Hirmaannaa Tajaajilarratti Gootan Guddifachuuf Karoora Baafadhaa
1. Tibbi Ayyaana Yaadannoo maal gochuuf carraa nuu bana? Hojii sanaaf qophaaʼuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
1 Tibbi Ayyaana Yaadannoo, ‘Guddisnee Waaqayyoof galata galchuuf’ carraa nuuf bana. (Far. 109:30) Waaqa isa furii nuu qopheesse galateeffachuuf, jiʼa Bitootessaatti hirmaannaa tajaajila keerratti gootu guddifachuu dandeessaa? Taanaan, ammaa jalqabiitii karoora baafadhu.—Fak. 21:5.
2. Waggaa darbe, jiʼa Eblaatti yeroo saʼaatiin qajeelchaa gargaaraarraa barbaadamu hirʼifame atis taate warri kaan maal gootan?
2 Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu: Waggaa darbe gumiiwwan, jiʼa Eblaatti saʼaatiin qajeelchaa gargaaraarraa barbaadamu hirʼachuusaa ilaalchisee qophiin godhamuusaa yommuu baran baayʼee gammadanii turan. Obboleessi tokko, “Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waanan barachaa jiruuf qajeelchaa taʼee tajaajiluu hin dandeenye. Haataʼu malee, jiʼa Eblaatti foormii saʼaatii 30 guutee, saʼaatii 50 hojjechuuf tattaaffii gochuufan jedha” jechuudhaan barreesseera. Obboleettiin guyyaa guutuu hojjettu tokkos, “Saʼaatii soddoma tajaajiluu nan dandaʼa!” jechuudhaan barreessiteetti. Beeksisni kun yeroo himame, obboleettiin duraan qajeelchituu turteefi amma umrii waggoota 80manii keessaatti argamtu tokko, “Yeroon kun yeroo ani eegaa turedha! Yihowaan, qajeelchaa taʼuun anaaf jireenya hundarra caalu akka taʼe beeka!” jetteetti. Warri qajeelchaa gargaaraa taʼuu hin dandeenyes, tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuuf karoorfataniiru.
3. Jiʼa Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti sababiiwwan qajeelchaa gargaaraa taʼuuf akka itti yaadnu nu godhan maal faʼi?
3 Jiʼa Bitootessaatti, ammas saʼaatii 30 ykn 50 tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa taʼuuf carraa gaarii qabna. Dabalataanis, Ayyaana Yaadannoo Ebla 5 kabajamurratti namoota afeeruuf, duula addaa Sanbadduraa Bitootessa 17 jalqaburratti ni hirmaanna. Qophiin kun, babalʼistoonni baayʼeen jiʼa Eblaafi Caamsaattis saʼaatii 50 isaanirraa barbaadamu guutanii qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan hirmaannaa tajaajilaarratti godhan guddifachuuf isaan kakaasa.
4. Hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii nuuf argamsiisa?
4 Tokkoon tokkoon miseensa maatii tibba Ayyaana Yaadannootti hirmaannaa tajaajilarratti godhu akkamitti guddifachuu akka dandaʼu ilaalchisee, Waaqeffannaa Maatii galgalaa yeroo itti aanu gootanirratti maaliif hin mariʼattan? (Fak. 15:22) Yihowaan carraaqqii keessan akka isiniif eebbisu isa kadhadhaa. (1 Yoh. 3:22) Hirmaannaa tajaajilarratti gootan yoo guddifattan, galata Yihowaadhaaf galchitan qofa utuu hin taʼin gammachuun argattanis ni dabala.—2 Qor. 9:6.