-
Baʼuu 28:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Obboleessi kee Aaronii+ fi ilmaan isaa+ Naadaab, Abihuun,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ luboota akka naa taʼaniif+ Israaʼelota keessaa waami. 2 Ulfinaa fi miidhagina akka isaa kennuuf obboleessa kee Aaroniif uffata qulqulluu ni tolchita.+ 3 Namoota dandeettii* qaban, warra ani hafuura ogummaatiin guute+ hundumaatti ni dubbatta; isaanis Aaron qulqulluu akka taʼuu fi luba taʼee akka na tajaajiluuf isaaf uffata ni tolchu.
-
-
Baʼuu 28:43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 Cubbuu akka isaanitti hin taanee fi akka hin duuneef, Aaronii fi ilmaan isaa yeroo dunkaana walgaʼiitti seenanitti yookiin yeroo iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhihaatanitti wantoota kana uffachuu qabu. Kun isaa fi sanyii isaa warra isa booda dhufaniif dambii dhaabbataa haa taʼu.
-