LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/09 ful. 3
  • Namoota Ta’an Barbaaduu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Ta’an Barbaaduu
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Qabdaa?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Fudhattanii Hojjechuudhaan Faayidaa Argachuu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Namoota Ta’uuf Barbaachuu
    Tajaajila Mootummaa—2003
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 9/09 ful. 3

Namoota Ta’an Barbaaduu

1. Mirga tajaajilaa nuu kennameef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

1 Yesus yommuu tajaajilaa turetti, namoota gadadamoo ta’anitti misiraacho nama jajjabeessu himuuf karaa dheeraa deemaa ture. (Isa. 61:1, 2) Yeroo har’aatti afaan Kiristos, akkasumas bakka buutotasaa taanee waan hojjennuuf, fakkeenyasaa hordofuudhaan namoota ta’an barbaaduuf mirga arganneerra.—Mat. 10:11; 2 Qor. 5:20.

2. Phaawulos akkaataa dhiheenyaasaa jijijjiiraa akka ture hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo bu’aa maalii argamsiise?

2 Akkaataa Dhiheenyaa Jijijjiiruu: Phaawulos mana sagadaa dhaquudhaan Yihudootaafi warra gara amantii Yihudiitti jijjiiramaniif lallabuu amaleeffatee ture. (HoE. 14:1) Phaawulosiifi Siilaas, Filiphisiiyusitti ‘iddoo itti kadhataaf walitti qabaman se’anii,’ namoota barbaacha bakka tokko dhaqanii turan. Bakka kanatti dubartoota achitti walitti qabamanii turaniif kan lallaban si’a ta’u, isaan keessaa dubartiin Liidiyaa jedhamtu dhugaa fudhatteetti.—HoE. 16:12-15.

3. Manaa gara manaatti tajaajiluudhaan alatti, carraa akkamii qabna?

3 Manaa gara manaatti tajaajiluu malees, bakka buufata otoobisiitti, bakka konkolaataan dhaabatutti, namoota waajjira keessa hojjetaniif, daandii namoonni irratti baay’atanitti, bakka hojiitti, bakka daldalaafi suuqiitti lallabuu ni dandeessuu? Yookiin, namoota mana cimsanii eegamaniifi gamoo seenuun dhorkamaa ta’e keessa jiraataniif xalayaa barreessuudhaan ykn bilbilaan lallabuu dandeessu ta’a. Haala addaddaa naannoo tajaajilaa keessanitti argaman hubachuudhaan akkaataa dhiheenyaa keessan jijijjiiruun, ‘hojii gooftaa caalchiftanii hojjechuuf’ carraa isinii bana.—1 Qor. 15:58.

4. Naannoo tajaajilaa garabiraa dhaqanii tajaajiluuf carraan jiran maalfa’i?

4 Babal’istoonni hedduun gumii garabiraa ykn biyyasaanii keessatti iddoo biraa dhaqanii tajaajiluuf carraa argataniiru. Kaanimmoo namoota biyya alaatii dhufaniif lallabuuf jecha afaan garabiraa barataniiru.

5. Yeroo keessa jiraannu kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Murtoon keenya maal ta’uu qaba?

5 “Qotiisichi biyya lafaa” ta’uusa hubachuu qabna. (Mat. 9:37; 13:38) Dhumni sirna hamaa kanaa dhihaachuusaa wajjin haala wal qabateen, hundi keenya dandeettiifi carraa tajaajila keenya bal’ifachuuf nu gargaaran cimsinee qoruu qabna. Yihowaan tajaajila keenya bal’ifachuudhaan fedhii Mootummichaa dursuuf carraaqqii yommuu goonu akka nu eebbisu waadaa nuu galeera.—Mat. 6:33.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi