe garuu salphaatti dandamachuu dandeessa. Nama kunuunsa gochaafii jirtu wajjin kolfuun kee hariiroo keessan cimsuu dandaʼa.
14. Miira sitti dhagaʼamu michuu keetti himuun kan si fayyadu akkamitti?
14 Miira sitti dhagaʼamu michuu keetti himi. Wanta dandeessu hunda gochaa kan jirtu taʼus, yeroo tokko tokko humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti miira sitti dhagaʼamu michuu gaarii si hubatutti himuun kee si gargaaruu dandaʼa. (Fak. 17:17) Michuu gaariin si dhaggeeffata, akkasumas si jajjabeessa; kunimmoo wanta gammachuu kee eeggachuuf si barbaachisu taʼuu dandaʼa.—Fak. 12:25.
15. Abdii keerratti xiyyeeffachuun gammachuu argachuuf kan si gargaaru akkamitti?
15 Jireenya jannata keessatti waliin jiraattan yaadi. Nama jaallattu sanaaf kunuunsa kan gootu yeroo muraasaaf qofa akka taʼee fi kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu kana akka hin taane yaadachuuf yaali. (2 Qor. 4:16-18) “Jireenya isa dhugaa” kan jiraannu gara fuulduraattidha. (1 Xim. 6:19) Wanta jannata keessatti nama jaallattu sana wajjin gootanirratti haasaʼuun kee gammachuu guddaa siif argamsiisuu dandaʼa. (Isa. 33:24; 65:21) Obboleettiin Heezar jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee dhiheenyatti uffata akka waliin hodhinu, waliin akka fiignuu fi biskileetii akka wajjin oofnu naman kunuunsaa jiru sanatti nan hima. Firoota keenya duʼaa kaʼaniif daabboo ni tolchina, akkasumas nyaata ni qopheessina. Waliin taanee abdii keenyaaf Yihowaa galateeffanna.”
WARRI KAAN GARGAARSA GOCHUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
16. Obboloota gumii keenyaa warra kaan kunuunsan gargaaruuf maal gochuu dandeenya? (Fakkichas ilaali.)
16 Yeroo itti boqotan akka argatan gargaaraa. Obboloonni gumii keessa jirru nama kunuunsi godhamaafii jiru sana gargaaruudhaan deeggarsa gochuu dandeenya. Kunis obboloonni isaan kunuunsan sun akka boqotanii fi wantoota tokko tokko hojjechuuf yeroo akka argatan isaan gargaara. (Gal. 6:2) Babalʼistoonni tokko tokko kana gochuuf torbee torbeedhaan sagantaa baafataniiru. Obboleettiin Naataaliyaa jedhamtuu fi abbaa manaa ishii naafa taʼe kunuunsitu akkana jetteetti: “Obboleessi gumii keessa jiru tokko torbeetti yeroo tokko ykn lama dhufee abbaa manaa koo wajjin yeroo dabarsa. Waliin tajaajilu, waliin haasaʼu, fiilmiis waliin ilaalu. Abbaan manaa koo yeroo akkasiitti baayʼee gammada; kunimmoo ala baʼee miilaan deemuu dabalatee wantootan barbaadu tokko tokko gochuuf yeroo akkan argadhu na gargaara.” Yeroo tokko tokkommoo namni kunuunsa gochaa jiru sun hirriiba gaʼaa akka argatuuf nama inni kunuunsu sana bira buluu dandeessa.
Obboloota gumii keetii warra kaan kunuunsan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 16 ilaali)a
17. Walgaʼii gumiirratti obboloota warra kaan kunuunsan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
17 Walgaʼii gumiirratti obboloota warra kaan kunuunsan gargaaraa. Obboloonni warra kaan kunuunsan nama jaallatan sana gargaaruurratti waan xiyyeeffataniif, walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoorraa baayʼee fayyadamuu dhiisuu dandaʼu. Obboloonni gumii keessa jiran walgaʼiiwwan kanarratti namoota kunuunsi godhamaafii jiru sana bira taaʼuudhaan isaan gargaaruu dandaʼu. Namni kunuunfamaa jiru sun manaa baʼuu hin dandaʼu yoo taʼemmoo, namni kunuunsa isaaf godhu qaamaan walgaʼiirratti argamuu akka dandaʼuuf, manasaa dhaqxee isa wajjin hordofuu dandeessa.
18. Obboloota warra kaan kunuunsaniif wanta kan biraa akkamii gochuu dandeenya?
18 Obboloota warra kaan kunuunsan galateeffadhaa, akkasumas isaaniif kadhadhaa. Jaarsoliin obboloota warra kaan kunuunsaniif yeroo yerootti tika gochuunsaanii gaariidha. (Fak. 27:23) Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe, hundi keenya obboloota warra kaan kunuunsan galateeffachuu qabna. Yihowaan isaan jabeessuusaa akka itti fufuu fi gammachuusaanii eeggachuuf akka isaan gargaaru isaaniif kadhachuu dandeenya.—2 Qor. 1:11.
19. Gara fuulduraatti maal hawwiidhaan eegganna?
19 Yeroo dhihootti Yihowaan imimmaan gaddaa hunduma keenyarraa ni haqa. Dhukkubnii fi duuti hin jiraatu. (Mul. 21:3, 4) “Naafti akkuma gadamsaatti ni utaala.” (Isa. 35:5, 6) Yeroo sanatti sababa dullumaatiin ykn namni jaallannu dhukkubsachuu isaatiin kan kaʼe hin rakkannu. “Wantoonni duraanii hin yaadataman.” (Isa. 65:17) Yihowaan waadaa gale hamma raawwatutti yeroo hunda akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Jabina argachuuf isatti amanamuu keenya yoo itti fufne, inni “obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee akka dhaabbannu” nu gargaara.—Qol. 1:11.
FAARFANNAA 155 Burqaa Gammachuu Dhugaa
a IBSA FAKKII: Obboleettonni dargaggoonni lama, obboleettiin maanguddoo tokko kunuunsitu akka boqottuuf, maanguddoo sana wajjin yeroo dabarsaa jiru.