LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulos yaaʼii Saanhedriin duratti dubbate (1-10)

      • Gooftaan Phaawulosiin jajjabeesse (11)

      • Marii Phaawulosiin ajjeesuuf godhame (12-22)

      • Phaawulos gara Qisaariyaatti geeffame (23-35)

Hojii Ergamootaa 23:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:15, 16; 2Qo 1:12; Ibr 13:18; 1Ph 3:16

Hojii Ergamootaa 23:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 213

Hojii Ergamootaa 23:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 22:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 213-214

    Masaraa Eegumsaa,

    11/1/2002,

Hojii Ergamootaa 23:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 26:4, 5; Flp 3:4, 5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 213-215

Hojii Ergamootaa 23:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hunda ifatti lallabu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 4:1, 2

Hojii Ergamootaa 23:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:6, 7, 17, 18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 215

Hojii Ergamootaa 23:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 18:9
  • +HoE 27:23, 24; 28:23, 30, 31

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 217

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2020, ful. 13

Hojii Ergamootaa 23:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 217

Hojii Ergamootaa 23:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    1/2019, ful. 3

Hojii Ergamootaa 23:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:15

Hojii Ergamootaa 23:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 217-218

Hojii Ergamootaa 23:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 217-219

Hojii Ergamootaa 23:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:37; 22:25
  • +HoE 21:31-33

Hojii Ergamootaa 23:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:30

Hojii Ergamootaa 23:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:19

Hojii Ergamootaa 23:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:16

Hojii Ergamootaa 23:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:23, 24

Hojii Ergamootaa 23:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:39; 22:3

Hojii Ergamootaa 23:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:1

Yaada Wal Simu

HoE. 23:1HoE 24:15, 16; 2Qo 1:12; Ibr 13:18; 1Ph 3:16
HoE. 23:5Bau 22:28
HoE. 23:6HoE 26:4, 5; Flp 3:4, 5
HoE. 23:8HoE 4:1, 2
HoE. 23:9HoE 22:6, 7, 17, 18
HoE. 23:11HoE 18:9
HoE. 23:11HoE 27:23, 24; 28:23, 30, 31
HoE. 23:20HoE 23:15
HoE. 23:21HoE 23:12
HoE. 23:27HoE 16:37; 22:25
HoE. 23:27HoE 21:31-33
HoE. 23:28HoE 22:30
HoE. 23:29HoE 25:19
HoE. 23:30HoE 23:16
HoE. 23:31HoE 23:23, 24
HoE. 23:34HoE 21:39; 22:3
HoE. 23:35HoE 24:1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 23:1-35

Hojii Ergamootaa

23 Phaawulos gara yaaʼii Saanhedriin hubatee ilaalaa, “Yaa obboloota koo, ani hanga guyyaa harʼaatti qalbii qulqulluudhaan mudaa tokko malee Waaqayyo duratti deddeebiʼeera”+ jedhe. 2 Yeroo kanatti Anaaniyaas lubni ol aanaan, warri isa bira dhaabbatan afaan isaa akka rukutan ajaje. 3 Achiis Phaawulos, “Girgiddaa nooraa dibame nana, Waaqayyo si rukuta. Ati akka Seerichaatti natti murteessuuf teessee utuu jirtuu, akkan rukutamu ajajuudhaan Seericha cabsitaa?” isaan jedhe. 4 Warri achi dhaabbatanis, “Luba ol aanaa Waaqayyoo arrabsitaa?” jedhan. 5 Phaawulosis, “Yaa obbolootaa, luba ol aanaa taʼuu isaa ani hin beekne. Sababiin isaas, ‘Bulchaa saba keetti wanta hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameera” jedhe.+

6 Phaawulos isaan keessaa walakkaan Saduuqota, walakkaan immoo Fariisota taʼuu isaanii hubatee yaaʼii Saanhedriin keessatti sagalee isaa ol kaasee, “Yaa obbolootaa, ani Fariisicha,+ sanyii Fariisotaa tis. Ani amma murtiitti kanan dhihaadhe, warri duʼan akka duʼaa kaʼan waanan amanuufi” jedhe. 7 Phaawulos kana dubbachuu isaatiin kan kaʼe, Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti wal dhabiinsi ni uumame; yaaʼichis bakka lamatti hirame. 8 Sababiin isaas, Saduuqonni duʼaa kaʼuun, maleekaan, akkasumas uumamni hafuuraa hin jiru kan jedhan yeroo taʼu, Fariisonni garuu kana hundatti ni amanu* turan.+ 9 Kanaafuu, jeequmsi guddaan ni uumame; barsiisonni seeraa garee Fariisotaa taʼan tokko tokko kaʼanii akkana jedhanii cimsanii falmuu jalqaban: “Nuti nama kana irratti balleessaa tokko illee hin arganne; uumamni hafuuraa yookiin maleekaan tokko yoo isatti dubbateera taʼe garuu+ . . . .” 10 Jeequmsi sun ittuma dabalaa yommuu deemu, ajajaan kumaa sun akka isaan Phaawulosiin hin ciccirre waan sodaateef, loltoonni gad buʼanii isaan gidduudhaa butanii gara mooraa loltootaatti akka isa fidan ajaje.

11 Haa taʼu malee, guyyuma sana galgala Gooftaan isa bira dhaabbatee, “Jabaadhu!+ Akkuma Yerusaalem keessatti guutummaatti waaʼee koo dhugaa baate, Roomaattis dhugaa baʼuu qabda”+ isaan jedhe.

12 Yommuu bariʼu Yihudoonni isa irratti daba qopheessanii hanga Phaawulosiin ajjeesanitti homaa akka hin nyaannee fi akka hin dhugne waliif kakatan. 13 Daba kana raawwachuuf kan waliif kakatan namoota 40 ol turan. 14 Namoonni kun gara dura buutota lubootaa fi maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan: “Nuti hanga Phaawulosiin ajjeesnutti homaa akka hin nyaannee fi akka hin dhugne cimsinee waliif kakanneerra. 15 Kanaafuu, yaaʼii Saanhedriinii wajjin taʼaatii dhimma Phaawulos caalaatti qorachuu waan barbaaddan fakkeessaatii gara keessanitti akka gad isa fidu ajajaa kumaatti himaa. Nuti immoo inni as gaʼuu isaa dura isa ajjeesuuf qophoofnee eegganna.”

16 Haa taʼu malee, ilmi obboleettii Phaawulos mala isaan riphanii isa eeggachuuf qopheessan dhagaʼee gara mooraa loltootaatti seenee dhimma kana Phaawulositti hime. 17 Phaawulosis ajajjoota dhibbaa keessaa tokko ofitti waamee, “Dargaggeessi kun wanta ajajaa kumaatti himu waan qabuuf gara isaatti isa geessi” jedhe. 18 Kanaafuu, inni gara ajajaa kumaa sanatti isa geessee, “Phaawulos inni hidhamee jiru na waamee dargaggeessi kun wanta sitti himu waan qabuuf akkan gara keetti isa fidu na gaafate” jedhe. 19 Ajajaan kumaa sunis harka isaa qabee kophaatti erga isa baasee booda, “Maal natti himta?” jedhee isa gaafate. 20 Innis akkana jedhe: “Yihudoonni waaʼee dhimma isaa balʼinaan beekuu kan barbaadan fakkeessanii, Phaawulosiin boru gara yaaʼii Saanhedriinitti akka gad fiddu si gaafachuuf walii galaniiru.+ 21 Haa taʼu malee, namoonni 40 ol taʼan hanga isa ajjeesanitti waan tokko illee akka hin nyaannee fi akka hin dhugne waliif kakatanii+ riphanii isa eeggachuu waan yaadaniif wanta isaan si gaafatan tole hin jedhin; amma isaan qophaaʼanii heyyama kee eeggachaa jiru.” 22 Kanaafuu ajajaan kumaa sun, “Wanta kana natti himuu kee eenyutti iyyuu hin himin” jedhee erga isa ajajee booda dargaggeessicha geggeesse.

23 Achiis ajajjoota dhibbaa lama waamee akkana jedhe: “Galgala saʼaatii sadiitti loltoota gara Qisaariyaa dhaqan 200, abbootii fardeenii 70 fi namoota eeboo qabatan 200 qopheessaa. 24 Kana malees, fardeen Phaawulos ittiin adeemu qopheessaatii gara Feeliksi bulchaa biyyaatti nagaadhaan geessaa.” 25 Xalayaa akkana jedhus ni barreesse:

26 “Qalaawudewos Liisiyaas irraa, kabajamaa Feeliksi Bulchaa Biyyaatiif: Nagaan siif haa taʼu! 27 Yihudoonni namicha kana qabanii yommuu ajjeesuuf jedhan, inni lammii Roomaa taʼuu isaa waanan beekeef+ loltoota koo wajjin dafee dhaqeen isa oolche.+ 28 Achiis sababii isaan itti isa himatan beekuu waanan barbaadeef gara yaaʼii isaaniittan gad isa buuse.+ 29 Sababiin inni itti himatame waaʼee dhimma Seera isaanii taʼuu isaa hubadheera;+ taʼus, himata duʼaaf yookiin hidhaadhaaf isa geessisu tokko illee hin arganne. 30 Haa taʼu malee, nama kana ajjeesuuf akka isa irratti mariʼatan waan natti himameef dafee gara keetti isa ergeera;+ namoonni isa himatanis himata isaanii si duratti akka dhiheeffatan isaan ajajeera.”

31 Kanaafuu, loltoonni sun akkuma ajajamanitti Phaawulosiin fuudhanii+ halkaniin gara Antiiphaaxriisitti geessan. 32 Guyyaa itti aanutti abbootiin fardeenii Phaawulosii wajjin akka deeman godhanii, ofii isaaniitii gara mooraa loltootaatti deebiʼan. 33 Abbootiin fardeenii sunis Qisaariyaatti seenanii xalayaa sana bulchaa biyyaatti kennan; Phaawulosiinis dabarsanii isatti kennan. 34 Kanaafuu, inni xalayicha erga dubbisee booda koonyaa kam keessaa akka dhufe Phaawulosiin gaafate; nama Kiilqiyaa+ taʼuu isaas ni hubate. 35 Achiis, “Yommuu warri si himatan dhufan, dhimma kee akka gaariittan dhaggeeffadha” jedhe.+ Sana booda mana mootummaa Heroodis keessatti akka eegamu ajaje.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi