LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/13 ful. 1
  • “Hojii Lallabaa . . . Guutummaatti Raawwadhu!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Hojii Lallabaa . . . Guutummaatti Raawwadhu!”
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Guutummaatti Dhugaa Ba’uuf Murteessaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Dammaqinaan ‘Dhugaa Ba’aa’
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Bal’inaan Dhugaa Ba’uudhaan Tajaajila Keessan Guddisaa
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Hanga Andaara Lafaatti”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 1/13 ful. 1

“Hojii Lallabaa . . . Guutummaatti Raawwadhu!”

1. Gama tajaajilaatiin Phaawulos fakkeenya gaarii akkamii nuuf taʼeera?

1 “Hojii lallabaa . . . guutummaatti raawwadhu!” (2Xim. 4:5) Phaawulos ergamaan afaansaa guutee gorsa kana Ximotewosiif kennuu dandaʼeera. Dh.K.B. bara 47 hanga Dh.K.B. bara 56⁠tti adeemsa misiyoonummaa sadii raawwateera. Macaafni Hojii Ergamootaa Phaawulos “dhugaa baʼuu” isaa irra deddeebiʼee ibseera. (HoE. 23:11; 28:23) Bara keenyatti akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Manaa gara manaatti yeroo tajaajillu guutummaatti lallabuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Manaa Gara Manaatti: Namoota tasumaa misiraachoo hin dhageenye manatti argachuuf yeroo carraaqnu, guyyaa keessatti saʼaatii addaddaatti gara manasaanii dhaquu nu barbaachisa taʼa. Nama manatti kan argannu gara galgalaa ykn Sanbadduraafi Sanbata taʼuu dandaʼa. Namoota manatti hin arganne argachuuf irra deddeebinee gara manasaanii dhaquuf carraaquu qabna. Carraaqqiin keessan utuu hin milkaaʼin yoo hafehoo maal gootu? Tarii xalayaa barreessuu ykn bilbila isaaniif bilbiluudhaan buʼaa gaarii argachuu dandeessu taʼa.

3. Bakka namoonni itti wal gaʼanittiifi karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf carraa akkamii qabda?

3 Bakka Namoonni Itti Wal Gaʼaniifi Karaa Alidilee Taʼeen: Yeroo ammaatti tajaajiltoonni Yihowaa namoota dhagaʼan hundatti “ogummaa” beeksisaa jiru. Kun al tokko tokko “karaa” ykn “lafa namoonni itti wal gaʼan” irratti taʼuu dandaʼa. (Fak. 1:20, 21) Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti, carraa arganne hundatti fayyadamee dhugaa baʼuu ni dandeenyaa? ‘Dubbicha lallabuutti qabamneerra’ jedhamee dubbachuunoo ni dandaʼamaa? (HoE. 18:5) Taanaan, dirqama guutummaatti ‘dhugaa baʼuuf’ nurra jiru raawwachaa jirra jechuudha.​—HoE. 10:42; 17:17; 20:20, 21, 24.

4. Kadhannaaniifi xiinxaluun guutummaatti dhugaa baʼuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

4 Haataʼu malee al tokko tokko, dadhabinni qabnu ykn ija laafeyyii taʼuun keenya lallabuurraa duubatti akka jennu nu gochuu dandaʼa.Yihowaan hanqina qabnu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Far. 103:14) Taʼus, haalli akkasii yeroo uumamu dubbachuuf ija jabina akka nuu kennuuf kadhachuu ni dandeenya. (HoE. 4:29, 31) Kana malees, qayyabannaa dhuunfaa yeroo goonuufi Dubbii Waaqayyoorratti yeroo xiinxallu, gatii guddaa misiraachoon kun qabuuf dinqisiifannaa qabnu guddifachuurratti xiyyeeffachuu dandeenya. (Filp. 3:8) Kunis hinaaffaadhaan lallabuuf nu kakaasa.

5. Raajiin Yoʼel akka raawwatamu gochuurratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Raajiin Yoʼel, guyyaan Yihowaa inni sodaachisaa taʼe dhufuusaa dura, sabni Waaqayyoo ‘karaadhuma isaanii irra akka adeemaniifi’ wanti tokkoyyuu hojii lallabaasaaniirraa duubatti akka jedhan akka isaan godhu akka hin heyyamne dubbateera. (Yoe. 2:2, 7-9) Hojii lallabaa matumaa irra hin deebiʼamne kanarratti guutummaatti haa hirmaannu!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi