LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 19:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “‘Wanta dhiiga qabu akkamii iyyuu hin nyaatinaa.+

      “‘Milkii hin ilaallatinaa yookiin falfala hin raawwatinaa.+

  • Leewwota 20:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “‘Nama* isaanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuuf gara eker dubbistootaa+ fi gara raagdotaatti+ garagale kam iyyuu, ani dhugumaan itti garagalee saba isaa gidduudhaa isa nan balleessa.*+

  • Keessa Deebii 18:10-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11 namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+ 12 Sababiin isaas, namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha; Waaqni kee Yihowaan si duraa isaan ariʼaa kan jirus gochawwan jibbisiisoo kanaan kan kaʼe dha.

  • 1 Saamuʼel 28:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yeroo kanatti Saamuʼel duʼee ture; Israaʼelonni hundis isaaf booʼanii magaalaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalanii turan.+ Saaʼolis eker dubbistootaa fi raagdota biyyattii keessaa balleessee ture.+

  • Galaatiyaa 5:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo raawwachuu,*+ diinummaa, lola, hinaaffaa, aariidhaan finiinuu, gargar baʼuu, wal qoqqooduu, garee amantii uumuu,

  • Mulʼata 22:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Saroonni,* warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri halaleen,* warri nama ajjeesan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, akkasumas warri soba jaallatanii fi warri sobduun hundi ala jiru.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi