Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Fudhattanii Hojjechuudhaan Faayidaa Argachuu Dandeessuu?
1. Naannoon tajaajilaa dhuunfaa maalidha?
1 Naannoon tajaajilaa dhuunfaa maalidha? Gumii keessa naannoon tajaajilaa baayʼeen jira yoo taʼe, naannoo tajaajilaa tarii bakka isin jiraattanitti dhihoo jiruufi dhuunfaatti isiniif kennamudha. Kitaabni Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu fuula 103rratti akkas jechuudhaan ibsa: “Naannoo tajaajilaa mijataa taʼeefi bakka ati jiraattutti dhihoo taʼe qabaachuunkee saʼaatii tajaajilaaf ramadde sirriitti itti fayyadamuuf si gargaara. Akkasumas, naannoo tajaajilaakee kana namni kan biraan akka sii wajjin hojjetu afeeruu dandeessa.”
2. Tajaajila gareedhaan raawwannu utuu nu jalaa hin tuqin, naannoo tajaajilaa dhuunfaa keenya ogummaadhaan hojjechuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Babalʼistoota Kaanii Wajjin Tajaajiluuf Gargaara: Naannoo tajaajilaa dhuunfaa bakka itti hojjettu biraa yoo fudhatte, yommuu laaqanaaf baatu ykn galgala yommuu hojiidhaa baatu utuu manatti hin galin babalʼisaa kan biraa naannoo ati hojjettu jiruu wajjin tajaajiluu dandeessa. Manakee biraa naannoo tajaajilaa tokko yoo argatte maatiikee wajjin yeroo siif mijatutti gara galgalaa tajaajiluu dandeessa. Walgaʼii tajaajila dirreerratti hin argamne taanaan, Yihowaan sii wajjin akka taʼuuf tajaajila jalqabuukee dura kadhachuunkee barbaachisaadha. (Filp. 4:6) Akkasumas, yeroo naannoo tajaajilaa dhuunfaarratti dabarsituufi miseensota gumii wajjin akka tajaajiltuuf qophii godhamerratti yeroo dabarsitu, haala madaalliisaa eegeen itti fayyadamuu qabda. Keessumaa Sanbadduraafi Sanbata yeroo obboloonni baayʼeen tajaajila baʼan, isanii wajjin tajaajiluun filatamaadha.
3. Naannoo tajaajilaa dhuunfaa qabaachuun faayidaa akkamii qaba?
3 Faayidaawwan Argannu: Naannoo tajaajilaa dhuunfaa qabda jechuun, naannoo yeroo siif mijatu kamittiyyuu itti tajaajiltu qabda jechuudha. Walgaʼii tajaajila dirree dhaquudhaaf yeroon dabalataa waan si hin barbaachisneef, tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuu dandeessa. Haalli kun babalʼistoonni baayʼeen qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa taʼanii akka tajaajilan isaan gargaara. Namoonni ati haasofsiistuufi fedhii argisiisan naannoomakee waan taʼaniif, deddeebitee isaan gaafachuudhaan fedhii isaan qaban guddisuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun salphaa siif taʼa. Babalʼistoonni baayʼeen, Naannoo tajaajilaa dhuunfaa qabaachuunsaanii keessumaammoo deebisuusaanii dura irra deebiʼanii hojjechuunsaanii namoota naannoo tajaajilaasaanii keessa jiranii wajjin wal baruufi amantiisaanii cimsachuuf isaan gargaareera. Naannoo tajaajilaa dhuunfaa fudhachuudhaan hojjechuun, atis taate maatiinkee tajaajilarratti hirmaannaa dabalataa akka gootan isin gargaareeraa?—2Xim. 4:5.