LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 31:2-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Kunoo, ani Bezaaliʼel+ isa ilma Uurii, ilma ilma Huur isa gosa Yihudaa+ taʼe sana filadheera.* 3 Inni ogummaa, hubannaa fi beekumsa akka qabaatuuf, akkasumas ogummaa harkaa akaakuu hundumaa irratti dandeettii akka qabaatuuf hafuura Waaqayyootiin isa nan guuta; 4 kanas kanan godhu, pilaaniiwwan adda addaa akka qopheessuuf, warqii, meetii fi sibiila diimaadhaan wantoota adda addaa akka hojjetuuf, 5 dhagoota akka bocuu fi iddoo isaan taaʼan akka qopheessuuf,+ akkasumas muka irraa wantoota adda addaa akka tolchuufi.+

  • Baʼuu 35:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Achiis Museen Israaʼelotaan akkana jedhe: “Kunoo, Yihowaan Bezaaliʼel isa ilma Uurii, ilma ilma Huur isa gosa Yihudaa taʼe sana filateera.+

  • Baʼuu 36:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 “Bezaaliʼel, Oholiyaabii fi nama dandeettii* qabu hundumaa wajjin ni hojjeta; namoonni kun akkuma Yihowaan ajajetti hojii tajaajila qulqulluu hundumaa hojjechuu akka beekaniif Yihowaan ogummaa fi hubannaa isaaniif kenneera.”+

  • Baʼuu 37:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Achiis Bezaaliʼel+ muka laaftoo irraa Taabota+ ni tolche. Taabotichi dheerinni isaa dhundhuma* lamaa fi walakkaa, dalgi isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.+

  • 2 Seenaa Baraa 1:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Iddoon aarsaa Bezaaliʼel+ ilmi Uurii ilmi Huur sibiila diimaa+ irraa hojjete godoo qulqulluu Yihowaa dura kaaʼamee ture; Solomoonii fi gumichis isa duratti kadhannaa dhiheessu* turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi