Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? (Kutaa 1)
Dargaggoonni gara gaʼeessummaatti yommuu guddachaa adeeman, filannoo barbaachisoo taʼan tokko tokko gochuu qabu. Dargaggoota akkasii gargaaruuf, viidiyoon Yaangi Piipili Aaski—Waat Wiil Aayi Duu Wiiz Maay Laayif? (Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya?) jedhamu qophaaʼeera. Baafata viidiyoo kanaa keessaa isa “Play Drama” (Diraamicha Bani) jedhu baniitii gaaffiiwwan armaan gadii warra keeyyata 2rratti argaman deebisuuf yaali. Achiis, baafata viidiyochaatti deebiʼuudhaan isa “Interviews” (Gaafannoo) jedhu keessaa mataduree “Looking Back” (Duuba Deebiʼanii Yaadachuu) jedhu filadhuutii gaaffiiwwan keeyyata 3rratti argaman deebisuuf yaali.
Diraamaa: (1) Haalli Ximotewos keessa tureefi haalli dargaggoonni Kiristiyaanaa hedduun yeroo harʼaa keessatti argaman kan wal fakkaatu akkamitti? (2) Andireen dorgommii atleetiksii akka itti fufuuf dhiibbaan kan isarratti godhame akkamitti? (3) Obboleessi keenya Filaayisiik Andireetti waaʼee wantoota armaan gadii maal himee ture? (a) Waaʼee Yihowaadhaafis taʼe Ispoortiidhaaf of murteessuu, (Mat. 6:24) (b) waaʼee madda gammachuu dhugaa, (c) waaʼee saanii golboo mana hidhaatii fudhatee baʼee, (d) waaʼee namoota suura wajjin kaʼeefi waaʼee haadha manaasaa, (e) waaʼee galma baafatee ture jijjiiruusaatti gaabbuufi dhiisuusaa. (Filp. 3:8) (4) Gaaffii Andireen “Fiigichaan beekamaa taʼuuf barbaaduunkoo dogoggoradhaa?” jedhee gaafateef akkoonsaa deebii akkamii kenniteef? (Luq. 4:5-7) (5) Andireen dorgommii fiigichaa moʼuunsaa gammachuu isaaf argamsiiseeraa? (6) Yaada xalayaa dhumarratti obboleessi keenya Filaayisiik Andireedhaaf barreesserra jiru keessaa kan si tuqe maalidha? (Fak. 10:22) (7) Obboleessi keenya Filaayisiik Andireen maal akka hubatu gargaareera?
Duuba Deebiʼanii Yaadachuu: (8) Obboleessaafi Obboleettiin keenya maal hojjechaa turan? Maaliif? (9) Milkaaʼina akkamii argataniiru? (10) Lamaansaaniiyyuu hojiisaanii jijjiiruuf akka murteessan kan isaan kakaase maalidha? (2 Qor. 5:15) (11) Hojiisaanii isa duraan hojjechaa turan, hojii tiʼookraasii kamfaʼiin bakka buusan? Hojii lamaansaa wal faana hojjechuu akka hin dandeenye kan itti dhagaʼame maaliifi? (12) Jireenyasaanii keessatti jijjiirama akkasii gochuusaaniitti gaabbaniiruu? (13) Wanta isaan dubbatan keessaa keessumaa ‘Jireenyakoo akkamittan itti fayyadamuu qaba?’ jettee akka yaaddu kan si godhe isa kami?
Gaafannoofi odeeffannoo dabalataa hafan ilaaluudhaan, maree Walgaʼii Tajaajilaa torban ittaanu godhamurratti yaada kennuuf akka qophooftu si jajjabeessina.