-
Rakkina Abdiin Keenya Dhihaachuusaa MulʼisuMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Rakkina Abdiin Keenya Dhihaachuusaa Mulʼisu
‘Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan in dhufa!ʼ—2 XIMOTEWOS 3:1.
HAALAWWAN gaddisiisaa armaan gadii dhageessee ykn sirra gaʼee beekaa?
● Dhukkuba lubbuu namoota hedduu galaafate.
● Beela namoota dhibba hedduutti lakkaaʼaman ajjeese.
● Sochoʼa lafaa namoota kumaan lakkaaʼaman ajjeeseefi namoota hedduummoo mana malee hambise.
Fuulawwan ittaananirratti haalawwan biyya lafaa nama gaddisiisan tokko tokko ibsamaniiru. Macaafni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaa” ilaalchisee haalawwan akkasii akka uumaman raajii kan dubbatu taʼuusaas ni hubatta.a
Haataʼu malee kaayyoon matadureewwan kanaa, addunyaa jeequmsaan guutame keessa jiraachaa akka jirru si amansiisuuf kan dhihaate miti. Rakkinni kun sumaaniyyuu mudateera taʼa. Matadureewwan kun kan qophaaʼan abdii akka qabaattu si gargaarufidha. Raajiiwwan jaʼan kun raawwatamuunsaanii “guyyoonni gara dhumaa” dhiheenyatti akka xumuramu argisiisa. Matadureewwan walitti aananii baʼan kun, mormiiwwan baramaa tokko tokkoof, akkasumas ragaa yeroon gaariin akka dhufu amanuu kan dandeessu maaliif akka taʼe ibsu qabateera.
[Miiljalee]
a Sababa itti Waaqayyo haalawwan gadheen akkasii akka gaʼan heyyame ilaalchisee mataduree, “Waaqayyo Hammeenyiifi Dhiphinni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi?” jedhu fuula 22fi 23 ilaali.
-
-
Raajii 1. Sochoʼa LafaaMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Raajii 1. Sochoʼa Lafaa
“Sochoʼi lafaa gurguddaan . . . in taʼa.”—LUQAAS 21:11.
● Wiineen, mucaa umriinshee jiʼa 16 siʼa taʼu, balaa sochoʼa lafaa Heeyitiitti gaʼeen mana jige keessaa baafamtedha. Namichi balaa sana ilaalchisee gabaasa televijiinii qopheesse tokko, yeroo isheen gaggabdee boossu dhagaʼee ture. Mucaan kun balaa sochoʼa lafaa sanarraa ooltus, warrishee garuu balaa kanaan duʼaniiru.
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Amajjii 2010 sochoʼi lafaa reektar iskeelii 7.0 taʼe yeroo Heeyitiirra gaʼetti, namoonni 300,000 ol taʼan duʼaniiru. Namoonni miliyoona 1.3 taʼanimmoo manasaanii dhabaniiru. Sochoʼi lafaa Heeyitiitti gaʼe cimaa taʼus, yeroo jalqabaatiif addunyaarratti kan gaʼe miti. Addunyaa maratti Ebla 2009 hanga Ebla 2010tti yoo xinnaate, sochoʼi lafaa gurguddaan 18 gaʼeera.
MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Teknooloojii ammayyaatiin kan kaʼe oduu waan dhageenyuuf malee, sochoʼi lafaa kanaan dura taʼe caalu yeroo harʼaatti gaʼaa hin jiru.
MORMIIN KUN SIRRIIDHAA? Haqa kana hubadhu: Macaafni Qulqulluun guyyoota gara dhumaatti sochoʼi lafaa meeqa akka gaʼu hin ibsu. Haataʼu malee, “sochoʼi lafaa gurguddaan” yeroo keenya adda godhu haala kanaan dura taʼee hin beekneen “iddoo adda addaatti” akka gaʼu dubbata.—Maarqos 13:8; Luqaas 21:11.
ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame, sochoʼa lafaa gurguddaa argaa jirraa?
Ragaawwan guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru mirkaneessan sochoʼa lafaa qofa miti. Raajiin raawwatamaa jiru kan biraanis jira. Mee raajii isa lammaffaa ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]
“Nuyi [saayintiistonni waaʼee humna lafa keessaa qorannu] sochoʼa lafaa gurguddaa jennee isa waamna. Namoonni kan biraanimmoo sodaachisaa jedhanii isa waamu.”—KEEN HADNAAT, YUU.ESSITTI QORATAA HUMNA LAFA KEESSAA.
[Madda fakkii fuula 14rra jiru]
© William Daniels/Panos Pictures
-
-
Raajii 2. BeelaMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Raajii 2. Beela
“Beellis in taʼa.”—MAARQOS 13:8.
● Namichi tokko biyya Niijar mandara Kuwaartaajitti kooluu galuu barbaadaa jira. Durbiiwwansaa, obboloonnisaafi obboleettonnisaas beela jalaa baqachuuf bakka fagootii garasaa dhufaniiru. Namichi kun garuu qoddiroo lafa afatee qofaasaa ciisaa jira. Maaliif? Itti gaafatamaan mandarichaa Seedee jedhamu, “Wanta [maatiisaatti] kennu waan dhabeefi ijasaanii ilaaluun waan isatti ulfaateefidha” jedhee dubbateera.
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Addunyaa maratti namoota 7 keessaa 1 guyyaa guyyaadhaan nyaata gaʼaa hin argatu. Keessumaa biyyoota Afriikaa Sahaaraa gad jiran keessattimmoo, nama 3 keessaa 1 yeroo dheeraadhaaf nyaata gaʼa hin argatu. Kun maal jechuu akka taʼe ibsuuf maatii, abbaa, haadhaafi mucaa tokko qabu akka fakkeenyaatti ilaali. Maatichi nyaata nama lamaaf qofa gaʼu kan qabu yoo taʼe, beelaaf kan saaxilamu eenyudha? Abbaa, haadhadhamoo mucaadha? Kun filannoo maatiiwwan haala akkasii keessatti argaman guyyaa guyyaadhaan gochuu qabanidha.
MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Lafti nyaata nama hundaaf gaʼu caalaa baasuu dandeessi. Wanti godhamuu qabu qabeenya lafarraa sirriitti faayidaarra oolchuudha.
MORMIIN KUN SIRRIIDHAA? Dhugaadha, qonnaan bultoonni yeroo kamiyyuu caalaa midhaan oomishanii dhiheessuu dandaʼu. Mootummoonni addunyaarraa beela dhabamsiisuuf iddoo hundumaatti nyaata dhiheessuu qabu turan. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif kana gochuuf yaalanis, rakkina kanaaf furmaata hin argamsiisne.
ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Raajiin Maarqos 13:8rra jiru raawwatamaa jiraa? Gama teknooloojiitiin guddinni jiraatus, hanqina nyaataa addunyaarratti namoota hubaa jiru hambisuun dandaʼameeraa?
Sochoʼi lafaafi beelli yeroo baayʼee milikkitawwan guyyoota gara dhumaa keessaa warra gurguddaa taʼanidha.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 15rra jiru]
“Ijoollee dhukkuba sombaa, garaa kaasaafi kan kana fakkaataniin duʼan harka sadii keessaa harka tokkoo ol kan taʼan, nyaata madaalamaa utuu argatanii duʼaaf hin saaxilaman turan.”—AAN M. VENEMAAN, DHAABBATA MOOTUMMOOTA GAMTOOMANIITTI, ABBAA TAAYITAA GARGAARSA DAAʼIMMANII KAN TURAN.
[Madda fakkii fuula 15rra jiru]
© Paul Lowe/Panos Pictures
-
-
Raajii 3. DhukkubaMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Raajii 3. Dhukkuba
“Dhaʼichi [dhukkubni] . . . in taʼa.”—LUQAAS 21:11.
● Boonzaaliin, nama biyya Afriikaatti argamtuufi waraana walii waliin hunkuramtu keessatti hojjetaa fayyaa siʼa taʼu, hojjettoota albuudaa magaalaa inni jiru keessa jiraniifi vaayirasii Maarbargi jedhamuun qabaman yaaluuf carraaqaa jira.a Gargaarsi inni ogeessonni magaalaa guddaa jiran akka isaaf godhan gaafate deebii hin arganne. Jiʼa afur booda gargaarsi kan isaaf dhufe taʼus, yeroo kanatti Boonzaaliin duʼeera. Dhukkuba kanaan kan qabame yeroo hojjettoota sana gargaaruuf yaalii godhutti ture.
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Dhukkuboota ilmaan namootaa hubaa jiran keessaa tokko qaama sirna argansuu miidhan kan akka, dhukkuba sombaa, garaa kaasaa, eedsii, daranyoo sombaafi dhukkuba busaati. Waggoota dhihoodhaa asitti, dhukkuboonni shanan kun tilmaamaan namoota miliyoona 10.7 taʼan galaafataniiru. Kunis waggaa guutuu daqiiqaa sadii keessatti nama tokkotu duʼa jechuudha.
MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Lakkoofsi uummata addunyaa dabaluusaa kan itti fufe waan taʼeef, dhukkubnis yeroodhaa gara yerootti akka dabalu beekamaadha. Lakkoofsi namoota dhukkubaan qabamaniis dabalaa adeema.
MORMIIN KUN SIRRIIDHAA? Lakkoofsi uummata addunyaa garmalee dabalaa jira. Haataʼu malee, dandeettiin namoonni dhukkuba addaan baasanii beekuu, toʼachuufi yaaluuf qabanis dabaleera. Maarree, dhukkubni ilmaan namootaa hubu hirʼachuu hin qabuu? Wanti taʼaa jiru garuu faallaa kanaati.
ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Akkuma Macaafa Qulqulluurratti raajiidhaan dubbatame namoonni dhukkubaan ykn dhaʼichaan hubamaa jiruu?
Sochoʼi lafaa, beelliifi dhukkubni namoota miliyoonaan lakkaaʼamanirratti miidhaa guddaa geessisaa jiru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman namootaan miidhamaa kan jiran yommuu taʼu, hedduutti kan lakkaaʼamanimmoo warra isaan eeguu qabaniin miidhaan irra gaʼaa jira. Wanti Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame raawwatamaa akka jiru qalbeeffadhu.
[Miiljalee]
a Maarbargi Heemeragiik Fiivar vaayirasii dhukkuba Eboolaa wajjin tokko taʼedha.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 16rra jiru]
“Leenca ykn bineensa kan biraatiin nyaatamuun nama suukanneessa; dhukkubni hamaan keessa keenya yommuu fixus taʼe namoota naannoo keenya jiranirra yommuu gaʼu arguunis akkasuma suukanneessudha.”—EPIIDIMIYOOLOOJISTI MIKAAʼEL OSTARHOOLMI.
[Madda fakkii fuula 16rra jiru]
© William Daniels/Panos Pictures
-
-
Raajii 4. Jaalala DhabuuMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Raajii 4. Jaalala Dhabuu
“Warra jaalala of keessaa hin qabne.” —2 XIMOTEWOS 3:1-3.
● Kiriis nama biyya Noorzi Weelsi jiraatu yommuu taʼu, dhaabbata namoota mana keessatti miidhaan irra gaʼu gargaaru keessa hojjeta. Kiriis, “Dubartiin kanaan dura beeku tokko, hangan eenyummaashee addaan baafachuu dadhabutti garmalee reebamtee garakoo dhufuushee nan yaadadha. Dubartoonni kaanimmoo, miirrisaanii baayʼee waan miidhameef ol jedhanii nama ilaaluullee ni sodaatu” jedheera.
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Biyya Afriikaa keessa jirtu tokkotti, tilmaamaan dubartoota 3 keessaa 1 ijoollummaasaaniitti gudeedamu. Qorannoon biyyuma sana keessatti godhame tokko akka ibsetti, dhiirota harka sadii keessaa harka tokkoo ol kan taʼan, haadha manaasaanii reebuun sirrii akka ture isaanitti dhagaʼama. Mana keessatti miidhaan kan isaanirra gaʼu garuu dubartoota qofa miti. Fakkeenyaaf, Kaanaadaa keessatti dhiirota 10 keessaa 3 kan taʼan haadha manaasaaniitiin reebamu ykn midhaan kan biraan isaanirra gaʼa.
MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Miidhaan mana keessaa yoomiyyuu kan jirudha. Dhimma kana ilaalchisee jijjiirama kan fide bara durii caalaa yeroo ammaatti xiyyeeffannaan waan kennameefidha.
MORIMIIN KUN SIRRIIDHAA? Waggoota kurnanii asitti miidhaa mana keessatti raawwatamuuf xiyyeeffannaan kennamuunsaa waan hin haalamnedha. Haataʼu malee, rakkina kanaaf xiyyeeffannaan guddaan kennamuunsaa miidhaan kun akka hirʼatu godheeraa? Matumaa akka hirʼatu hin goone. Kanaa mannaa yeroo kamiyyuu caalaa jaalala dhabuun babalʼateera.
ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Yaanni 2 Ximotewos 3:1-3rra jiru raawwatamaa jiraa? Dhugumaan namoonni hedduun maatiisaaniitiif jaalala kan hin qabne taʼaniiruu?
Raajii shanaffaan ittaansuudhaan raawwatamaa akka jiru ilaallu, lafa bakka jireenyaa keenya taatee wajjin kan wal qabatedha. Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubadhu.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 17rra jiru]
“Miidhaan mana keessaa yakka raawwatamuufi bakkee baʼee hin beekamne keessaa isa guddaa akka taʼe hubatameera. Dubartiin tokko miidhaa isheerra gaʼu poolisiitti gabaasuushee dura, giddu galeessaan abbaan manaashee al 35 ishee reeba.”—BIYYA WEELSITTI, BAKKA BUUTUU DHAABBATA NAMOOTA MANA KEESSATTI MIIDHAAN IRRA GAʼE BILBILAAN GARGAARTU.
-
-
Raajii 5. Lafa BalleessuuMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Raajii 5. Lafa Balleessuu
‘Yeroon [Waaqayyo] warra biyya lafaa balleessan itti balleessu gaʼeera.’—MULʼATA 11:18.
● Obbo Piireen nama biyya Naayijeeriyaa Kipooritti muka meexxiirraa wayinii oomishudha. Daldallisaa kun zayitii baayʼee qarqara laga Niijaritti dhangalaʼeen jalaa miidhameera. Akkas jedha: “Qurxummii keenya nu jalaa ajjeeseera, gogaa qaama keenyaa mancaaseera, burqituuwwan keenya faaleera. Kana booda waanan ittiin jiraadhu hin qabu.”
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti, waggaa waggaadhaan kosiin toonii miliyoona 6.5 taʼu garboota addunyaarra jiranitti naqama. Kosii kana keessaa tilmaamaan harka 50 kan taʼu pilaastikii utuu hin tortorin waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif turuu dandaʼudha. Ilmaan namootaa lafa mancaasuu malees, haala nama sodaachisuun qabeenya uumamaa fixaa jiru. Qorannoon godhame akka argisiisutti lafti qabeenya uumamaa namoonni waggaa tokkotti lafarraa fayyadaman bakka buusuuf, waggaa tokkoofi jiʼa shan ishee barbaachisa. Gaazexaan Awustiraaliyaa Siidnii Moorniingi Heeraaldi jedhamu, “Baayʼinni namootaafi fedhiinsaanii haaluma kanaan dabaluusaa yoo itti fufe, bara 2035tti lafa lamatu nu barbaachisa” jedhee gabaaseera.
MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Ilmaan namootaa rakkoowwan uumamaniif furmaata kennuuf dandeettii qabu. Kanaafuu rakkoowwan kana hambisuufi lafa oolchuu ni dandeenya.
MORMIIN KUN SIRRIIDHA? Namoonniifi gareewwan jabaatanii hojjetan hedduun waaʼee naannoo hubannaan akka jiraatu godhaniiru. Haataʼu malee, lafti haala kanaan dura taʼee hin beekneen garmalee mancaʼaa jirti.
ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Waaqayyo akkuma waadaa gale, dhimma kana gidduu seenee lafa kana badiisarraa oolchuun isa barbaachisaa?
Raajiiwwan shanan olitti ilaalte malees, Macaafni Qulqulluun jijjiiramawwan gaarii guyyoota gara dhumaatti taʼan kan biraa ilaalchisee raajii dubbateera. Raajii jaʼaffaa qorru hubadhu.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 18rra jiru]
“Jannanni koo xinnoon na jalaa fudhatamtee, bakki kosii summaaʼaa taʼe akka naa kennametti natti dhagaʼama.”—EERIIN TAAMBAR, JIRAATTUU QARQARA GALAANAA YUU.ESS. TAATEEFI BALAA ZAYITII DHANGALAʼAA BARA 2010 GALOO GALAANA MEEKSIKOOTTI TAʼE ILAALCHISEE DUBBATTE.
[Saanduqa fuula 18rra jiru]
Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?
Haalawwan gadheen yeroo harʼaatti akka gaʼan raajiin Macaafa Qulqulluu keessatti akka barreeffamu gochuusaatiif Waaqayyotu itti gaafatamaa? Dhiphinni akka nurra gaʼu kan godhuhoo Isaa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 11 ilaali.
[Madda fakkii fuula 18rra jiru]
U.S. Coast Guard photo
-
-
Raajii 6. Hojii Lallabaa Addunyaa MaraaMasaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Raajii 6. Hojii Lallabaa Addunyaa Maraa
“Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama.”—MAATEWOS 24:14.
● Viiyaateʼaan, dubartii odoola Paasifiik fagootti argamtuufi Tuʼaamootuu jedhamtu tokko keessa jiraattudha. Tuʼaamootun odoola xixinnoo gara 80 taʼan kan qabduufi iskuweer kiilomeetira 802,900 kan balʼattu taʼus jiraattota 16,000 qofa qabdi. Haataʼu malee Viiyaateʼaanaafi ollaawwanshee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arganii turan. Maaliif? Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoonni bakka fedheyyuu yoo jiraatan misraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota hundumaatti himuu waan barbaadaniifidha.
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Ergaan Mootummichaa addunyaa maratti lallabamaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa, bara 2010 qofatti biyyoota 236 keessatti misraachoo lallabuudhaan saʼaatii biliyoona 1.6 ol dabarsaniiru. Kana jechuun Dhugaa Baatuun tokko gidduu galeessaan guyyaa guyyaadhaan hojii lallabaarratti daqiiqaa 30 dabarseera jechuudha. Waggoota kurnaan darbanitti barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan biliyoona 20 ol taʼu maxxansuudhaan raabsaniiru.
MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Ergaan Macaafa Qulqulluu waggoota kumaan lakkaaʼamuuf lallabamaa tureera.
MORMIIN KUN SIRRIIHDAA? Namoonni hedduun ergaa Macaafa Qulqulluu hamma tokko lallabaa akka turan beekamaadha. Haataʼu malee, kana kan godhan yeroo xinnoofi bakka murtaaʼe qofatti ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu, addunyaa maratti karaa qindoomina qabuun namoota miliyoona dhibba hedduutti lakkaaʼamaniif misraachoo lallabaa jiru. Jaarmiyaawwan seenaa keessatti humna guddaa qabaniifi hamoo taʼan, ariʼatama cimaa isaanirra geessisanii turanis, Dhugaa Baatonni hojii lallabaasaanii itti fufaniiru.a (Maarqos 13:13) Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa akka lallabaniif qarshiin isaaniif hin kaffalamu. Kanaa mannaa, ergaa kana namootaan gaʼuuf yeroosaanii fedhiidhaan kan itti fayyadaman taʼuusaanirrayyuu, barreeffamootasaanii kaffaltii malee namootaaf kennu. Hojiinsaanii guutummaatti buusii namoonni fedhiidhaan godhaniin deggerama.
ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? “Wangeelli mootummaa” addunyaa maratti lallabamaa jiraa? Raajiin kun raawwatamuunsaa yeroo dhihootti wanti gaariin akka dhufu kan mirkaneessudhaa?
[Miiljalee]
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo, “Feezfuul Andar Tiraayalsi,” “Parpil Tiraayaangil,” akkasumas “Jehoovaas Wiitinasis Istaandi Farmi Ageenisti Naazii Aassoolti” jedhamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan ilaali. (Ingiliffa)
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 19rra jiru]
“Hanga Yihowaan heyyametti, karaa itti namoota argachuu dandeenyu hundatti fayyadamnee misraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna.”—KITAABA WAGGAA DHUGAA BAATOTA YIHOWAA 2010.
-
-
Yeroo Gaariin Dhiheenyatti Ni Dhufa!Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 1
-
-
Yeroo Gaariin Dhiheenyatti Ni Dhufa!
“Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [“indhaalu,” hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—FAARFANNAA 37:10, 11.
RAAJIIN olitti caqasame kun yeroo raawwatamu arguu barbaaddaa? Arguu akka barbaaddu hin shakkisiisu. Raajiin kun yeroo dhihootti akka raawwatamu amanuuf sababii quubsaan jira.
Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu matadureewwan darbanirratti ibsaman, “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jirru ifatti argisiisan keessaa muraasasaaniiti. (2 Ximotewos 3:1-5) Waaqayyo namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hafuuraan geggeeffamanii raajii kana akka barreessan kan godhe abdii akka qabaannuufidha. (Roomaa 15:4) Raajiiwwan kun raawwatamuunsaanii rakkoowwan yeroo ammaatti nu mudatan dhiheenyatti akka badan mirkaneessu.
Guyyoota gara dhumaa booda maaltu taʼa? Mootummaan Waaqayyoo guutummaa ilmaan namootaa bulcha. (Maatewos 6:9) Caqasawwan Macaafa Qulqulluu yeroo sanatti haalli lafarra jiru maal akka fakkaatu ibsan kana hubadhu:
● Beelli hin jiraatu. “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”—Faarfannaa 72:16.
● Dhukkubni hin jiraatu. “Namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.
● Lafti ni haaromti. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara.”—Isaayaas 35:1.
Wantoonni kun raajiiwwan Macaafa Qulqulluu nama jajjabeessaniifi yeroo dhihootti raawwataman keessaa muraasasaaniiti. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo gaariin dhiheenyatti akka dhufu baayʼee mirkanaaʼoo kan taʼan maaliif akka taʼe isaan gaafachuu dandeessa.
-